Miseensi mana-maree naannoo Somaalee rasaasa poolisiin federaalaa buufata xiyyaaraa Jigjigaatti dhukaaseen ajjeefamte

Dhukaasa guyyaa Kibxataa buufata xiyyaaraa magaalaa Jigjigaa argamutti raawwateen miseensi mana maree Naannoo Somaale tokko lubbuun isaanii darbe.
Dhukaasni kuni miseensa poolisii federaalaan dhukaafamuu BBC’n maddeen irraa odeeffateera. Poolisiin ammatti dhimma kana irratti waan jedhe hin qabu.
Miseensa mana maree naannoon ala namoonni shan madaa'anii yeroo ammaa Hospitaala Rifaraala Jigjigaatti wal’aanamaa akka jiran gaazexeessaan BBC Jigjigaa jiru gabaaseera.
Dhaabi biyya bulchu, Paartiin Badhaadhinaa, ibsa gaddaa baaseen Aadde Juwaariyaa Mohaammad miseensa koree hojii raawwachiiftuu dhaabichaa akka turan ibse.
Dhaabichi Aadde Juwaariyaan dhukaasa humna nageenyaa tokkoon dhukaafameen ajjeefamuufi dhimmicha seerri hordofaa akka jiru ibseera.
Haleellaan kuni Kibxata ALI Onkololeessa 15/2015 waaree booda naannoo sa’aatii 9:00 raawwate.
Namoonni miidhamanis imaltoota buufata xiyyaarichaa turanidha.
Sababi miseensi poolisii badii kana raawwate hin ibsamne.
Haa ta’u malee, kanneen bakkicha turan miseensi poolisichaa eegdota buufata xiyyaarichaa jiran kaan waliin falmii keessa seenee ture.
Poolisiin badii kanaan shakkame haleellaan erga raawwate booda miseensota poolisii federaalaa biroo, humna addaa Naannoo Somaaleefi Raayyaa Ittisa Biyyaan to’annoo jala ooleera.
Dubbii Himaan Poolisii Federaalaa BBC'n dhimmicha gaafate odeeffannoo akka hin qabneefi qoratanii akka deebi’an himani.
Kanneen miidhamanii hospitaala seenan keessaa tokko Hojii Gaggeessaa Intarpiraayizii Boolla Bishaanii Qotuu naannichaa kan ta’an Obbo Abdurrashid Mohaammad Umaridha.
Miseensi mana maree lubbuun isaanii darbe kuni Godina Dolloodhaa kan filaman ta’u ibsameera.
Yeroo haleellaan raawwate muddamni uumametti buufati xiyyaaraa Garaad Wilwaal jedhamuufi Jigjigaatti argamu tajaajila kennuu dhaabee ture.












