Somaaliyaan Mana-maree Nageenyaa UN keessatti teessoo argatte

Maxxanfame

Somaaliyaan Dhabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Mana-maree Nageenyaa (UNSC) keessatti teessoo dhaabbataa hin taane (non-permanent seat) argatte. Kun ammoo biyya Afriikaa Bahaa waraanaan jeeqamtuuf akka bu’aa dippilomaasii olaanaatti leellifameera.

Somaaliyaan waggoota soddomaa oliif osoo gara wal waraansaatti hin galiin dura, bara 1970mota keessa miseensa dhaabbataa hin taanee mana marichaa turte.

Somaaliyaan miseensa mana marichaa ta’uunshee, waraana garee Al-shabaab waliin taasiftu ilaalchisee murtee Biyyoota Gamtooman (UN) taasisu keessa galtee ta'a.

Manni-maree Nageenyaa Biyyoota Gamtoomanii walitti bu’insawwan addunyaa mararratti mudataniif deebii attamii kennuu akka qabu murteessa.

Manni-maree Nageenyaa kun miseensoota sagalee sagaleedhaan kuffiisuu danda’an shan kan qabu yoo ta’u, biyyoota miseensa wagga lama lamaan jijjiraman 10 qaba.

Ameerikaa, UK, Faransaay, Chaayinaafi Raashiyaan miseensoota dhaabbataa mana marichaati.

Somaaliyaan waggoota itti aanan lamaaf miseensa dhaabbataa hin taane, ta’uudhaan Deenmaark, Giriik, Paakistaaniifi Paanaamaa waliin filatamtee jirti.

Biyyi tokko miseensa dhaabbataa hin taane ta’uun filatamuudhaaf yoo xinnaate, gumii waliigalaa UN irratti deeggarsa miseensoota harka sadii keessaa lama argachuu qaba.

Somaaliyaan teessoo kana kan argatte, teessoo qaxanaa Afriikaa Bahaatiif murtaa’e falmii tokko malee erga fudhatteen booda yoo ta’u, biyyoota miseensaa 193 keessaas sagalee 179 argattee jirti.

Injifannoo Somaaliyaan argatte kana hordofuunis, ministirri dhimma alaa biyyattii jilicha dursuudhaan gara Niiw Yoorkitti imalanii kan turan, Ahimad Fiiq, biyyisaanii, "eddoo waltajjii idil-addunyaarratti kennameef ni simatti’’ jedhaniiru.

"Yaalii addunyaa irratti nageenyaafi tasgabbii mirkanneessuuf taasifamuun, Somaaliyaan gahee itti kenname bahudhaaf qophiidha jedhan," jedhan itti dabaluun.

Bara 1991tti pirezidantiin Somaaliyaa duraanii Mohaammad Siiyaad Baarreen erga aangoorra buufamanii booda, biyyattiitti wal waraannis gosaadhaan hirame waggoota hedduuf gaggeeffmaa ture.

Baroota darbe keessa Gamtaan Afriikaafi Biyyoota Gamtoomanii biyyattiitti nageenyaafi tasgabbii buusuudhaaf, akkasumas mootummaa gidduugalaa cimsuudhaaf yaalii taasisaa turan.

Deeggarsa Al-qaa’idaaf kennuu kan ibseefi hanga ammaattuu naannoolee Somaaliyaa hedduu keessa socha’aa kan jiru gareen Al-shabaab tasgabbii dhabiinsa biyyattiitti yaaddoo olaanaa ta’uu itti fufeera.

Al-shabaab mootummaa biyyattii humnaan aangoorraa buusuudhaan hiikaa seera Islaamaa mataasaa cimaadhaan biyyattii bulchuu barbaada.

Baatiiwwan dhihoo keessattis, lola mootummaa gidduugalaa waliin taasisu cimsee itti fufeera.

Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniifi ergamaa addaa Somaaliyaa ta’uun hojjatan, Jeems Siwaan, biyyattiin adeemsa nagaa buusuu keessatti muuxannoon qabdu Mana-maree Nageenyaatiif bu’aa qabaata jedhan.

"Somaaliyaan nageenya, misoomaafi tasgabbii mirkanneessrratti waggoota soddoomman darbaniif fageenya dheeraa imaltee jirti," jedhan.

Manni-maree Nageenyaa humnoota nageenya kabachiisan bobbaasuufi qoqophaawwan idil-addunyaa kaa’uu dabalatee aangoo olaanaa qaba.

Manni-marichaa waggoota hedduuf Somaaliyaa irra kaa’ee kan ture dhorkaa dadabarsuu meeshaa waraanaa dhiheenya kaasuunsaa ni yaadatama.

Miseensoonni dhaabbataa hin taane kan filatamanis qaxanaawwan addnyaa garaa garaa irraa yoo ta’u, biyyoonni kunneenis akka warra miseensa dhaabbataa shananiitti mirga sagalee sagaleedhaan kuffiisuu hin qaban.

Gamtaan Afriikaa biyyi Afriikaa bakka bu’uudhaan mana marichaa keessatti miseensa dhaabbataa ta’uu akka jiraatuuf yaalii taasisaa ture.