Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanguddoo Shawaa Lixaa waggoota 71 booda obboleessa isaanii argatan
Seenaan maatii tokko kun bu’aa bahii maatiin adda bahuun fide, barbaacha eenyummaa waggoota 71 fixee fi imaanaa abbaan ilmasaatti dhaamee du’e, imala dheeraa milkiin guduunfame irratti fuulleffata.
BBC’n seenaa kana Godinaa Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayeetii obbolaa lamaan irraa odeeffate.
Obbo Bitimaa Dalasaa jedhamu. Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayee ganda Qimbii jedhamutti dhalatanii guddatan.
Isaanis amma maanguddoo ganna 50 keessa jiranidha. Ilmaan saddeet horatanii akaakayyuu sadii arganiiru.
Abbaa isaanii
Obbo Dalasaa Moggaasaa Abbaa Obbo Bitimaa yoo tahan, bara dargaggummaa isaaniitti haadha Obbo Bitimaatiin dura bulti ijaarratanii turani.
Seenaa kana garuu isaaniin ala ijoolleen isaanii hanga yeroo dhihootti hin beekan ture.
Obbo Bitimaan mucaa hangafaa waan tahaniif abbaa isaanii kana faana akka hiriyaatti akka waliin dubbatan himu.
Yeroo umuriidhaan jaaranii du’atti dhihaatan icciittii waggoota hedduuf garaa isaaniitti qabatanii turan fudhatanii darbuu hin barbaanne.
“Guyyaa tokko qofaatti na waamanii ‘yaa ilmakoo’ naan jedhan. ‘Ani Umurii kiyya keessatti cubbuu tokkoon hojjedhe’ naan jedhan.
''Maal inni jedheen gaafadhe. Jalqaba qeerrummaa kiyyaan intala warra Dasee (maqaa bakkaa) tokkoon fuudhe. Intala sana faana osuma jaalalaan jirruu waldhabnee baate, garuu garaashii duwwaa waan baate natti hin fakkaatu.”
“Coraankoo na beeka. Ilmoon immoo akkuma keeti. Ani hin barbaanne. Ni jiraa, ni du’ee, diimaadha immoo gurraacha, hin beeku. Yaa Bitimaa ati naaf barbaadi naan jedhan” jechuun iccitii abbaansaanii qoodaniif yaadatu Obbo Bitimaan.
Obbo Bitimaan icciitiin abbaansaanii qoodaniif kun haaraa itti tahe.
Ijoollummaadhaa hanga guyyaa icciitii kana dhagahaniitti maatii kanaaf ilmi hangafaa isaan akka taa’etti yaadaa turuu dubbatu.
Gaaffiin battala abbaa isaanii gaafatan ‘hanga ammaa maalif nu dhoksitan? kan jedhu ture.
“Hanga ammaa kanin dhokse yoon hime dubartiin ciqiciqii (dubbii) namatti kaasa. Yookaan immoo ilmoon iddoo lamaa walitti dhufte waliin hin galtu.
''Kanaafan isin dhokse. Abbaankoos 'dubartii baate hin barbaadanii hin barbaadiinis' naan jedhan. Kanaafan hin barbaadin hafe adaraa ati barbaadi,” jechuun deebisaniif.
“Isheen maqaanshii Badhaatuu jedhamti. Aanaa Tokkee Kuttaayee ganda akkasiitti heerumtee jirti. Abbaan warraashee immoo ebelu jedhama.
''Iddoo sana deemiitii achi jiraachuushii bari. Sanbooda mucaan ishiin hangafa deesse dhiira ammoo dubara jedhii gaafadhu naan jedhan,” jedhu.
Obbo Dalasaa Moggaasaa icciitii kana ilma isaaniitti himanii ji’a ja’aan booda bara 2013 umrii waggaa 101’tti addunyaa kanarraa darban.
Imaanaa abbaafi barbaacha obboleessaa
Obbo Bitimaan dhaamsi abbaan isaanii dhaamaniifii darban hanga bakkaan gahanitti boqonnaa akka hin arganne himu.
Odeeffannoo abbaan isaanii itti himan ka’umsa godhachuunis barbaacha tokko jedhanii jalqaban.
“Bakka isaan natti himan sana deemee haadhasaa argachuuf yoon gaafadhu isaan du’aniiru naan jedhan. Warra ollaa isaaniin ‘Namni isaan osoo asitti hin heerumin dahan eenyu,” jedhee gaafadhe. Akka achi hin jirre natti himan.”
“Booda mucaan isaan hangafa dahan kun aanaa Amboo jala bakka Dasee jedhamtu akka jiru natti himan.
''Achi dhaqee barbaadeen qe’ee isaa adda baafadhe. Garuu waanin jedhee gafadhu nan sodaadhee osoo hin dubbisiin deebi'ee gale,” jedhu Obbo Bitimaan.
Amma Odeeffannoo gahaa fi qabatamaa ta’e argataniiru. Namni hangafti isaanii kun dhiira akka ta’eefi bakka isaan jiraataniis sirritti hubataniiru.
Ta’us qaamaan qe’ee isaaniitti dubbisuuf sodaa keessa seenan. Kanaaf jechas bilbila isaanii warra ollaa irraa fudhatanii mana gahanii bilbilaniif.
“Mana gaheen ani obboleessa keeti akkasi akkasi jedheen bilbilaan itti hime. ‘Maal narraa barbaadda maal hojii naaf bilbilte’ jedhee naan lole.
