Biyya Bitcoin fayyadamuun waan barbaadan bitanii gurguran beektuu? 

Maxxanfame

Kiriptoo karansiin kanneen akka Bitcoin torban kana doolora biiliyoonan lakkaa’amuun kufee jira.

Kufaatin kun ammoo mootummaa El Saalvaador dabalatee guutummaa addunyaatti inveestaroota irratti dhiibbaa uumee jira.

El Saalvaador Bitcoin fayyadamuun bituufi gurguruu seera qabeessa erga gootee reefuu ji’a sagal ta’a.

Lammiilen ishee hojii bittaafi gurgurtaa guyyaa guyyaan gaggeessan keessatti Bitcoin akka fayyadaman jajjabeessiti.

El Saalvaador keessatti wantoota karaa irratti gurguramanii kaasee hanga boba’aatti Bitcoin fayyadamuun bituufi gurguruun ni danda’ama.

Pirezidaantin biyyattii El Salvaadoor Naayib Bakilee Kiriptoo karansii doolara US cinaatti seera qabeessa akka ta’u murtee erga dabarsanii booda, sadarkaa yaadatti dhaabbileen daldalaa hundi akka fudhatan ta’eera.

Haa ta’u malee, dhiheenya kana gatiin Kiriptoo karansii erga gadi bu’een booda imaammata mootummaan baase irratti gaaffii kaasee jira; keessumaa erga fandiin uummattaa doolaara miliyeena 100 Biitkooyinii bituurra erga oolen booda.

El Salvaadoor Bitcoin 2,300 qabaattus gatiin isaa hanga biyyattiin itti baste walakkaa isaati. Ministeerri Faayinaansii biyyattii ammoo, “miidha isaa baay’ee miti” jechuun salphisanii ibsan.

Bitcoin El Saalvaadoritti akkamitti eegale?

Magaalli El Zoontee jedhamtu magaala xiqqoo qarqara galaanatti argamtudha. Bara 2019 guyyaa tokko namichi wayii namoota Kiriptoo karansii leellisaniif Bitcoin hedduu arjoome.

Biyyoota biroo tokko tokko keessatti Bitcoin harka guddaa bittaafi gurgurtaa karaa toora intarneetiin gaggeeffama.

Hanga ammaatti magaalan El Zoontee Bitcoin irraa doolaara 350,000 argattee jirti.

Jiraattonni magaalattii akka jedhanitti, itti fayyadamni Bitcoin dhibbeentaa 30 irra gahee jira. Turistoonni, fi namoonni hedduun guyyaa bashannanaafi ayyaana waggaa isaanii saantimoota dijitaalaa kana fayyadamuu irra filatu.

Haa ta’u malee, ammayyuu namoonni Bitcoin wajjin wal baruuf ni rakkatu. Hanguma magaala El Zoontee irraa fagaachaa deeman itti fayyadamni qarshii dijitaalaa kun hir’ataa deema.

Magaala El Zontee keessatti dhaabbileen daldaalaa walakkaa ol ta’an Bitcoin bitanii gurguru. Gara magaala guddoo biyyattiitti gaafa siqaa deemu ammoo kurmaana kanaatu saantimoota dijitaalaa fayyadama.

Dhaabbileen daldaalaa hedduun isaanii seera Bitcoin biyyattiin baaftef bitamuu qabaatanis mootummaan humnaan hin dirqisiisu jedheera.

Lammiilen biyyattii walakkaa ol ta’an akkaawuntii baankii waan hin qabneef baay’en isaanii qarshii harkatti baatu. Pirezidaantin biyyattii garuu qarshii uummataa doolara miliyeena 200 ta’u Bitcoin bituurra oolchan.

Namoonni akka itti fayyadaman jajjabeessuf namni tokko appilikeeshinii Biitkooyinii yoo buuse, doolaara 30 argata.

Haata’u garuu, namoonni baay’en appilikeeshinii kana Biitkooyiniif osoo hin taane doolara daddabarsuuf itti fayyadamu.

Maallaqa uummataa

Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) El Salvaador Bitcoin seera qabeessa gochuu irraa of-qusachuu qabdi jechaa ture. Beektonni diinagdee kanneen akka Taatiyaanaa Marokuyiin fa’aaf murteen El Salvaador kuni yaaddoo ture.

Akka isheen jettutti mootummaan namoota deeggarsa barbaadan gargaaruf humna waan hin qabneef maallaqa uummatee fuudhee kiriptoo karansii irra oolchuu hin qabdu.

Faallaa kanaa, Ministeerri Turizimii biyyattii Moreenaa Vaaldeez ammoo gatiin Bitcoin gadi bu’aa jiraatus lammiilen El Salvaador murtee pirezidaantii isaanii irratti ofitti amanamummaa qabu jedhu.

Biyyi Rippaabilika Afrikaa Giddu Galeessaa akkuma El Salvaador kiriptoo karansii seera qabeessa kan goote yoo ta’u, biyyoonni biroos itti fufu jedhamee yaadama.