Ameerikaatti dubartiin du'uunshee himame erga kaatee booda deebitee duute

Madda suuraa, Getty Images
Dubartiin jiraattuu Nebraska turte kun mana narsii ollaasheetti du'uunshee erga labsamee booda, sirna awwaalchaa irratti lubbuun keessa jiraachuun barame, amma garuu isuma dhugaa duuteetti jedhan aanga'oonni.
Dubartiin umrii waggaa 74 Konistaansi Gilaanzi kun duuteetti jedhamtee erga sirni awwaalchaa eegalamee sa'atii lama booda harganaa jiraachuu namoonni qe'ee jiranii fi kanneen sirna awwaalchaa raawwatan baraniiru.
Akkuma kana hubataniin laphee dubartii kanaa dhidhiibuun dammaqsuuf yaalaa turan. Adeemsa CPR jedhamu battaluma raawwatan jechuudha.
Duuba Aadde Gilaanzi hatattamaan gara hospitaalaa geeffamte, yeroo muraasaaf lubbuun turtus garuu deebitee duute.
Waajjira dhimma nageenyaa Kaawuntii Lankaastar (Sheriff Office) jirutti hoogganaa itti aanaa kan ta'an Ben Hoochiin ''taateen akkanaa yeroo baayyee kan mudatee beeku miti,'' jedhan.
''Hojii kana keessa waggaa 31 ture, sadarkaa kanatti taatee mudate hin argine,'' jedhan.
''Ogeessi fayyaa guyyoota torba darbaniif ishee yaalaa ture. Dhumarratti waraqaa ragaa du'uu ishee ibsu mallatteessuuf fedhii guddaa agarsiiseera. Yeroo sanatti du'uunshee homaa nama hin shakkisiisu ture,'' jedhan Aab Hoochin.
Kana hordofee poolisiin taatee mudate kana qorataa akka jiru ibseera. Qorannoo hanga ammaatiin garuu mana narsii kanaatti yakki raawwatame homtuu akka hin jirre ibsaniiru.
Namoonni du'aniiru jedhamuun erga ibsamee booda lubbuun jiraachuunsaanii wayita baramu kun kan jalqabaa miti.
Bara darbe ji'a Waxabajjii keessa Ikuwaador keessatti maanguddoon umrii waggaa 76 Beellaa Montaayaa jedhaman dhibee itituu dhiigaan qabamanii du'uunsaanii erga labsamee booda lubbuun jiraachuunsaanii barameera.
Reenfi saanduqa keessa kaa'amee, hunda bakka gadda taa'aa jirutti du'uunsaanii labsamee sa'atii shan booda wayita uffata reenfatti jijjiiruuf saanduqa banan lubbuun jiru.
Ergasii guyyoota muraasa booda deebi'anii du'an.
Bara 2018 ammoo Afrikaa Kibbaatti dubartiin tokko balaa konkolaataa ishee mudateen du'uun erga labsamee booda, iddoo reenfi kaa'amu- firiijii keessatti lubbuun keessa jiraachuun barameera.
Namni dhuguma du'ee ka'aa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yunivarsitii Anjeliyaa Ruskiin kan Chelmsford keessatti argamutti barsiisaa gameessa damee barnootaa fayyaa kan ta'am Dr Istiifan Huyiis taateen akkanaa muraasa ta'uu himuun, ''duuti adeemsa akka ta'e,'' ibsan.
''Yeroo garii namoonni waan sirriitti du'an fakkaatu, garuu lubbuun keessa jiraachuu danda'a. Kanaafuu du'a namaa mirkaneessuu dura qorannoon sirriitti gaggeeffamuu qaba.''
Dr Huyiis akka jedhanitti yeroo baayyee doktaroonni namni tokko du'uu fi dhiisuu mirkaneessuuf dhahannaa onnee yookiin hargansuu namaa ilaalu.
Haata'u sababa garaagaraan dhahannaan onnee fi hargansuu namaa ciruma dhabamuu danda'a, kunimmoo waan isaan du'an fakkeessa jedhan.
Akkaataa du’a namaan walqabatee haalonni walxaxoon [sirriitti mirkaneessuuf nama rakkisan] ni mudatu jedha Dr Sifeessaan.
''Fakkeenyaaf sammuun yoo baayyee miidhame [hojii dhaabee] onnee fi sombi bakkasaa [sammuu] maashina gargaaramanii hojjechuu danda’u. Yeroo kana du’a mirkaneessuun rakkisaa ta’uu mala.''
Kanaan achi dhahannaan onnee fi sochiin dhiigaa dhaabbatee, hargansuun guutummaatti adda citee fi agartuun ijaa ifatti miira hin agarsiisu taanaan, qaama kana gara jireenyaatti deebisuun hin danda’amu jedha.
''Daqiiqaa afuriif marsaan dhiigaa dhaabbateera yoo ta’e, hargansuunis tureellee gidduu gidduun hin jiru yoo ta’e qaama kana duubatti [gara fayyummaatti] deebisuun hin danda’amu. Kanaafuu namni tokko du’ee ka’ee, achiimmoo deebi’ee du’a kan jedhu kana itti hin amannu nuti akka ogummaa keenyaatti.''
Namni tokko akkuma lubbuu godhatee nama ta’ee gara biyya lafaatti dhufuuf adeemsa keessa darbu wayita du’us adeemsa keessa darba.
Yuniversitii fayyaa Niwu Yoorkitti daarektarri qorannoo saayinsii dhimma du'aan walqabatuu Dr Sam Parniyaa, namni tokko du'e kan jedhamu yoo sammuun du'eedha jedha.
''Du'i kee mirkana ta'uuf qaamni kee qofti du'uun ga'aa miti. Sammuun kee yoo du'edha duute kan jedhamtu,'' jedha ogeessi fayyaa olaanaan namoota dhibee akkaan hamaan qabaman yaalu kun.
Adeemsa du’aa kana mirkaneessuun hojii salphaa miti kan jedhu Dr Sifeessaan keessattuu kan namoonni keenya muuxannoodhumaan namni tokko du’uu mirkaneessanii awwaalan dogoggora qabaachuu akka danda’u kaase.
Sammuun keenya sirna hargansuu fi dhahannaa onnee keenyaa ajaja, kanaaf wayita tumsa maashiniin harganuu eegallu, sammuun keenya guddoo miidhamee sadarkaa of duuba deebisuun hin danda’amnerraa yoo ga’ellee, qaamni keenya sochii agarsiisuu eegala.
Garuu akkas jechuun namni sun hin duune jechuu miti jedha Dr Sifeessaan.
''Fakkeenyaaf sammuun nama tokkoo hojii dhaabee, onnee fi sombi maashiniidhaan kan hojjetu yoo ta’e darbee darbee sochiin qaamaa jiraachuu danda’a.
''Nama sadarkaa kanarra ga’e du’arraa of duuba deebisuun kan danda’amu ta’uu baatus, firri yookiin maatiin nama kanaa garuu sochii qofa arganii akka fayyaatti fudhatu.''
Namni tokko yoo sirriitti osoo hin mirkanaa’in waan of wallaaleef qofa du’eera jedhame malee, manni yaalaa du’uusaa mirkaneessee jennaan qaamni isaa deebi’ee jireenya horachuu akka hin dandeeyne dubbata Dr Sifeessaan.












