'Daa'imni tokkoffaa ba'e madaallii keenyaan sadarkaa keessayyuu hin turre' - Abbaa Murtii Daddaraaroo

Singitan Taammiraat

Madda suuraa, OBN

Ibsa waa'ee suuraa, Oladeemaa Singitan Taammiraat dorgommii sagaleetiin tokkoffaa ba'ee waancaa fi birrii badhaafame
Maxxanfame

Dorgommiin dameewwan aartii garaagaraan gaggeeffamuu fi maqaa Daddaraaroo Oromiyaa jedhamuun beekamu waggootaaf erga adda citee booda waggaa tokko dura bifa haaraan eegalee amma dorgommiin xumurameera.

Sagantaa kana abbummaan kan qopheessan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii fi OBN yoo ta’an, artistoonni gameeyyiin abbootii murtii ta’uun hirmaatanis jiru.

Sagantaa xumuraa dorgommii kanaa Dilbata kaleessaa Bishooftuutti gaggeeffamerratti dorgomtoonni sadarkaa 1ffaa hanga sadaffaa ba’an badhaasa maallaqaa fi waancaas argataniiru.

Dorgommii kanarratti namoonni dandeettii sagalee muuziqaa, taatummaa fi shubbisaan hirmaataa turan dandeettiisaanii gabbifataniiru.

Xumura dorgommii kanaarratti dhimmi ijoon uummanni irraa dubbataa jiru sadarkaan dorgomtoota sagaleef ba’e haqa qabeessa miti kan jedhuudha.

Namoota sagaleen dorgomaniif abbaa murtii kan ture Artist Adam Ahmad waa’ee komii ka’aa jiruu fi waliigalatti adeemsa dorgommiin kun keessaa darbe irratti BBC waliin turtii taasisaniiru.

''Daa'imi sun- Singitan sadarkaa keessayyuu hin turre''

Dorgommii Daddaraaroo waggaa tokkoof marsaa marsaan gaggeeffamaa ture irratti qabxiin madaallii dorgomtootaa marsaa hundarratti kennamaa kan ture yoo ta'u, kan xumuraa garuu akkaataan kenniinsa qabxii addadha.

Abbootii Murtii sadi dorgomtoota sagalee (muuziqaa) madaalaa turan keessaa tokko kan ta'e Artist Adam Ahmad ''qabxiin kan kenname qaama sadiin. Nuti abbootiin murtii sadi harka 50 keessaa, abbootiin murtii affeeraman ammoo yeroo lama harka 10 keessaa kennu. Kana jechuun 20 keessaa kennu jechuudha. Xumura kanarratti ammoo ummanni karaa ergaa gabaabaa sagalee kenneera. Kunis qabxii 30 qabata,'' jedhe.

Dorgommii Daddaraaroo yeroo dheeraaf erga adda citee booda bifa haaraan deebi'e kanarratti ''ijoolleen Oromoo hedduun carraa argachuun dandeettiisaanii gabbifataniiru,'' kan jedhe Artist Adam, dhumarratti wayita qabxiin ibsamu ''nuti abbootiin murtii itti hin gammanne,'' jedhe.

''Ijoollee kana marsaa marsaan madaalaa as geenye. Kanneen dandeettii osoo qabanii harca'anillee jiru. Dorgommiidha waan ta'eef. Garuu akkaataa qabxii madaallii nuti keenyeen gurbaan Singitan jedhamu sun 1-3 keessayyuu hin turre.''

Walleewwan aadaa uummataa calaqqisiisaniin uummata biratti daran kan beekamu abbaan murtii Daddaraaroo Artist Adam Ahmad, ''qabxii waliigalaa abbootii murtii (kan dhaabbiidhaan turanii fi kan affeeraman) 70 keessaa kenname yoo ilaalle tokkoffaarra kan ture dorgomaa Yaasin jedhamuudha,'' jedhe.

