Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namichi guyyoota shaniif jijjigaa gamoo jalatti danqame lubbuun bahe
Hojjetaan ijaarsaa Afrikaa Kibbaa magaalaa Joorji jedhamu keessatti osoo hojiirra jiru gamoon itti jige guyyoota shan booda lubbuun baraarame.
Hojjettootni lubbuu baraaran jijjigaa gamoo jalaa sagalee wayita dhagahan bishaan erganiifi akka lubbuun turu gargaaruun turtii guyyoota shanii keessatti isa oolchuu danda'an.
Bulchaan bulchiinsa Weestern Keep Alan Windee Sambata xiqqaa yaada kennaniin lubbuu baraarsa godhameen ''raajii'' abdiin eegaa turan akka ta'e dubbatan.
Gamoon gariin ijaarsisaa raawwate Wiixata darbe jiguun booda lubbuu namoota 14 kan galaafate yeroo ta'u, namootni 39 ta'an ammoo barbaadamaa turan.
Battala gamoon kun jigutti hojjettootni ijaarsaa 81 iddoo gamoo san turan jedha odeeffannoon magaalicharraa argame. Namoota baraaraman keessaa 13 hospitaala keessatti waldhaanamaa jiru.
Miidiyaan biyyattii Channel News24 jedhamu akka gabaasetti namichi baraarame Gaabreel Gambee nama ganna 33 yoo ta'u, hojjetaa afata manaa(seramikii) ti.
Iddoo gamoon jigeetti kan argaman Windeen hojjettoota lubbuu baraaraniin osoo dadhabe hin jedhiin baraartan jechuun galateeffatan.
''Yoomiyyuu abdii hin kunnu, guyyaa har'aa gammachuufi aara galfiin hangami akka natti dhagaahame ibsuu hin danda'uu. Gareen hunduu galatoomaa-isin goota dhugaadha'' jedhan.
Hogganaan bulchiinsa to'annoo balaa bulchiinsichaa Koliin Daayiner namichi bararaame jijjigaa jalaa baafamuu dura miillsaaarra ba'aa guddaan akka jiru dubbachuu himan.
Dhimma kanaan hedduu yaaddahuun hakiimota baqasanii yaaluu lama bakka balaa sanaitti waamuu dubbatan.
Baraarsi nama kanaa erga Roobiitii kan jalqabaati. Roobii darbe namni ganna 29 Delviin Safels jedhamu erga lubbuun oolee booda dubbiin dubbate namoota garaa raaseera.
Maatiifi jaalalleesaatiif ergaa dhaameen hammam akka isaan jaalatu ibsee lubbuun ooluunsaa akka isa sodaachisee ture dubbate.