Mana-hidhaa Iraan hammeenya isaatiin beekamutti ibiddi ka'ee dhukaasnis dhaga’amaa jira

Maxxanfame

Ibiddi guddaan Sambata kaleessaa mana-hidha Iraan hamaafi beekamaa Ivin jedhamu kan hidhamtoonni siyaasaa, gaazixeessitoonnifi lammileen biyyoota alaa keessatti hidhamanitti qabachuun dhaga’ame.

Viidiyoon toora intarneetiirratti qoodame mana-hidhaa magaalaa guddoo biyyattii Teheraanitti argamu keessaa laboobaa ibiddaafi aara bahu agarsiise.

Dhukaasni qawweefi dho’iinsi viidiyoo qoodame sanarra dhaga’ama.

Qondaaltoonni Iraan ammoo haalli mana hidhaa sana keessa ture to’atameera jechuun miidiyaa biyyattiif himaniiru. Haata'u malee, viidiyoon naannichaa bahe boodas ibiddi bobba’uu ittifufuu agarsiise.

Biyyi Iraan torbanoota muraasa darban mormii mootummaa balaaleffatun muddamaa turte.

Mormiin yeroo jalqabaaf biyyattii keessatti kan dhohe, shamarreen Kurd Mahsaa Amiin erga poolisiin to’ate booda du’uu hordofee ture.

Qondaaltonni biyyattii rakkoo onneetiin akka tasaa duute jedhu; maatiin ishee garuu poolisitu dhahee ajjeese jedhanii himatan.

BBC Tajaajilli Pershiyaa akka gabaasetti, balaan mana-hidhaa Ivin keessatti qaqqabe kun hiriira mormii tibbana biyyattii keessa ture wajjin hariiroo qabaachuufi dhiisuun isaa hin baramne.

Namoonni hiriira mormii irratti hirmaatan kanneen dhibbaan lakkaa’aman garuu mana hidhaa sanatti ergamaniiru.

Miidiyaan Iraan mormiin tibbana balaa mudate sana wajjiin hariiroo akka hin  qabne akeekuun, qondaala biyyattii  ibidda sana ‘’qaamole yakka raawwatanitu  qabsiise’’ jedhu eeruun gabaase.

Miidiyaan Iraan mootummaan to’atu IRNA’n akka gabaasetti, balaa sanaan namoonni saddeet madaa’aniiru.

Bulchaan Teheraan mana hidhaa keessaa dhaquun TV biyyattiitti akka himanitti, hokkorri mana namoonni yakkaa cimaa raawwatan itti hidhaman keeessa ture, garuu haalii ture’’ guutummaatti’’ qabbanaa’eera.

Suuraan miidiyaa biyyattii IRNA irratti qoodame miidhaan balaa ibiddaa sana hordofee qaqqabe agarsiise.

Ibiddi mana hidhaa Ivinitti qabachuu viidiyoowwan agarsiisu Sambata Kaleessaa halkan miidiyaa hawaasaarratti jalqaba maxxanfamee ture.

Viidiyoowwan  baaayyeerratti sagaleen dhukaasa fi dho’iinsaa  sirnaan dhaga’ama ture. Namoonni kaan ammoo dhaadannoo ‘’duuti abbaa irreef’’ wayita jedhan dhaga’amu ture.

Namoonni hedduun mana hidhaa sana durattii kan walitti qabaman yoo ta’u,  sochiin tiraafikaa danqameera, poolisoonni hokkora bittimsan mana hidhaa sana wayita seenan mul’atu.

Miidiyaaleen biyyattii haalli  naannoo mana hidhaa sanaa ture qabbanaa’u himanillee, haalli naannicha jiru wal dhahaa akka ta’e Gabaasaan BBC Pershiyaa Kasraa Naajii himeera.

Viidiyoon miidyaa hawaasaarratti maxxanfame ibiddi ammas itti fufee mana hidhaa Ivin keessaa boba’aa akka jiruu fi dhukaasni qawwee akka dhaga’amu agarsiisan.

Suuraaleen biroo hidhamtoonni siyaasaa fi iddoo mormitoonni hiriira torbanoota muraasa darban gaggeeffamaa turen walqabatee hidhamanitti hidhamtoonni kaan bantii ykn baaxii manarratti bahinii mul’atan jedha Kasraan.

Maatiin hidhamtootaa muraasni bilbilaan firoota isaanii mana hidhaa jiran argachuu akka dadhabanii fi tajaajilli intarneetii naannoo mana hidhaa sanaa jiru addaan cituu himan.

Dhaabbileen mirgaan namoomaaf falman mana hidhaa sana keessatti dararaan akka raawwatamu, yeroo dheeraaf hidhuufi hidhamtoota wal’aansa fayyaa dhorkaachuu himataa turan.