Aangawaan Tigraay 'yaalii ajjeechaa' irratti raawwate maal jedhan?

Makiinaa caccabe

Madda suuraa, Selemon Measho

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Naannoo Tigraayitti bulchaan Godina Giddugalaa Obbo Salamoon Ma'aashoo ammatti namoota eenyummaan isaanii hin beekamneen ''yaaliin ajjeechaa'' irratti raawwatamuu dubbatan.

Aangawaan kuni ALI Sadaasa 08, 2017 waaree booda sababa hojiif Aksumii ka’anii gara magaalaa Maqalee imalaa osoo jiranii haleellaan irratti banamuu BBC Afaan Tigriffaatti himan.

Waa’ee yaalii ajjeechaa irratti raawwatame jedhame kanarratti hanga yoonaa Bulchiinsa Yeroo Tigraayirraa ifatti ibsi bahe hin jiru.

Obbo Salamoon bulchaa Godina Giddugalaa ta’un kan muudaman Bulchiinsa Yeroo Naannoo Tigraayiin ture.

Haleellaa irratti raawwatameerratti yeroo jalqabaaf yaada bal’aa BBC’f kan kennan qondaalli kuni, magaalaa guddoo godina isaanii Aksum irraa ka’anii yeroo imalan konkolaataan isaanii rasaasaan rukutame.

Gaaffiifi deebii BBC Afaan Tigriffaaf kennaniin wanti raawwate tarii ‘’yaalii ajjeechaa isaanirratti qiyyaafate ta’u akka danda’u’’ dubbatani.

Rasaasa itti dhukaafameen isaaniis ta’e eegduun isaaniifi konkolaachisaan isaanii akka hin miidhamne dubbatan.

Dhukaasa Dilbata waaree booda naannawa sa’aatii saddeet itti dhukaafameen konkolaataan isaanii bakkee afur akka rukutame mirkaneessaniiru.

Erga haleellaan kuni raawwatame booda odeeffannoon miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodaman wanti raawwate yaalii ajjeechaa akka hin taane eeran.

Dhimma kana kan gaafataman Obbo Salamoon ‘’homaa akka hin mudanne wanti dhihaatan hawaasa waliin dhahuuf kan yaadamanidha’’ jedhaniiru.

Osoo Maqalee hin gahiin bakkee Maayiqinaxaal jedhamu yeroo gahan ‘’Filaafil irraa gara Idaagaa Arbii yeroo naannofnu rasaasni nutti dhukaafame’’ jedhaniiru.

Kaayyoon imala isaanii magaalota Aksum, Maayiqinaxaal fi Abiy Addi jedhamanitti walgahiiwwan gaggeessuuf yaadanii akka ta’e eeran.

‘’Poolisiin akka eegumsa nuuf godhu xalayaadhaan beeksisneerra. Walgahiin Dilbata ture kan adeemsifamu. Haa ta’u malee, sababa garagaraan fashale.

‘’Kanaan booda gara Maqalee yeroon imalaa ture haleellaan narratti raawwate,’’ jedhan.

'Boru wabii qabaachuu hin dandeenyu'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Obbo Salamoon yeroos waan mudate Bulchiinsa Yeroof beeksisuu ibsani.

Ta’us, ‘’Itti gaafatamarra osoo jiruu dhuunfaan adda baasneerra, haleellaan akka hin raawwanne mirkaneessineerra jechuun haalicha busheessuuf qaamoleen sosso’an jiru,’’ jechuun gartuu Dr Dabratsiyooniin hogganamu himatan.

Obbo Salamoon gartuun Dr Dabratsiyooniin hogganamu ‘’miidiyaatti dhimma bahuun nurratti duula maqa balleessii olaanaa gaggeessaa jira’’ jedhan.

‘’Amma waan mudate sobadha kan jechaa jiran isaanidha,’’ jechuunis dubbatan.

‘’Ani poolisii, qaamni raayyaa yookiin milishaan haleellaa narraan gahe hin jenne. Rasaasni nutti dhukaafame garuu konkolaataarra qubateera.

‘’Sababa kanaaf haalichi mudateera. Dhimmichas mootummaaf dhiiseera,’’ jedhan.

Wanti mudate waan xiqqaa miti jechuun tarkaanfiin akka fudhatamu gaafatan. ‘’Kuni yoo adda bahuu dhabe baate boru ganama hundarra gaha.

‘’Aangawaa tokkoorratti qofa kan dhaabatu miti. Koreen dhimmicha adda baasu akka hundaa’u pirezidantiif gaaffii dhiheessineerra,’’ jedhaniiru.

Obbo Salamoon haleellaan irratti raawwate ‘’akka qoratamuufi beekamu nan fedha. Abbaa nurratti haleellaa raawwate yoo hin barre boru wabii qabaachuu hin dandeenyu,’’ jechuun yaaddoo himan.

Obbo Salamoon waan isaanirratti raawwate ''akka qoratamuun barbaada'' jedhan

Madda suuraa, DW

Ibsa waa'ee suuraa, Obbo Salamoon waan isaanirratti raawwate ''akka qoratamuun barbaada'' jedhan

Kana dura yaaliiwwan qaamolee garagaraarratti raawwatan akka jiran ibsu.

‘’Humnoonni biiroodhaa chaappaa fudhachuu dhufan turan. Mootummaanis yeroos ibsa itti baaseera. Eegasii dhiibbaan mana galmee gahe ture. Kunis qoratamaa jira,’’ jedhan.

Godina Giddugalaa keessa haalli nageenyaa haalaan rakkisaa ta’uufi namoota baay’eerratti haleellaafi ajjeechaan akka raawwatu ibsan.

Akka fakkeenyaattis bakkichatti yakkoota yeroo garagaraatti raawwataman eeran.

''Walumaagala rakkoon nageenyaa naannicha keessa jiru siyaasarraa kan maddudha. Haalli siyaasaa haala hamaarra waan jiruuf sababa kanaaf nageenyi rakkoo godhate,’’ jedhan.

Dhibdeen Pirezidantii Bulchiinsa Yeroo Tigraay Obbo Getaachaw Raddaafi Dura Taa’aa TPLF Dr Dabratsiyoon gidduu dhalate ji’ootaaf ture, naannicha keessattis muddama uumeera.

Qaamoleen lamaan ibsa baasuun wal himatuu itti fufaniiru.

Gartuun Dr Dabratsiyooniin hogganamu bulchiinsa yeroorratti fonqolcha raawwachuuf qophaa’eera akkasumas seera maleessummaa babal’isaa jira jechuun tarkaanfii akka fudhatu Bulchiinsi Yeroo Tigraay torban darbe ibseera.