Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan Waancaa Addunyaa 2022 irraa akka haqamtuuf FIFA'f gaaffiin dhiyaate
Iraan dorgommii Waancaa Addunyaa 2022 Kaataaritti gaggeeffamu keessaa akka haqamtuuf Federeeshiniin Waldaa Kubbaa Miilaa Addunyaa (FIFAn) gaafatame.
Gaaffii kan dhiyeesse garee kubbaa miilaa Iraanii fi namoota ispoortii bebbeekamoodha.
Isaanis Iraan keessattti dubartoonni istaadiyeemii akka hin seenneef faallaa seerawwan FIFA ta’uun mootummaan jidduu galeera jechuun himatan.
‘‘FIFA'n walaba ta’uun filmaata miti’’ jedha garichi.
Gaaffiin kunis biyyattii keessatti mormiin mootummaarratti babal’atee humnootiin tikaa biyyatti wayita tarkaanfii fudhataa jiraniittidha.
Gaaffiin kunis gaaffii walfakkaataa garee mirgoota namoomaa Istaadiyeemiiwwan Saaqaa jedhamu baatii darbe kan hordofeedha.
Fifa’n dhimma kanarratti yaada akka kennuuf BBC Sport’n gaafatameera.
‘‘Tarkaanfiin gara jabiinaa Iraan ummataa ishee irratti fudhataa jirtu sadarkaa olaanaa irra gaheera. Kunis ammoo addunyaawwan ispoortii fi kubbaa miilaa keessaa haqamuu barbaachisa’’ jedhe garichi.
"Dubartoonni guutuu biyyattii walitti fufiinsaan istaadiyeemii irraa dhorkamuun, malaanis sirnawwan ispoortii Iraan keessaa foo’amaa jiru. Kunis kallattiidhaan duudhaa fi ejjannoowwwan Fifan faallaadha.
‘‘Dubartoonni guutuu biyyatti yoo istaadiyeemii akka hin seenneef kan dhorkaman ta’e, Federeshiniin Kubbaa Miilaa Iraan qajeelfamoota mootummaa hordoofaafi hojiirra oolchaa jira jechuudha. Kanaafuu akka dhaabbata walabaa fi dhiibbaa kamuu jalaa bilisa akka ta’etti ilalamu hin danda’amu.’’
Iraan keessatti dubartoonni akka eddoowwan ispoortii bakka dhiiroonni itti taphatan akka hin galleef ifatti dhorkamu baatan illeen, yeroo baayyee garuu akka hin seenneef hayyama dhowwatamu.
Jalqaba bara kanaatti, Fifan aanga’oonni akka dubartoonni istaadiyeemii seenaniif akka hayyamaniif gaaffachuun barreesseefi ture.
Dubartoonni muraasni taphoota muraasa Iran's Persian Gulf Pro League irratti argamaa turan.
Garichi dhabbata seera Ispaanishiin deeggaramuun, biyyoonni gara biraa sarbama walfakkaataa raawwataniif dhorkamanii turan jedheera.
‘‘Manni Maree Fifa Iraaniin atattamatti haquu ni danda’a, haquus qaba’’ jedhan.
"Fifa’n biyya dubartoota, atileetiksii fi daa’imman sababii mirga namoomaa isaanii bu’uraa ta’e shaakalaniif qofaa jecha si’ominaan adabaa jiru akka hirmaatuuf hayamamuufii hin qabaatu," jedhan gareen kun.