''Qaamaan wal arginee haasofna jennaan ‘Maali namana na ajjeesuu barbaadda ammoo’ jedhee dide,” jedhu Obbo Bitimaan.
Guyyaa jalqabaa obboleessi isaanii hangafaa kun isaan hubachuu didanii lolanii ofirraa dhiibanis isaan garuu abdii hin kutanne. Deddeebi’anii bilbilanii qaamaan walarguuf akka amansiifatanis himu.
“Gaafa jalqaba Gudaritti beellamnee walarginu isaan nama guddaadha dulloomaniiru. Haatii kee jalqaba eessatti akka heeruman beektuu jedheen gaafadhe.
''Gara bakka Gimbii jedhamutti heerumte jechaa dhagaheera kanaan alatti homaa beeku naan jedhan,” jedhu.
Obboleessi hangafaa Obbo Bitimaa kun maqaan isaanii Karaa jedhamu. Isaan akaakayyuu fi akkawoo biratti akka guddatanii fi haati isaanii waa’ee abbaa isaanii homaa akka itti hin himnees himan.
“Amma maaliif na barbaaddan? Lafa abbaa keetii siif kennuufii yoo naan jettan ani ofiifuu dulloomee lafatti galuufi amma maal raajjattanii na barbaaddan?'' kan jedhu gaaffii Obbo Karaa ture.
Obbo Bitimaan akkas jechuun akka deebisaniif yadatu, ''Ani dhiigummaafin si barbaade, jecha abbaa kiyyaa karaatti gatuu waan hin qabneefin si barbaade.
''Yoo ati dulloomte ijoolleenkee jiru. Ijoolleekees sis nan barbaada,'' jedheen jedhu.
Obbo Karaan Waggoota 71 darban akka obboleessaa fi obboleettii hin qabneetti qofaa jiraataa turaniis, dhimma kuna salphaatti akka hin ilaalle himan.
Kanaaf jechas maatii haaraan walbaraa jiran kana qofaa isaanii murteessuu hin barbaanne. Maatii isaanii waliin mari’atanii murteessuuf beellama qabachuu himu.
Obboleessa waggoota dheeraa booda argame
Waan abbaan isaanii itti himaniin Obbo Karaan Obboleessa isaanii hangafaa akka tahan mirkaneeffatanilleen bifti Obbo Karaa bifa abbaa isaanii Obbo Dalasaa Moggaasaatiin tokkuma ta’e jedhan Obbo Bitimaan.
“Namni kun fakkaattii abbaakootiti. Barruunsaa barruu abbaa kootii. Nyaarrisaa nyaara abbaakooti. Ijisaa ija abbaakooti. Konkonnisaa konkona abbaakooti.
''Ilkaansaa ilkaan abbaakooti. Miillisaa miila abbaakootiti. Qulqulleesseetuma,” jechuun waan hundaan fakkaattii abbaasaanii ta’uu dubbatu.
Obbo Karaan qe’ee akaakayyuu isaanii kan obbolaa malee qofummaan waggoota 71 dabarsan kanatti ijoollee fi ijoollee ijoollee isaanii waliin maatii 21 horataniiru.
Obbo Bitimaan gammachuu obboleessa hangafaa argatan kanaaf akka duudhaa Oromootti sagantaa qopheessanii maatii gara lamaanii walbarsiisaniiru.
“Innis maatiisaa hunda waamee, anis maatiikoo bakka hunda jiru waameen sagantaa qopheessinee walbarsiifne. Obbolessa hangafaa kana marga itti kenninee, muudaa muunnee, dirriba itti uwwisnee simanne,” jedhan.
Abbaan keenya ilma hangafaa kana barbaadee arguu dhabuun balleessanis dhaamsa isaan barbaadi jedhanii natti dhaaman kanaan barbaadee argadhee badii darbeefis akka maatiitti dhiifama gaafannee walsimanneerras jedhan.
“Hangafti keenya kun Obbo Karaan ‘ilmoon keessan baatee alatti hin hafin, jifuun keessan hin jallatin, harki keessan bahee gumaa hin uumin, gufuu gufaata isin haa baasu, naasuu rifaata isin haa baasu, ani gammadee gammadaa,” jechuun maatii hunda eebbisus himan.
Maanguddoon gannaa 71 Obbo Karaan yaada BBC’f kennaniin, qofummaan umuriikoo guutuu itti dabarse xumuramee obbolaakoo argachuun gammachuu addaa natti uumera jedhan.
“Kun gammachuunsaa waan dubbaatamu maal qaba. Baay'een gammade. Osoon hin du’in kana arguu caalaa wanti nama gammachiisu hin jiru,” jechuun dubbatan.
Haala nageenya naannoo isaanii jiruuf jecha gara magaalaatti baqatanii akka jiraniifi sagantaa obboleessa hangafaa simachuu kana bakkuma amma qubatanii jiranitti akka raawwatames himan Obbo Bitimaan.
Ta’us haalli nageenya biyyaa yeroo fooyyaa’e obboleessa hangafaa barbaachan argatan kanaaf sagantaa simannaa guddaa qe’ee abbaa isaaniitti gochuuf yaada akka qabanis dubbataniiru.
Obbo Karaanis amma obbolaan marfamanii, hangaafummaan isaaniis mirkanaa’efii gammachuun firoonni walitti marmaaraa jiru.