Loltoonni Chaayinaa fi Indiyaa daangaarratti wal haleelan

Madda suuraa, Getty Images
Indiyaan loltoonni ishee daangarratti loltoota Chaayinaa wajjiin wal haleeluu beeksifte. Walitti bu'iinsi daangaa biyyoota lamaanii irratti mudatu kun waaggaa tokko keessatti kan jalqabaati jedhame.
Bara 2020 walitti bu'iinsi wal-fakkaatan daangaa biyyoota lamaanitti mudateen loltoonni 24 du'anii turan.
Kaleessa garuu bakka waldhabdee biyyoota lamaanii kan ta'e Aruunakal Piraadeshitti loltoota Chaayinaa wajjin wal waraansi akka ture Indiyaan beeksifteetti.
Haa ta'u garuu, lola daangaa kanarratti gama lamaan irraayyuu loltoonni muraasni qofti hirmaachuufi miidhaan qaqqabees muraasa ta'uuti gabaafame.
Chaayinaan hanga ammaatti waa'ee walitti bu'iinsa daangaa Indiyaa waliin qabdu irratti uumamee waan jette hin qabdu.
Rooyitars akka gabaasetti loltoonni Indiyaa jaha ta'an miidhaan irra gaheera.
"[Erga walitti bu'iinsi uumameen booda] loltoonni gama lamaanii bakka walitti bu'iinsi uumamee akka bahan godhameera," jechuun ibse humni waraana Indiyaa.
Gaggeessitoonni waraanaa gama lamaanis walitti bu'iinsa uumame tasgabbeessuf battaluma sanatti wal-gahii godhatanii mariyachuus ibse humni waraanaa Indiyaa.
Chaayinaa fi Indiyaan daangaa 3,440 km waliin qooddatu. Daangan kun Line of Actual Control (LAC) jedhamuun beekama. Daangan biyyoota lamaanii kun yeroo sararamu rakkoo qaba jedhama.
Lafa gaarrenii fi cabbiin itti baay'atu ta'uu irraa kan ka'e yeroo cabbiin bu'u, cabbiin baqee galaana uumu ykn kuufamni cabbii uumamu sararri daangaa biyyoota lamaanii ni jijjiirama.
Loltoonni biyyoota lamaanii yeroo kamittuu haleellaa walirratti banuu danda'u jechuudha.
Yeroo tokko tokko wal-gaarreeffannaan gara dhukaasatti jijjiirama. Biyyoonni lamaan garuu gara waraana cimaatti akka hin jijjiiramneef yeroo garaa garaatti haala jiru tasgabbeessuf hojjatu.
Bara 2020 ji'a Waxabajjii keessa lola cimaa mudateen Indiyaarraa loltoonni 20 yoo du'an kan Chaayinaa loltoonni 4 du'uun ni yaadatama.
Waggoota 45 darbaniif Chaayinaafi Indiyaan naannoo daangaa Lixa Himaaliyaatti wal-gaarreffataa fi takka takkammoo walitti bu'aa turan.












