Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Hanqinni qoricha dhibee sukkaaraa rakkoo addunyaa maraati'- ogeeyyii
Qorichi insuliinii daa'immaniif erga hojiirra ooluu eegalee waggaa 100 guutera. Ta'us garuu qorichi lubbuu namoota baay'ee baraaru kun baay'inaan addunyaa irratti akka hin argamne ykn bitachuun akka ulfaatu dubbatu Yuunivarsiitii Sidinitti Pirofeesara Meedikaalaa kan ta'an Giraam Ogil.
Dhiyeenya kana dhibee sukkaaraa Sadarkaa 1ffaa (type 1 diabetes) irratti hanqinni qoricha dhibee sukkaraa kan ta'e insuliinii gatii guddaa nama akka baasisu namoota barreessan keessaa tokkoodha.
Akka qorannoon agarsiisutti osoo waldhaansa dhibee sukkaaraa sadarkaa 1ffaa argatanii addunyaa irratti namoonni miliyeena 3.9 ta'an silaa har'a lubbuun ni jiraatu ture.
Kana jechuun namoota amma addunyaa iratti dhibee sukkaaraa waliin jiraatan miliyeena 8.7 keessaa walakkaa isaa jechuudha.
Dhibeen sukkaaraa sadarkaa 1ffaa (T1D) maalidha?
Dhibee sukkaaraa sadarkaa 1ffaa jechuun rajaajin qaama keenyaa hormoonii insuliinii kan kuufama gilukosii dhiiga keessatti to'atu gahaa omishuu gaafa dadhabuudha.
Gilukosiin sukkaara dhiiga keessatti argamu yoo ta'u seeliwwan qaama keenyaf madda anniisaa guddaadha.
Dhibichi ammoo kan ittii beekamu hangi gilukosii dhiiga keessatti argamuu to'annaan ala ta'uu yoo ta'u falli isaa qoricha insuliinii waraannachuudhan gilukosii dhiiga keessa jiru to'achuun danda'ama.
Namoonni dhibee sukkaaraa sadarkaa 1ffaa qaban sukkaara dhiiga isaanii keessa jiru guyyaa guutuu hordofuu qabu, sababni isaa ammoo nyaata sooratanii fi sochii qaamaa taasisaniin hangi insuliinii barbaadamuu irratti dhiibbaa qaba waan ta'eef.
Insuliinin gahaan yoo hin jirre maal goona?
Satsaraani, shamarree waggaa 13 baadiyyaa Sirilaankaati, dhibee sukkaaraa sadarkaa 1ffaa (T1D) dhan yeroo umurii waggaa torbaa qabamte.
Haati ishee insulinii mucaa isheetif barbaacha ji'aan 200km deeemun kilinika mootummaa deemti.
Doktaroonni Sirilaankaa garuu hospitaalonni sababa kufaatii diinagdeetin dhiyeeessii qorichaa akka hin qabne dubbatu.
"Gatiin waan dabaleef ji'a lamaaf kilinikicha deemuu hin dandeenye," haati Satsaraanii.
Amma garuu intalli ishee hospitaala akka ciiftu godhamtee jirti.
"Ji'a lamaaf mana baruumsaa irraa hafteetti, irra deddebin ammoo of wallaalchisa," jetti. Hospitaala irraa insuliinii tola waan hin arganneef mana qorichaa dhuunfaa irraa qarshii abbaan warraa ishee kennuufin qoricha kana intala isheef bitti Sudeeshkan.
Qorannnoo maal jedha?
Namoota dhibee sukkaaraa sadarkaa 1ffa qaban miliyeena 8.7 keessaa miliyeena 1.5 kan ta'an ijoollee fi dargaggoota umurii 20 gadii ta'uuu isaanii ragaalen ni mul'isu.
Garuu ammoo bakka isaan jiratan irratti hundaa'un dhiibban isaan irra gahu gara gara.
Akka qorannoowwan mul'isanitti mucaan umurii 10 dhibee sukkaaraa qabduu fi biyya galii gadi aanaa qabdu keessa jirattu tokko hamma isheen jiraattu giddu galeessan waggaa 13 yoo ta'u kan biyya galii olaanaa keessa jiraattu ammoo hammi isheen jiraattu giddu galeessan waggaa 61 dha.
Ogeeyyin akka jedhanitti ijoollen dhibee sukkaara sadarkaa 1ffa yeroo isaan umurii xiqqoorra jiranitti qorannoon taasifamuufii qaba.
"Sababa doggora qorannootin waggaatti dargaggeeyyii 35,000 du'aan akka dhabnu tilmaamna. Namoonni ijoollen dhibee sukkaaratiin hin qabaman jedhanii yaadu, garuu ammoo ni qabamu," jedhu Pirofeesar Giraam Ogil.