Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargee Laavroov osoo hin eegamiin Keeniyaa galan
Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargeey Laavroov dowwannaa dursa hin ibsamneen Keeniyaa seenan.
Waajjirri Dhimma Alaa Mooskoo ministirichi Wiixata har’aa barii Naayiroobii seenuu saanii ifa taasisulleen, maaliif akka dhufan garuu wanti jedhame hin jiru.
Imbaasiin Raashiyaa Naayiroobiitti argamu toora tiiwitara isaa irratti ergaa ‘‘walitti dhufeenya biyyoota lamaanii firii qabeessa’’ jechuun barreesseera.
Pirezidantiin Keeniyaa Wiiliiyaam Ruuttoo imala sirna kakuu Pirezidantii haaraa Naayijeeriyaa Boolaa Tiinubuu irratti argamu, tarii sababii dowwannaa Laavrooviin ta’u hin oollee kan haqan.
Laavroov gara Keeniyaatti kan imalan Ministirri Dhimma Alaa Yukireen Diimatiirii Kuleebaa Finfinnee dabalatee biyyoota Afriikaa garaagaraatti dowwannaa taasisu isaanii hordofeti.
Laavroov bara kana keessa gara biyyoota Afriikaatti yoo imalan kun kan jalqabaasaanii miti.
Baatii Adooleessaa keessa Masriin dowwatanii kan turan Laavroov, gara Koongoo Biraazaaviiliittis imaluun isaan booda ammo Itoophiyaafi Yugaandaas dowwatanii turan.
Baatii Amajjii keessa ammo Ertiraa dowwachuun pirezidanti Isaayaas waliin mari’achunsaanii ni yaadatama.
Dowwanna isaanii baatii Amajjiitti osoo gara Ertiraatti hin imaliin dura Afriikaa Kibbaa, Istooniyaa fi Angoolaas dowwataniiru.
Raashiyaan Yukireen irratti weerara bahu ishee hordofee biyyoota lixaa irraa balaaleeffannaan kan mudate Raashiyaan, biyyoonni Afriikaa hedduun garuu ejjannii gama lamaanuu deeggaruu irraa of qusachuu qabatanii turaniiru.
Mana Maree Nageenyaa UN keessatti wayita Raashiyaarratti sagaleen kennamu hunda biyyoonni Afrikaa hedduun Raashiyaa mormuurraa of qusataniiru.
Sargee Laavroov daawwannaa Afrikaatti taasisan sana keessatti dursanii biyyoota ja’a erga daawwatanii booda xumura irratti Finfinnee daawwatan.
Wayita Finfinnee turanitti haasaa taasisaniin qaala’iinsa gatii midhaan nyaataa fi boba’aa addunyaa burjaajesseef gaafatamtoonni warra lixaati jechuun himatan.
Raashiyaan hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabdu cimsuuf jechuun walga’ii ‘’Afrikaa- Raashiyaa’’ jedhu erga eegaltee amma waggaa sadi ta’eera.
Pireezidanti Vilaadmiir Putiin bara 2020 Raashiyaan imaammata dhimma alaashee keessatti Afrikaaf akka dursa kennitu ibsanii turan.
Yeroo sana haasaa dheeraa taasisan keessatti biyyisaanii Raashiyaan biyyoota Afrikaa waliin hariiroo siyaasaa fi dippiloomaasii akka cimsitu, akkasumas gama humna ittisaa, diinagfee fi nageenyaa fi tikaan biyyoota Afrikaaf deeggarsa akka taasisan ibsanii turan.
Afrikaan meeshaalee waraanaa Raashiyaaf iddoo gabaa guddaa ta’uu baattus, Moskoon biyyoota hedduuf meeshaa waraanaa ni dhiheessiti.
Raashiyaan bara 2017 irraa eegaltee biyyoota Afrikaa kanneen akka Naayijeeriyaa, Angoolaa, Sudaan, Maalii, Burkina Faasoo fi Ikkuwaatooriyaal Giinii waliin waliigaltee meeshaa waraanaa mallatteessiteetti.
Raashiyaan kana gochuusheen hanqina albuudota akka maagniizhiyemii, booksaayitii fi kaan galtee indastirii ta’anii waan qabduuf, gama Kanaan hariiroo diinagdee biyyoota kunneen waliin uumuu feete.