Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itoophiyaatti babal'achaa kan jiru Baayinaansiin maali? Akkamiin hojjeta?
Baayinaansi [Binance] pilaatfoormii dijitaalaa bittaa fi gurgurtaa kiriptookaarensiif adunyaa irratti beekamaa jirudha.
Adunyaarraa fayyadamtoota miliyoona 150 tahan qaba. Daldalli Baayinaansii Itoophiyaa keessattis haalaan babal'aataa jira.
Namootni hedduu madda galii isaanii godhachuun akka hojjechaa jiran dubbatu.
Garuu Baankiin Biyyaalessaa Itoophiyaa daldalli kiriptoo kaaransii akka Bitcoin biyyattii keessatti beekamtii waan hin qabneef hojiirra ooluu hin qabu jedhe.
Baayinaansii [Binance] Jalqaba teessoo isaa Chaayinaa taasifachuun hojii jalqabe.
Amma teessoon isaa olaanaan biyya maaltaa jedhamtu keessadha. Garuu kiriptoo kaarensiin akkamiin hojjeta?
Salphaadhumatti kiriptookaarensiin maallaqa dijitaalaa karaa oonlaayinii itti fayyadamnudha.
Akka maallaqa abbaa noottii ykn saantimaa giphii ykn kiisii keenyatti waan qabannee deemnu miti. Guutummaatti oonlaayiniidha jechuudha.
Kiriptookaarensii yooma ijaan arguudhaa ykn harkaan qabachuudhaa baanneyyuu gatii guddaa qabu.
Kiriptoolaarensiin bilbila ismaartifoonii ykn kompiitera keessa taa’uu danda’a. Ykn ammoo namootni kiriptookaarensii isaanii fayyadamuun yoo waa bitatan ittiin kaffaluu danda’u.
Akkasumas oonlaayinii karaa Baayinaansii ammo sharafuun daldaluufis ni oola.
Changpeneg ‘CZ Zhaayoo eenyu?
Changpeneg CZ Zhaayoo hundeessaa Baayinaansi yoo tahu, bara 2023 daddabarsa maallaqa seeraan alaan himatamuun hojii gaggeessummaa kaampaanicha irraa ka’e.
Kana irraa kan ka’e Baayinaansi balleessaa hojjeteera jedhamuun abbaa seeraa Ameerikaatiin adabbii maallaqa guddaa doolaara biliyoona 4.3 tahu akka kaffalu itti murame.
Seenaa US keessatti adabbii yakkaa isa olaanaa keessaa tokko. Dippaartimantiin Haqaa US, Baayinaansiin fayyadamtootni isaa seera qoqqobbii darbeeru cabsuun akka yakkamtootni fi shororkeessitootni maallaqa sochoosan eeyyameera jedhe.
Akka agarsiiftuutti ammo daddabarsa maallaqaa Sooriyaa, Iraanii fi Raashiyaa keessatti raawwate caqase.
Lammiin Singaapoor Richaardi Teengi amma hojii gaggeessaa olaanaa Baayinaansiiti.
Naayijeeriyaatti namootni maaliif to’ataman?
Torban darbe gaggeesitootni Baayinaansii lama gara Naayijeeriyaatti erga imalanii booda to’annoo jala oolfaman.
Baayinaansiin maaliif akka tahe gaaffii BBC dhiyeesseef deebii hin laanne.
Bulchaan Senteraal Baankii Naayijeeriyaa, Olayemii Kaardoosoo doolaarri biliyoona 26 tahu maddaa fi fayyadamtoota hin beekamne irraa karaa Baayinaansii Naayijeeriyaa daddarbeera jedhan.
Itti dabaluun Ejensiin farra malaammaltummaa, Poolisii fi gorsaan dhimma nageenyaa biyyattii wlaiin tahuun itti fayyadama sharafa kiriptookaarensii irratti qorannoo gaggeessaa jiraachuu himan.
Amma maaliif?- Mootummaan maaltu tahe jedhee yaada?
To’annoo poolisiin Naayijeeriyaa taasise qaamuma sakkatta’insaa fi to’annoo mootummaan naayijeeriyaa dhaabbilee kiriptookaarensii irratti jalqabeeti.
Qondaalonni mootummaa biyyattii itti fayyadamni kiriptookaarensii maallaqa seeraan ala daddabarsuu akka dabalu taasisuu fi maallaqi biyya keessaa akka dadhabu taasiseera jedhu.
Sadaasa bara 2022 keessa Baayinaansiin lammiileen Naayijeeriyaa oonlaayinii kiriptookaarensii daldalan akka oonlaayinii maallaqa qusachuun yoo barbaadan ammo Baayinaansii irraa baafatan mijeessee ture.
Kana jechuun yoo barbaadan maallaqa biyyattii Naayiraa gurguruun ‘Bitcoin’ bitachuu danda’u jechuudha.
Ji’oota darban keessa ammo Baayinaansiin sharafa alaa biyyichaa irratti dhiibbaa taasise jedhamuun himatame. Baayinaansi garuu ni hale.
Mootummaan ammoo maallaqni Naayijeeriyaa Naayiraan yoo Doolaaratti jijjiiramu akka gatii isaa %70 dhabu taasiseera jedhe.
Gorsaan addaa pirezidaantii Naayijeeriyaa, Bayoo Onanugaa, gatii sharafa baankiin gidduugaleessaa baasu cabsuun gatii sharafaa kan murteessaa jiru Baayinaansi jechuun Faayinaanshaal Taayimsitti himan.
Torban darbe mootummaan Naayijeeriyaa Baayinaansiin akka biyyicha keessatti hin hojjenne dhorke.
Kana hordofee kaampaanichi fayyadamtoota biyyichaa maallaqa oonlaayinii irraa qaban akka baafatan ykn ammoo jijjiirratanii fi Kiriptookaarensiitti jijjiiratan ajaje.
Baayinaansiin maalalqa Naayiraa fayyadamtootni qaban gara Tether [USDT] akka jijjiiru hime.