Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Masiriin yeroo filannoof qophaa'aa jirtutti balaan abiddaa hamaan waajjira poolisii qabate
Balaa abiddaa hamaan waajjira poolisii Masirii guddaa tahetti mudate.
Balaan kun gamoo waajjira poolisii biyyattii magaalaa Ismaaliyaa jirutti qabate.
Balaan kun har'a ganama kan dhaqqabe yoo tahu, suuraan miidiyaalee hawwaasaarra mul'atu, abiddi kutaa daarektoretii nageenyaa magaalittii yeroo gubu agarsiisa.
Namootni hedduun madaa'uun isaanii gabaafamaa jira.
Namootni abidda dhaamsuuf dhaqan to'achuu dadhabuun yeroo rakkatan agarsiisa.
Sa'a muraasa booda garuu TV mootummaa biyyichaa balaan kun to'atamuu gabaase.
Sababni ka'umsa balaa abiddaa kanaa ammatti hin ibsamne. Sirni ittisa balaa abiddaa biyyattii dadhabaa tahuurraa kan ka'e balaan abiddaa dhaqabuun haaraa miti.
Waggaa darbe balaan abiddaa waldaa amantaa keessatti ka'uun namootni hedduu du'uun isaanii ni yaadatama.
Balaan kun yeroo Masiriin Mudde 10-13 filannoo pirezidaantummaa gaggeessuuf qophiitti jirtutti mudate.
Abbaan Taayitaa Filannoo Biyyaalessaa Masirii wajjiirri isaa maamiloota sagalee isaanii kennuu barbaadan keessummeessuuf sa'aa dabalataa hojjechuu akka qaban ajajeera.
Gama biraan ammoo dhaabbileen mirgoota namoomaaf falman bulchiinsa pirezidaantii biyyattii Abdel Fattaa al-Siisii sarbama mirga namoomaa raawwachuun himataniiru.
Qondaalonni Masirii tooftaa adda taheen sarbama mirga namoomaa yakka namoomaa tahuu malu raawwatan jedhe.
Gabaasa Koree UNtti ergame irratti gareen jaha akka malee daararamuu, reebamuu, elektirikiin dhaanamuu, miidhaa saalaaf saaxilamuu fi yaala fayyaa dhorkamuu himan.
Dararaan kun akka meeshaa siyaasaatti oolfamuus himame.
Masiriin qabinsa mirga namoomaa hin fooyyesitu taanaan Ameerikaan deeggarsa humna waraanaa wagga waggaan kennituuf akka dhaabdu Dura Taa'aan koree Dhimma Alaa Ameerikaa, Been Kaardiin himaniiru.
Al Sisiin yeroo waggoota kurnan tahaniif biyyattii bulchan namoota nagaa irra dararaa geessisaniiru jedhan dhaabbileen mirga namoomaa kunneen.