Waan aannan gaalaa aannan beelada kaaniin adda taasisu beektu?

Maxxanfame

Uumataa Somaalee fi gaala adda baasuun hin danda’amu. Ijoollee ta’an warri gurguddaan hundinu wal qixxee gaala jaalatu.

Afoola Somaalee keessattis, ulfinnaafi jaalala gaalaaf qaban walaloo fi faaruudhaan himu. Akkasumas maqaa gaariin yaamu, kunis hariiroo gaalaa fi abbaasaa ykn immoo namni tiksuu qabu kan argisiisudha.

Dhiheenya kana keessa ammoo, addunyaa keessatti aannanii fi wantoota aannan irra hojjatamu dabalatee, gaalii guddaa argamsiisaa jira.

Itoophiyaatti naannoowwan tokko tokkotti, aannan gaalaa dhiirotaa fi dubartoota gaaʼela godhataniif faayidaa addaa qabachuu amanama.

Faayidaan aannan gaalaa maali?

Hayyuun Paatoloojii Qaadir Abdullaahii kan faayidaa aannan gaalaa qorachuuf magaalaa Hargeesaa keessa hojataa jiiru yoo ta’u, aannan gaala faayidaa hedduu qabachuu ibsa.

“Aannan gaalaa sooratawwan barbaachisoo taʼan kaalsiyeemii, Vaayitaamiin B1 fi  pottashiyeemii dabalatee kanneen guddinna qaama namaaf barbaachisoo ta’an qaba,’’ jedhan.

 Doktoorri bira Diktoor Usmaan kan magaalaa guddicha Soomaliyaa Mogadhishoo keessa hojatan gama saanitiin faayidaa annan gaalaa yoo himan, “aannan gaalaa reefuu elmame ykn ayeetuu ho’aan, vaayitaamin qaama namaaf barbaachisaa ta’an, kaalsiyeemii lafeef barbaachisuufi eenzaayimii dandeettii qaamni ittiin dhukkuba of irraa ittisuuf barbaachisu  jajjabeessu qaba,” jedhan.

“Aannan gaalaa miyaa’a qaama kan to’atudha. Akkasumas alarjii nyaataa dabalate alarjii akka dhibee sombaa, daranyoo sombaa (pneumonia) fi kanneen biroo fayyisuu dandaʼa,” jedhan Dr Abdullahii Mahadii kan hospitaala Naayirobii ‘Eastend’ jedhamu keessa hojatanii fi odeeffannoo fayyaa sarara SomaliDoc irratti barreessu.

Wantoota dinqisiisoo aannan gaalaa keessaa argaman

Itoophiyaatti Yunivarsitii Jijigaatti barsiisota kan ta’an Sisaayii fi Awoqeen, barruu horsiisa horii fi qurxummii irratti mataduree aannan gaalaa qoratu maxxansanii turan. Barreeffama sana keessattis dhimmoota aannan gaalaatiin wal qabatan ibsan.

Isaanis qabiyyeen aannan gaalaa keessa jiru waantoota ajjaa’ibsiisoo ummamni badhaasee akka ta’e ibsan.

Dhimmoota ajaa’ibaa aannan gaalaa adda taasisan keessaa:

  • Gaalli aannan baayyee kan qabaatu irra caalaa yeroo hongeeti, kunis gala beeyladoota akka loonii fi kaanin adda isa taasisa.
  • Aannan gaalaa waqtii hongee haalaan baayyee ta’usaatiin alattis, yeroo bishaan hin jirre keessa kennan, qabiyyeen bishaan isaa baayyeedha. Aannan tibba roobaa elmaman ammo qabiyyeen bishaan aannan keessatti argamu bayyee xiqqaadha.

Kunis ogummaa Waaqayyooti kan yeroo hongee bakka bishaan hin jirreetti, gala irraa baayinaan argamu akka daa’imman namaa faayadamtu gochuun kan uumeedha. Faayidaan aannan gaalaas aannan bira darbuun wantoonni aannan irra hojataman hedduus qaba.

Fakkeenyaaf, aannan gaalaa irraa saamunaa, kireemii gogaa namaa kunuunsu, qoricha, aayiskireemii, chokkooleettii fi dhadhaan ni hojatama.

Carraa daldalaa

Somaaliyaa keessatti lakkoofsi baayyina gaalaa ifatti beekamu jiraachu baatulleen, gaala miliyoona 6 ol akka qabdu tilmaamama. Kanaanis Somaaliyaan addunya keessa biyya gaalaa hedduu qabdu akka taasisu himama.

Kanaafu Somaaliyaan gaaloota hanga kanaa erga qabaattee, waa’ee gaalaatiin waan hunda qabaachuu ykn dursuu qabaatti.

Haata’u malee diinagdee fi daldalli gaalaa, aannani gaalaa fi wantoonni gaalaan wal qabatan hundi Somaaliyaa keessatti qaaliidha.

Qabeenyaan kun xiyyeeffannaa argachu qabu dhabuu isaatiin carraan hojii dame kanaan lammiileef umamee hin argamu. Kana irra ka’un hojii dhabuun babalʼateera.

Warshaleen bu’aalee gaalaa kana oomishaan jirannaan garuu biyyatiin dinagdeshee guddisuu fi carraa hojii uumuu ni dandeetti.