Konkolaataan daandiirra deemaa turte baaxii manaa darbii lammaffaa irratti kuftee argamte

Balaa konkolaataa Peeniselvaaniyaatti mudate

Madda suuraa, THE JUNCTION FIRE COMPANY

Maxxanfame

Guyyaan isaa Dilbata darbe ture. Ameerikaa Peeniselvaaniyaa keessatti namichi konkolaataa oofaa ture mana nama biraa darbii lammaffaa irratti buusuun himatame. Qondaalonni mootummaa ‚‘itti yaadeeti‘‘ jedhan.

Poolisiin magaalaa Lewistan keessatti konkolaataa mana namaatti bu’uun itti rarraatee jirtu argan amma konkolaachisaa ishee irratti himata banuuf jedhu.

Qondaalonni mootummaa dhugumatti konkolaataan kun akkamiin mana irra bahe kan jedhu irratti waan jedhan hin qaban. ‘‘Suuraan isaa ofumaan dubbata,‘‘ jedhe qondaalli ittisa balaa abiddaa tokko.

Yeroo balaan kun mudatu namni sadan tokko manicha keessa jiru ture. Miidhaan isaan irra gahe hin jiru jedhan Saam Buumgaardinar, bulchaan kaampaanii Jaankishan Faayer, kan yeroo balichi dadhaqqabe deeggarsa kennan.

Konkolaachisaan konkolaataa isaa manarra baase achumaan baaxii manichaarra bahuun miidhaa isarra gaheef yaalamuuf hospitaala geeffameera.

Konkolatittiin gara darbii lammaffaa ykn baaxii manaatti kan ol darbamteef dura bo’oo daandii manicha cina jiru irra bahuun tahuu danda’a jedhan qondaalichi.

‘‘Hulaa ykn bo’oo daandii jalatti hojjetamerra yeroo bahu ol qilleensa keessa darbamatamuun manichara bu’e‘‘

Poolisiin ammoo balaan kun tahe jedhamee raawwatame jechuun qorannoo isaanii jabeessanii akka itti fufan himaniiru.

Konkolaachisaanis balaa dhaqabsiiseef himatama jedhan.

BBC’n poolisii dubbisee dhimmicha adda baaseera.

Dippaartimantiin Ittisa Balaa Abiddaa konkolaaticha mana irraa buusuuf sa’a sadii nutti fudhateera jedhe.

‘’Gareen lubbuu baraartotaa inumaa waan duraan barameen ala yaaduu qabu ture,’’ jedhan Saam Buumgaardinar.

Gareen kun warra manaa tasgabbeessuun bakka manichi urates duuchuu himaniiru.

Mana balaa konkolaataan miidhame

Madda suuraa, THE JUNCTION FIRE COMPANY