Manni barumsaa Keeniyaa shamarran rifeensa dheeraa qaban irraa haade

Madda suuraa, KENYANS/TWITTER
Barattooti shamarranii lixa Keeniyaa, mana barumsaa sadarkaa lammataa reef kutaa sagal galan, naamusa dambii uffannaa rincicaa akka hordofaniif jecha rifeensi irraa haadamaa jira.
Barattoonni maatiifi eegdota isaanii waliin mana barnootaatti argaman, roga garaagaraan hiriiranii yeroo barnootaaf galmaa’an, kan rifeensa dheeraa qabdu yoo argamte gara nama rifeensa sirreessutti geeffamuun irraa haadama.
‘’Anaa dhufu shamarran Kereerii, kanneen galmaa’uu dhuftan, yoo rifeensa dheeraa qabdu tahe, imaammata mana barumsaa keenyaa gatii taheef isin irraa haadna,’’ jedha nami sagalee guddistuurraa lallabu.
‘’Karaa harka koo mirgaa namni rifeensa muru jira gatii taheef isin gargaara. Galatoomaa,’’ jedha.
Miidiyaan biyyattii NTV jedhamu viidiyoo yeroo ijoolleen rifeensa muratan agarsiisu qoodeera.
Dhimma kana namoonni qeeqan, Bulchiinsa Kiisiitti manni barnootaa bultii kun, dhimma faayidaa qabu irratti otoo xiyyeefatee wayya jedha.
‘’Rakkoon manneen barnootaa Keeniyaa, dhimma fayyaa sammuufi nageenya barattootaa irratti xiyyeefachuurra qaama isaanii irratti xiyyeefatu. Rifeensi sirnaan irraa qoramee garuu fayyaa sammuu haala gaariirra yoo hin jiraanne, akka moodeelii konkolaataa reenjarii motora hin qabneeti,’’ jechuun namni tokko Tiwiitarii irratti barreessaniiru.
Namni siyaasaa Roobart Alaayi,"barattoonni aduu kanaan rifeensi irraa muramuu hin qabu. Rifeensi gogaa eega. Waan hiika hin qabne akkasii jajjabeessuun keenya nama gaddisisa,’’ jechuun Tiwiitar irratti barreessera.
Manneen barnootaa fi dhaabota barnootaa olaanoo Keeniyaa keessatt, dambii uffannaa rincicaa qabaachuun waan barame dha.















