Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Bakakkaan namoota 100 ol ajjeese
Guyyoota muraasa darbanitti Indiyaa bulchiinsota kaabaa lama keessatti bakakkaan irra deddeebiin bu’e namoota 100 ol ajjeessuu isaa anga’onni himaniiru.
Bulchiinsa Bihaaritti namootni 83 du’anii, 20 ammoo mada’uun hospitalaa keessatti wal’aansa argachaa akka jiran gartuun to’annoo balaa ibseera.
Uttar Piradesh keessatti ammo yoo xiqqaate namootni 20 du’aaniru.
Yeroo rooba cimaatti bakakkaan bu’uun Indiyaa keessatti baratameera.
Haaluma kanaan roobii cimaan kun mukeenifi qabeenya irratti miidhaa geessiseera.
Ogeessoti haalli qilleensaa hammachaa deema raga jedhu waan himaniif mootummaan, uummatni of eeggannoo akka godhuufi mana keessa akka turaniif akeekkachiiseera.
Maatii namoota hubamaniif gadda isaanii kan ibsan Pirezdaant Nareendira Moodii hojiin gargaarsaa eegalamuu himaniiru.
Bulchiinsa Bihaaritti Ministerri To’annoo Balaa Lakshimeshiwaar Raayi, waggooti darban kessaatti kun lakkoofsa namoota balaa bakakkaan du’anii isa guddaadha jedhaniiru.
Bara 2018’tti Indiyaa keessatti bakakkaan kan du’an namoota 2,300’ ol ta’uu. Bara 2005’rraa eegalee wagga waggaan yoo tiqqaate namootni 2,000 bakakkaan akka du’an Wajjiri Galmee Yakkaa Biyyaleessa ni ibsa.
Namootni akkas hedduminaan bakakkaan du’uu isaaniif sababa kan jedhaman keessaa tokko biyyootii biroo biratti madaalamee yeroo ilaalamu Indiyaatti lakkoofsi namoota bakkee keessa hojjatanii guddaadha, kunimmoo caalatti isaan saaxila.
Bara 2018 bulchiinsa Andiraa Piradeeshitti sa’aatii 13 keessatti bakakkaan si’a 36,749 bu’uun galmaa’eera.