Israa'el guyyaa 60'f Gaazaatti dhukaasa dhaabuf waliigaluu Tiraamp beeksise

Madda suuraa, Reuters
Gaazaatti guyyoota 60'f dhukaasa dhaabuf yaada dhiyaate Israa'el fudhachuushee pirezidaantiin US Doondaald Tiraamp beeksise.
"Waraanichatti xumura gochuun qaamolee hundumaa waliin ni hojjanna," jechuun fuula miidiyaa hawaasaa dhuunfaasaa 'Truth' irratti maxxanse.
Tiramp maxxansa isaa keessatti Kaataarifi Masiriin waliigaltichi akka milkaa'uuf dhamaatii guddaa gochuu ibse.
"Nagaan akka bu'uuf warri dhamaatii heddu taasisan Kaataarifi Masiriin yaada dhumaa kana ni dhiyeessu. Hamaas waliigaltee kana ni fudhata jedheen amana, sababni isaa hamaataa deema malee waanti fooyya'u hin jiru," jechuun maxxanse Tiraamp.
UNtti ambasaaddara Israa'el kan ta'an Daanii Daanoon Israa'el dhukaasa dhaabuf qophii ta'uu himuun, Hamaas garuu haal-duree dhukaasa dhaabuu fudhachuuf ifa akka hin taane kaasan.
Gaazatti dhukaasa dhaabun akka jiraatu Tiraamp kan beeksise torbee dhufu Ministiira Muummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu wajjin qaaman wal-arganii ni mariyatu jedhamee yeroo eegamaa jirutti.
Tiraamp kaleessa, Kibxata, akka beeksisetti, Netaaniyaahuun waraana Gaazatti gaggeeffamaa jirutti xumura gochuu akka barbaadu beeksise.
"[Netaaniyaahuun waraanni akka xumuramu] barbaada. Kana jala muree isinitti himuun barbaada. Torbee dhufu waliigalteerra ni gahama jedheen yaada," jedhe Tiraamp itti dabaluun.
Daanii Daanoon ammoo Hamaas mariitti dhufuun ala filannoo biraa akka hin qabne BBCtti himan.
"Hamaas irratti dhiibbaa gochaa jirra, gara mariitti hin dhufan taanan, namoota butaman deebisuuf filaannoon nuti qabnu haleellaa waraanaa cimaa irratti gaggeessuu qofaadha," jechuun waraanni Gaazaa kan dhumu namoonni butaman gaafa deebi'an qofaa akka ta'e dubbatan.
Lammiilen Israa'el butamanii Gaazaa keessa jiran 50 akka ta'antu amanama. Isaan keessaa kan lubbuun jiran 20 hin caalan jedhama.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Torbee darbe qondaalli olaanan Hamaas tokko BBCtti akka dubbatetti, Gaazatti dhukaasi akka dhaabatuufi namoonni butaman akka gadi lakkifamaniif kanneen jaarsummaan gidduu deeman dhiibbaa gochaa jiru. Garuummoo, mariin Israa'el wajjin godhamu fuulduratti siquu hin dandeenye.
Israa'el akka jettutti waraanichi dhuma kan argatu Hamaas guutummaan yoo diigame qofaadha. Hamaas ammoo waraanni guutummaan akka dhaabatuufi Israa'el loltootashee guutummaan Gaazaa keessaa akka baastu gaafataa ture.
Gaazatti waliigalteen dhukaasa dhaabuu guyyoota 60 turu akka taasifamu Tiraamp beeksisuunsaa, Israa'el namoonni Kaaba Gaazaa keessa jiran qe'eesaanii gadhiisanii akka bahaniif ajaja dabarsuu hordofeeti.
Israa'el Wiixata darbe Kaaba Gaazaa, kaafee qarqara Galaana Medetiraaniyaanitti argamuufi namoonni heddumminaan fayyadaman irratti haleellaa gaggeessite jedhameen yoo xiqqaate namoonni 20 du'an.
Waraana Israa'el-Hamaas bara 2023 eegaleen hanga ammaa Filisxeemonni 56,647 Gaazaa keessatti du'aniiru.












