Arsenaal yuurooo miliyeena 42 baasee Rikaardoo Kalaafiyoorii mallatteessise

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal taphataa sarara ittisaa kan ta'e Rikaardoo Kalaafiyoorii yuuroo miliyeena 42 baasun Boloonyaa irraa mallatteessise.
Taphataan ganna 22 Kalaafiyoorin lammii Xaaliyaanii yoo ta'u, tapha Waancaa Awurooppaa bara kana gaggeeffamerratti biyyasaa bakka bu'uun hiriireera.
Gahumsa sarara ittisaarratti garee biyyaalessaa Xaaliyaanifi kilaba Boloonyaa keessatti agarsiisen ija Maayikil Arteettaa keessa seene.
Amma ifatti Arsenaalif mallatteessun garee Arteettaa wajjin wal-bareera.
"Asitti argamuu koof baay'ee gammadeera. [Arsenaal seenuf] baayyeen eegaa ture," jedhe Kalaafiyoorin.
Dabaluunis, "Barana waan guddaa hojjanna jedheen yaada" jedhe garee Arsenaal tapha duraa gaggeessuf US, Filaadalfiyaa turanitti makamuun yeroo haasaa taasise.
Kalaafiyoorin waggaa tokkoof kilaba Xaaliyaanii Boloonyaa kan taphate yoo ta'u, dandeettii bakka sadi taphachuu qaba: Ittisa gidduu, ittisa duubaafi sarara ittisa karaa bitaa.
Serie A irratti kilaba Boloonyaaf taphoota 30 irratti hiriiree galuun galchii lama lakkoofsisee shan ammoo mijeessee kenneera.
Boloonyan shanaffaa ta'ee akka xumuruun Shaampiyoonsi Liigii keessatti akka hirmaatu gochuu keessatti gaheen sarara ittisaarratti inni bahate salphaa hin turre.
Leenjisaan Arsenaal Arteettan taphataa kana mallatteessisuusaatti gammaduu beeksise.
"Taphataa cimaa mallatteessisne" jechuun dubbate Arteettan.
"Rikaardoon nama dandeettii cimaafi amala gaarii qabuudha, waancawwan gurguddoo nyaachuf dorgommii taasisnu keessatti dandeettii addaa qabuun nama nu gargaaruu danda'uudha."
Yeroo dhiyoo asitti Boloonyafi garee biyyaalessaa Xaaliyaanii keessatti dandeettii addaa agarsiisaa akka ture dubbate Arteettan.
"Rikardoo wajjin hojjachuuf qophiidha, garee keenyatti isa daballee waan inni barbaadu hundaan cinaa dhabbachuu barbaanna," jedhe Arteettam.
Rikaardoo Kalaafiyoorii ji'a taphataa cimaa ji'a Caamsaa jedhamuun Serie A keessaa bara kana filamee ture.
Taphataan kun osoo gara Boloonyaa hin deemin dura waggaa tokkoof Siwizarlaand ture.
Achirraa Yuuroo miliyeena 3.3 gara Boloonyaa deemun gahumsa gaarii agarsiisen barbaadamaa ta'e.
Kalaafiyoorin ittisa dudduubaa irratti beekamaa ta'us leenjisaa Boloonyaa kan ta'e Tiyaagoo Mootaa jalatti ittisa gidduutti hiriirun taphataa ture.
Arsenaal keessatti taphattoota sarara ittisaa irratti Gabri'eel Magaalez ykn Oleeksaandar Zincheenkoo wajin wal-jijjiiree taphachuunsaa hin oolu jedhama.
Arsenaal Yuuroo miliyeena 42 Kalaafiyoorii bitus taphataasaa Emilii Ismiizrow Yuuroo miliyeena 27n Fulhaamitti gurgure.












