Arsenaal qixa ba'a, Livarpuul ni mo'ama- Tilmaama Kiriis Suton

Gabatee Piriimiyerliigii Ingiliiz dursaa kan jiru Arsenaal har'a ni taphata

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Torban muraasa darbaniif xiyyeeffannaan deeggartoota kubbaa miilaa waancaa addunyaa Qataar irra ture.

Piriimiyerliigii Ingiliiz torban jaha booda har'a 'Boxing Day' dhaan ni deebi'a.

''Barri haaraan miira dorgommii haaraan akka jalqabame natti dhagahama,'' jechuun xiinxalaan kubbaa miilaa BBC Kiriis Suton ibseera.

''Hanga gareewwan taphatanii arginutti maaltu akka ta'u tilmaamuun rakkisaadha,'' jedha.

Har'a taphoota jiran keessaa kan Bireentifoord fi Tootenhaam yoo ta'u, taphi kun goolii tokko walqixa akka xumuramu Kiriis Suton tilmaameera.

Dandeettii kilabootaa waancaa addunyaa dura tureen kan ammaa tilmaamuun ulfaatus, goolii Evan Toonii galcheen olaantummaa Bireentifoord Maanchistar Siitii irratti argate dagachuun hin danda'amu.

Gama Tootenhaam kan jiran Son Hiwuung Miin Deejaan Kuluseviskii miidhamarraa bayyanatanii deebi'aniiru, Richaarlisan garuu dirree irraa fagaateera.

Tapha Kiristaal Paalaas fi Fulhaam taphatan kan tilaame Kiriis Suton goolii 2 fi 1 olaantummaa Paalaasiin akka xumuramu raage.

Tapha kana tilmaamuun ni ulfaata kan jedhu Suto, sababni isaas taphoonni piriimiyer liigii adda cituu dura Fulhaam qabxii gaarii galmeessuu isaati jedha.

Fulhaam sadarkaa gaariirra jira, Paalaas ammoo tilmaamaa gadi ta'eera.

Tapha Evartan fi Wolvis ammoo 1 fi on akka xumuramu tilmaame Kiriis Suton.

Taphni kun kilaboota lameeniifuu akkaan murteessaadha, Evartan ammoo irruma caalaa barbaada.

Taphi har'aa inni biraan kan Leestar fi Niwukasil, kilaboonni lameenuu Waancaa Addunyaa dura raawwii gaariirra turan.

Leestar taphoota shanan darban keessa afur mo'ateera, Niwukasil ammoo taphoota shananuu injifachuun sadarkaasaa fooyyeffatee sadaffaa qabateera.

Bara darbe kilaboonni lameen walitti dhufanii wayita taphatan Leestar ture kan mo'ate, barana garuu Niwukasil akka sana miti.

Niwukasil qabxii sadi akka argatu natti mul'ata kan jedhu Kiriis Suton, taphichis 1 fi 2n akka xumuramu tilmaame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Taphi kaan kan Saawuzhaampitan fi Biraayitan. Saawuzhaampitan leenjisaa haaraa Naataan Joonsiin hoogganama. Leenjisaa haaraa muudanillee liigicha keessa gadi ni bu'u jedheen yaada jedha Kiriis Suton. Leenjisaa duraanii Raalf Hasenhatil jalatti osoo hafanii gadi bu'uu dhiisuu danda'u jedheen yaada.

Taphoonni fuulduratti hafaniif qabxii walitti qabachuuf kan isaaniif mijataniidha. Taphni kun garuu isaanitti ulfaata. Roobartoo Di Zerbiin kan durfamu Biraayitan bilisa ta'anii taphachuun goolii hedduu argataniiru.

Kiriis Suto taphi kun goolii 2 fi 2 walqixa xumurama jechuun tilmaame.

Taphi eegamu kan biraan kan Aston Viilaa fi Liivarpuul.

Liivarpuul tapha waancaa Kaaraabaa'oo Kamisa darbe galgala Maanchistar Siitii waliin taphatan irratti raawwiinsaanii mishaa ture.

Carraa argatanitti garuu sirnaan hin fayyadamne, sararri ittisaa isaaniis gaarii hin turre.

Waancaa Addunyaa booda qabxiin ajaayibsiisaan tokko akka galmaa'u nan eega.

Leenjisaan Viilaa Unaayi Emirii carraasaaniitti qixa sirrii ta'een fayyadamuuf waan eegaa jiran fakkaatu. Taphichis goolii 1 fi 0 olaantummaa Aston Viilaatiin akka xumurame tilmaame Kiriis Suton.

Gabatee piriimiyeliigii Ingiliiz gubbaarra kan jiru Arsenaal taphni inni Westaam waliin taphatu akkaan eegama.

Warri Arsenaal liigicha dursaa jiraatanis, garuu amma haala gaariirra hin jiran. Taphataa ijoo kan ta'ee fi kan abdatamu Gabreel Jesuus miidhamee jira.

Taphattoota jiran keessaa kan taphataa kana bakka bu'ee taphatu hin jiru. Haalli miidhamasaa kilabichi taphataa biraa akka bituuf dirqamsiisa.

Warri weesthaam bara kana qabxii mishaa akka argatan tilmaameen ture, tapha kana garuu waan mo'atan miti.

Kiriis Suto taphi kun 1 fi 1 walqixa akka xumuramu tilmaame.

Kibxata boruu ammoo Chelsiin Barnamaawuz waliin, Manchistar Yunaayitid ammoo Notiinghaam Foorast waliin taphatu.

Kiriis tapha Chelsii fi Barnamaawuz 2 fi 0n olaantummaa Chelsiin goolabama jedhe, Man Yunaayitid warra Forast 1 fi 0 dhaan mo'ata jechuun tilmaame.

Roobii dhufu ammoo Liids Manchistar Siitii waliiin taphata, tapha kana Man Siitiin 4 fi 0 dhaan akka mo'atu tilmaameera Kiriis Suton.