Donaald Tiraamp fi ijoolleen isaa yakka waliin dhahuun himataman

Maxxanfame

Donaald Tiraamp fi ijoolleen isaanii sadii erga Niiw Yoork qorannoo dhaabbata maatii isaanii- Dhaabbata Tiraamp irratti gaggeessaniin booda, ''karaa qaxxaamuraa duroomuuf'' jecha qabeenya isaa haaleera jechuun himataman.

Himanni irratti dhiyaate akka jedhutti, liiqaawwan argachuufi gibira gadaanaa kanfaluuf jecha waa'ee qabeenyaa isaanii ''biiliyoonotaan'' soban.

Abbootiin alangaa, dhaabbanni Tiraampi baroota 2011 fi 2021 jidduutti yeroo garaa garaatti gocha waliin dhahu raawwate.

Haata'u malee Aab Tiraamp garuu himannichaan ''adamsoo daba biraatii'' jechuun kuffiisan.

Dhaabbata Tiraamp keessatti hojii gaggeessitoon lama, Aleen Weisselberg fi Jefery McConny, pirezidantii duraanii fi ijoolleesaa angafaa Donaaldi Jr Ivaankaa fi Eriik Tiraamp waliin akka himatamtootaatti eergaman.

Himannaan kunis erga waggoota sadiif qorannoon sivilii gaggeeffameen booda abbaan alangaa waliigaalaa Niiw York Laatiishiyaa Jeemsi, nama seeraa bulchiinsichaa gammeettiin dhiyaate.

Tiraamp fi dhaabbanni isaa gatii dhaabbanni ijaarsaa isaa baasu ilaalchisuun odeeffannoo dogoggoraa dhiyeessuun, turtii yeroo liiqii fooyya'aa baankiirraa argachuu isaaniif himataman.

Abbaan alangaa waliigaalaa Niiw York Laatiishiyaa Jeemsi akka himtetti, ijoolleen Tiraamp fi hojii-gaggeessitoonni olaanoon Dhaabbata Tiraamp, gatii dhaabbbatichi baasu doolara biliyoonaan lakkaa’amu ta’uu eeruun sirna baankii miliquuf sobanii olkaasanii himanii jette.

Gurgurtaa ijaarsa manneeniirratti akka hin hirmaanne ugguruuf dhiibba gochaa jirti.

Abbaan alangaa waliigaalaa Niwuyork kun himannaa yakkaa hedduu abbootii alangaa federaalaa fi tajaajila galii biyya keessaaf dhiyeessu eerte.

Doonaald Tiraamp dabalatee ijoollen isaa sadii  Ivankaa, Doonaald Tiraamp juuniyeer,  fi Iriik yakka waliin dhahuu keessatti hirmaachuun shakkamaniiru.

Aadde Letiishiyaa Jeemsi maallaqa waliin dhahame keessaa doolaara miiliyoona 250 deebisiisuuf karoora akka qabdu himteetti.