UStti magaala abiddaan mancaate keessaa guyyaatti hanga reeffa namootaa 20tu argamaa jira

Magaala Lahaayina
Maxxanfame

Balaa abiddaa torbee tokko dura US bulchiinsa Hawaayittu kan argamtu magaala Lahaayinaa jedhamtu guutummaan barbadeessen guyyatti reeffi namoota 10 hanga 20 ta'an argamaa jiraachuun bulchaan Hawaayi dubbatan.

Waggaa 100 keessatti balaan abiddaa hamaan akkasii UStti mudatee hin beeku jedhama.

Bulchaan Hayaayi Joosh Giriin CBS Newstti akka himanitti ammayyuu hojjattoonni balaa hatattamaafi lubbuuu baraartonni magaala ona taate kana keessaa reeffa namootaa barbaadaa jiru.

Hanga ammaatti balaa abiddaa kanaan namoonni 99 du'uun mirkanaa'era. Joosh Giriin akka jedhanitti ammayyuu namoonni 1,300 achi buutensaanii dhabamee jira.

Magaalattii keessaa barbaachi reeffaa dhibbeentaa 25 qofa kan taasifameefi guutummaatti waliin gahuufi hanga namoota du'anii dimshaashatti dubbachuuf hanga guyyaa 10 akka isaan fudhatu dubbatan Joosh Giriin.

Magaalan Lahaayinaa guutummaan barbadaa'uu kan himan Joosh Giriin, "Waan manca'e malee waanti mul'atu tokko hin jiru" jedhe.

Magaalattiin jiraattoota 12,000 kan qabdu turte, amma garuu abiddaan mancaate. Namoota balaa abiddaan du'an kana adda baasun rakkisaa ta'uurraa kan ka'e qorannoo qaccee sanyii (DNA) fa'aa gaggeessun akka adda baafamantu himame.

Barbaacha taasifamaa jiruun saroonni foolii suufun adda baasun leenji'an 20 hojjattoota Ejansii Bulchiinsa Balaa Hatattamaa Federaalaa wajjin bobba'uu himan qondaalonni.

Torbee darbe oddoola Maawweetti abiddi erga ka'ee booda namoonni achi buutensaanii dhabamame 2,000 ture. Amma garuu garuu namoonni dhabaman 1,300tti gadi bu'uutu himame.

Ajajaan poolisii Maawwee Jeef Peliitar namoonni maatin jalaa badan sumuda qaccee sanyii akka kennan gaafatan. Sababnisaa namoonni abiddaan gubatanii du'an eenyummaasaanii adda baasun rakkisaa waan ta'eefi.

Kanneen gara magaalattiitti deebi'uu barbaadan ammoo ammayyuu reeffi namootaa barbaadamee hin dhumne waan ta'eef obsaan akka turan gaafatan.

Abiddi magaala Lahaayinaatti qabatee ture ammayyuu kan hin dhaamne ta'us dhibbeentaa 85 to'atamuu ibsan qondaaltonni. Balaan abiddaa kun akkamitti akka eegale hanga ammaa waanti beekamu hin jiru. Gogiinsifi bubbee cimaan jiraachunsaa ammoo abiddichi akka hammaatu taasise.