Maanguddoon 'duute' jedhamte saanduqa keessaa osoo afuura baafattuu baraaramte

Saanduqa awwaalchaa, file

Madda suuraa, GODONG

Maxxanfame

Biyya Laatin Ameerikaa Ikuwaadoor jedhamtu keessatti dubbiin kun ta'e. Maanguddoon ganna 76 Bellaa Montoyaa tasa dhibamanii Hospitaala seenan. Guyyaadhuma hospitaala seenan doktarri du'uu isaanii maatiitti hime.

Firri gaggeessaa maanguddoo kanaaf walitti qabamuu eegale. Maatiin huccuu isaanii jijjiiree awwaalchaaf osoo qopheessuu saanduqa awwaalaa isaanii keessaa afuura baafachuuf montoyaan waldhaansoo gochaa akka jiran barame.

Maanguddoon kun du'aniiru jedhamanii erga saanduqa keessa ka'amanii sa'aatiiwwan shan booda lubbuun keessa jirti, afuura baafachuuf osoo yaalanii miseensi maatii argan.

Amma maanguddoon kun hospitaalatti deebi'anii kutaa hordoffii dhibee cimaa (Intensive care) keessa jiru.

Ministeeerri Fayyaa Ikuwaadoor dhimma kana qorachuuf koree hundeesseera.

Ministeerichi ibsa baaseen maanguddoon kun jalqaba gara mana yaalaa kan deeman rakkoo sirni hargansuufi dhahannaa onnee dhaabachuu wajjiin walqabateeti jedhe.

Yaalii laphee gadi dhidhiibuun dammaqsuuf godhames hin milkoofne ture.

Booda dooktariin dabaree irra jiru maanguddoon kun du'uu mirkaneesse.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ilmi maanguddoo kanaa, Gilbeer Rodolfoo Balberaan Montoyaa, yaada miidiyaa biyya keessaaf kenneen harmeen isaa ''gara sa'aa sadii hospitaala seenanii, walakkaa guyyaa irratti dooktarri du'uu ishee natti hime'' jedhe.

Maanguddoon kun du'uun isaanii erga dooktaraan himamee booda, sa'aatiiwwan hedduuf saanduqa keessa turan, garuu ammoo miseensi maatii tokko haati kun harganuuf yeroo yaalan arga.

Viidiyoon miidiyaa hawaasaa irratti qoodame maanguddoon kun sanduuqa qadaadni isaa banaa jiru keessa ciisanii yeroo harganan, namni hedduun ammoo itti marsee dhaabatuu agarsiisa.

Booda ogeeyyiin fayyaa dhufanii ilaalanii achiis istireecharaan ambulaansiitti fe'anii fudhatanii sokkan.

Montoyaan hospitaaluma doktaroonni du'aniiru ittiin jedhan kutaa waldhaansi dhibee cimaa itti kennamu (intensive care) yaala argachaa jiru.

Maddi oduu AFP ilmi maanguddoo kanaa Balberaan ''suuta suuta wanta dhalate yaadachaan jira. Amma fayyaan harmeekooti akka fooyya'u qofan kadhadha. Fayyitee na cinaa akka jiraattun barbaada'' jechuu gabaaseera.