MM Itoophiyaa Abiy Ahmad fi hooggantoonni Afrikaa kaan sirna kakuu seenuu Ruutoof Naayiroobii galan

Hirmaattota Qophii Sirna kakuu Wiiliyaan Rutoo
Maxxanfame

MM Itoophiyaa Abiy Ahimedii fi jiilli isaanii sirna kakuu galuu Wiiliyaam Ruutoo irratti argamuuf Naayiroobii galan.

MM Abiy yeroo Keeniyaa galan Keeniyaatti Ambaasadara Itoophiyaa Jeneraal Baacaa Dabaleetiin simatamaniiru.

Keeniyaa fi Itoophiyaan olla tahuu qofa osoo hin taane waggoota dheeraaf michuu waliiti.

Pirezidaantii Keeniyaa shanaffaa tahuun kan filataman Wiiliyaam Soomoyi Ruutoo har’a Uhuuruu Keeniyaataa harkaa baallii fudhatu.

Wiiliyaam Ruutoon Yeroo istaadiyeemi ga'anitti simannaa guuddaan taasifameeraafi.

Ruutoon haadha warraa isaa, giiftii duree Reechal Ruutoo waliin argameera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Sirni dadabarsa aangoo kun istaadiyeemii Kaasaaraanitti kan gaggeefamu yoo tahu, dureewwan biyyoota 20 sirnicharrati argamu jedhamee eegama.

Ammatti Pireezdaantiin Taanzaaniyaa Samiyaa Suluhuu fi Ministirii Mummee Eswatiinii Kileewopas Dilamini qophii kanaaf argamaniiru.

Akkasumas Pireezdaantiin Siisheelsi Waveel Ramkalawaan, Pireezdaantiin Burundii Evaristee Nidayishimiye, Pirezdaantiin Malaawii Laazarus Chakweera fi Pireezdaantiin Ginii Bisaawu Umaaroo Sissikoo Embaaloo istaadiyeemicha seenaniiru.

Lammileen Keeniyaa istaadiyeemii wiirtuu ispoortii Kasaranii, kan namoota 60,000 qabachuu danda’u guutuun miraa gamchuun qophii sirna kakuu filatamaa pireezdaantummaa Wiiliyaam Ruutoof qophaa’aa jiru.

Keesssummootni kabajaa sagantichaaf yeroo istaadiyeemichatti argamaa jiranitti weellistoonni sirbaan namoota bashannansiisa jiru.

Namootni saganticha irratti argaman hedduun wayyaa halluu keelloo kan paartii Rutoo bakka bu’u uffatanii argamaniiru.

Qophiichi eegaluu isaa sa’aatii hedduu dursanii lammileen kan walitti qabamaa turan yoo ta’u, namootni dhibbaan lakka’aman halkan sa’aatii 9:00 irraatti istaayimichaa seenuu eegalanii turani.

Hirmaattota Qophii Sirna kakuu Wiiliyaan Rutoo

Daandileen ijoo magaalaa Naayrobii cufamanii kan jiran yoo ta’u, naannaa istaadiyeemichaa fi magaalattiitti qamooleen nageenyaa hedduun bobbaafamaniiru.

Miidiyaan Citezen TV viidiyoo simannaa guddaa Pirezdaant Embaaloof godhame mul’isu qoodeera:

Maxxansa X irra dabri, 1
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X, 1

Qophii kana irratti agarsiisi akka kabaja humna warana, balalii xiyyaroota waraanaa fi sirbaa adda adda ni taasifama.

Aangoon pireezdaantummaan dabarfamuu isaa mul’isuuf qophii kana irratti Pirezdaant Uhuuruu Keeniyaattan mallattoo aaangoo – goraadee fi heeraa Keeniyaa pirezdaantii haaraaf ni kennu.

Kana dura filatamaa pirezdaantii haaraa Rutootiin baga gammadde jechuu irraa of qusatanii kan turan pirezdaant Keeniyaattaan, Wiixata irratti aangoo karaa nagaan dabarsuu akka fedhanii fi pirezdaantiin haaraa lammilee Keeniyaa hunda akka tajaajilu gaaffachuun dubbataniiru. 

Wiiliyaam Rutoon, dorgomaa deeggarsa pirezdaantii Keeniyaa qabu ture, Raayilaa Odingaa filannoo cimaa tureen mo’ateera.

Maxxansa X irra dabri, 2
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X, 2

Torban darbe, injifannoo Rutoo mormuun himata dhiiyatee ture Manni Murtii Olaanaa Keeniyaa kuffiseera.

Raayilaa Odingaan xalayaa barreesseen qophii sirna kakuu har’a Kibxata gaggeeffamu irratti akka hin argamne beeksiseera.

Dabaluunis xalayaa isaa irratti, odeeffannoo dabalataa osoo hin kenniin karoora isaa itti aanu “ akkumma deemokraasii keenya jabeessaa fi cimsaa deemnuun “ ni ibsina jechuun waadaa seenaniiru.

Lammileen hedduu istaadiyeemii qophiin kun itti gaggeeffamuu seenuuf utuu yaalanii walirrra ejjeechuu uumameen yoo xiqqaate namootni saddeet miidhamuu isaanii gabaafameera.

 

Istaadiyeemichi barii sa’aatii 11:00 irratti waan guuteef jecha poolisiin lammileen gara manaatti deebi’uun qophichaa karaa TV’n akka hordofaniif gorsaniiru.

Balbala Istaadiyeemii irratti wal dhibuu guddaaa ture suuraaleen kunooti:

Hirmaattota Qophii Sirna kakuu Wiiliyaan Rutoo
Hirmaattota Qophii Sirna kakuu Wiiliyaan Rutoo