Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Hamaas du'a hogganaa waraanaa isaa Deeyiif kan 'lubbuu adurree qaba' jedhamuu mirkaneesse
Hamaas dursaan waraanaasaa, abbaa qaroo tokkichaafi 'adurree lubbuu sagal qabu' jedhamuun kan beekamu Mohaammad Deeyiif ajjeefamuu mirkanneesse.
Waraanni Israa'el Deeyifiin ajjeesuu Adoolessa bara darbe kan mirkanneesse yoo ta'u, hanga ammaatti Hamaas garuu du'asaa hin mirkanneessine ture.
Israa'el Deeyif haleellaa Onkololeessa 7 kibba Israa'el irratti raawwatamuun namoonni 1,200 ajjeefamanii kaan 251 ol ammoo butamuun gara Gaazaatti geeffaman duuba ture jechuun himatti.
Deeyif Gaazaa keessatti, dursaa garichaa Yaahyaa Sinwaariitti aanee qodaaltota Hamaas gulantaa lammaffaa irratti argamudha.
Sinwaaris humnoota Israa'eliin bara darbe keessa ajjeefame.
Abbootiin murtii Mana Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) bara darbe Ministirri Mummee Israa'el Beeniyaamin Netaaniyaahuu fi ministeera ittisaa duraanii Yo'aav Gaalaant waliin Deeyif irratti ajaja hidhaa baasee ture.
Deeyif ijaarsa ulaawwan lafa jalaa loltoonni Hamaas Gaazaa keessaa gara Israa'el akka seenan dandeessisan ijaaruudhaan mahaandisa ta'e akka gargaareetti beekama ture.
Akkasumas meeshaa waraanaa mallattoo Hamaas kan ta'e rookkeettii Qaasam jedhamus dizaayinii gochuu isaatiin galata guddaa argateera.
Hamaas ibsa Kamisa darbe baaseen, akkasumas du'a itti aanaa ajajaa waraana isaa Marwaan Isaas beeksiseera.
Ameerikaan du'a Issaa Bitooteessa bara darbe ture kan beeksiifte turte
Issaan ittaanaa ajajaa damee waraanaa Hamaas yoo ta'u, namoota Israa'eliin baay'ee barbaadaman keessaa tokko akka ta'etti ilaalamaa ture.
Gamtaan Awurooppaa kan hogganaa Hamaas tarree galmee gurraacha shororkeessummaa irratti galmeess, Issaa haleellaa Onkoloolessa 7 raawwatame waliin kallattiin walqabsiisera.
Waraanni yeroo dhiyoo gaggeeffamaa tures kan haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 bara 2023 Israa'el raawwatmeen ka'eedha.
Haleellaa waraanni Israa'el ji'oota 15f Gaazaa keessatti raawwatteen Filisxeemoonni 47,460 ol ta'an naannicha keessatti ajjeesuusaanii ministeerri fayyaa Gaazaa kan Hamaasiin geggeeffamu ibseera.
Waliigalteen dhukaasa dhaabuu Hamaas fi Israa'el gidduutti taasifame Amajjii 19 irraa kaasuun hojiirra oole.
Ergasiin boodas walumaa galatti namoonni Israa'el butamanii turan 15 Hamaasiin kan gadhiifaman yoo ta'u, hidhamtoonni Filisxeem 400 ammoo Israa'eliin gadhiifamaniiru.
Hidhamtoonni Filisxeem kunneenis kan boombii dhoosuu fi haleellaa birootiin murtii dheeraan irratti dabaree kaasee hanga dargaggoota himata malee hidhamanitti kan hammatuudha.
Irra caalaan isaanii gara Weest Baankii, Baha Yerusaaleemii fi Gaazaatti kan deebi'an yoo ta'u, kanneen yakka ciccimoo raawwatan jedhaman gara 70 ta'an ammoo biyyaa ari'amaniiru.