''Sagaleen ummataa madaallii ogummaa jijjiirsisa jennee hin amannu''

Artist Adam Ahmad (mirgaa) abbootii murtii sadan keessaa tokko

Madda suuraa, OBN

Ibsa waa'ee suuraa, Artist Adam Ahmad (mirgaa) abbootii murtii sadan keessaa tokko
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Artist Adam Ahmad akka jedhutti dorgomtoonni sagalee (muuziqeessitoonni) marsaa xumuraaf darban ja'a uummatatti of beeksisuun akka sagalee argatan taasifamaniiru.

Ergasaan of dhaadhessanii booda koreen qabxii kennu ammoo kan abbootii murtii fi sagalee uummanni kenne walitti ida'uun beeksisu.

''Nuti yeroo kaan qabxii dorgomtootaa kallattumaan miidiyaarratti ibsaa turre. Isa xumuraa kana garuu koree qabxii kennitu ibse. Nuti qabxii waltajjumarratti dhageenye,'' jechuun yeroo qabxiin ibsamu akka rifatan ibse.

''Dhugaadha daa'imi tokkoffaa ta'e jedhame sun karaa ergaa gabaabaa sagalee uummataa baayyee argachaa ture. Hangam yoo ta'ellee garuu kan ogummaa caaluu qaba ture. Nuti sagaleen uummataa hagas mara qabxii nuti kennine ni jijjiirsisallee jennee hin amannu.''

Sagantaa xumuraa dorgommii Daddaraaroo Oromiyaa hordofee sadarkaa dorgomtoonni argatan irratti uummanni komii dhageessisaa ture.

Keessattuu dhimmi kun miidiyaa hawaasummaarratti ajandaa ijoo ta'ee ture. Kaan daa'imi tokkoffaa ba'e sun ulaagaan kamiin dorgomtoota kaan waliin madaalamee akka as ga'e gaafatu.

Kaan ammoo daa'imi kun hamilee waan qabuuf jajjabeeffamuunsaa gaariidha jedhu, garuu sadarkaa keessa galchuurra osoo badhaasa addaa qopheessanii kennaniiruuf ta'ee yaada jedhus kan dhiheessan jiru.

Artist Adam komiin uummataa sirriidha jedha.

''Komiin kun sirriidha. Nullee komii qabna. Akka abbootii murtiitti qabxiin kun irra deebi'amee akka ilaalamu waliigalleerra. Yoo xiqqaate dhugaansaa baramuu qaba jennee amanna,'' jedhe.

''Qabxiin nuti akka abbootii murtiitti kennine xumura irratti garagalee dhufuun isaa baayyee nutti dhagahame. Uummanni qabxii kennuu danda'a. Haata'u malee osoo ogummaarratti hundaa'ee hanqinni akkanaa kun ni dhufa jedhee hin amanu.''

Dorgommii Daddaraaroo Oromiyaa kanarratti dorgomtoonni damee shubbisaa, dandeettii addaa fi sagalee (muuziqaa) irratti sadarkaa 1ffaa hanga 3ffaa ba'an badhaasa mallaqaa walduraa duubaan kuma 300, kuma 250 fi kuma 100 argataniiru.

Sagaleedhaan tokkoffaa ba'uun badhaasa maallaqaa fi waancaa kan argate daa'ima oladeemaa Singitan Taammiraat jedhamu yoo ta'u, dorgomtoonni biroon Yaasin Adam fi Sintaayyoo Aschaaloo walduraa duubaan 2ffaa fi 3ffaan xumuraniiru.

Dorgommii kennaa addaatiin Dureetti Abdulqaadir 1ffaa, Ismaa'il Mohaammad 2ffaa, Zalaalam Mirreessaa 3ffaa bahuun xumuraniiru.

Garee shubbisaan ammoo Burqaan Wacaalee 1ffaa, Gareen Shubbisaa Haacaaluu Hundeessaa 2ffaa, Gareen shubbisaa Biiftuu Salaalee ammoo 3ffaa bahuun badhaafamaniiru.