'Dhiiga hiriyootakoo du’anii ofitti dibee, nama du’e fakkaadheen hafe'

Miah Cerillo

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Haleellaa mana baruumsaa Yuvaaldetti jalqaba Waxabajjii 2022tti qaqqabee tureen barattuun ganna 11 dhiiga hiriyoota ishee dibachuun akka oolteefi barsiistuun ishee akkamitti akka ajjeefamte Mana Maree UStti himte.

Yeroo isheen waan argite Mana Marichaa duratti ragaa baatu, miseensonni tokko tokko boo’aa turan.

"Nagaan buli jedhee rasaasaan mataa ishee keessa dhahe,” jetti Miyaa Seriiloo, barattuun ganna 11.

Haleellan mana baruumsa sadarkaa tokkoffaa Teeksaasitti raawwatee ture ijoollee 19 dabalatee lubbuu namoota 21 galaafateera.

Kun ammoo seerri meeshaa waraanaa US akka fooyya’uuf irra deebin falmiin akka taasifamu godhee jira.

Kanaan dura seera to’annoo meeshaalee waraanaa mirkaneessuuf dhiibban taasifamaa ture danqamaa ture.

Ragaan Miyaa dursee waraabamee paanaalii Kongiresiitti dhiyaate Manni Marichaa haleellaa meeshaa waraanaa irratti tarkaanfiin akka fudhatamuuf waamichi miiraan guutame akka dhiyaatu taasiseera.

Odeeffannoon kun waan miira namaa jeequ of keessaa qabaachuu mala.

Barattuun kun yeroo barsiistun isaanii nama meeshaa qabatu argitee akka dhokatan isaanitti himtu yaadachuun dubbatti.

Yaroo barattoonni minjaala barsiistuu isaanii duuba dhokatanitti dargaggeessi ganna 18 tokko itti dhukaasee barsiistuu kana ajjeese.

Miyaan gateettii ishee fi mataa isheerra miidhan qaqqabus nama du’e fakkaattee ciifte. Sana booda bilbila barsiiftuu ishee duute sana fuutee 911 tti bilbiluun poolisii waamte.

"Namtichi daree sanatti waan deebi’u natti fakkaatee ture, achumaan dhiiga hiriyoota koo fuudhee qaama koo hundatti dibadheen callise,” jetti barattuun kun.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

"Taatee akkanaa deebi’ee arguu hin baraabdu,” jetti Miyaan. Abbaan ishee Migu’eel Seriloo intalli isaanii dhiphina sammuu cimaa keessa akka jirtu dubbatu.

“Ishee mucaan kana dura wajjin taphataa ture irraa adda taatee jirti,” jedha abbaan ishee imimmaan lolaasaa.

Dabaluunis, “Kana booda manneen barnootaa nagaa ta’uu hin danda’an. Jijjiiramni ta’e tokko dhufuu qaba,” jedha.

Seera tumtoonni maatii barattuu Leeksii Ruubiyoo, barattoota Yuvaldatti ajjeefaman keessaa tokko kan taaterraa jecha ragaa fuudhaniiru.

"Haati mucaa kanaa ala kana dhaabattee ragaa keenya dhagahaa jirti. Yaada isheetti, ‘garaan koo na gubate’ jechaa jirti yoona kana.

Amma fala kana ta'u tarkaanfiin hin fudhatamu taanan nus gaaf tokko carraadhuma isheetu nu eeggata,” jetti Kimbarlee Maataa Ruubiyoo.

Yuvaaldatti ogeessa fayyaa daa’immanii kan ta’an Dr Rooy Guwareeroo koree kanaaf waan argan irraa ragaa dhiyeessaniin, “Barattoonni lama raasaasni qaama isaanii akka malee waan rukuteef reeffi isaanii dhiigan faalamee adda baasunuun rakkisaa ture,” jedhan.

Ragaa jechaa fuudhuun kan taasifame guyyaadhuma Biiron Haqaa komii akkaataa poolisiin halellaa baname kana qolachuuf itti qaqqabe irratti ka’e qorachuuf beeksisettiidha.

Galgala gaafa Roobii Manni Maree Bakka Bu’ootaa meeshaalee waraanaa walakkaan otomaatikii ta’an bitachuuf umuriin gadi aanan 18 hanga 21 akka ta’uufi meeshaalee haleellaa raawwachuuf gahuumsa guddaa qaban hambisuuf akkaataa paartii isaanitti sagalee kennaniiru.

Miguel Cerrillo

Madda suuraa, AFP

Paartii Rippaabilikaanotaa keessaa seenaataroota 50 qofatu seera meeshaa waraanaa haaraa kanaaf banaa ta’e.

Wixineewwan hawaasa bal’aadhan deeggarsa qaban seera namoota dhuunfaa rakkoo fayyaa sammuu qaban, namoota kanaan dura yakka hojjatan meeshaa waraanaa bitachuu kan dhorkuudha, akkasumas namoonni meeshaa waraanaa bitan dudduubbee isaanii qorachuu kan of keessatti qabatuudha.

Walgahii mana maree kana irratti Rippaabilikaanonni gama isaanitiin, meeshaa waraanaa to’achuu osoo hin taane eegumsi akka cimu gochuutu furmaata jedhuun falman.