Liyoneel Mesii kontiraata PSG waliin qabu haaressuuf kilabicha waliin 'wal ta'e'

Liyoneel Mesii

Madda suuraa, Getty Images

Maxxanfame

Dursaan garee kubbaa miilaa Arjentiinaa Liyoonel Mesiin PSG keessa turuuf kilabicha wajjin waliigaltee bu’uuraa irraa qaqqabu gabaasan BBC Ispoort Guillem Balague hime.

Taphataan ganna 35 Arjentiinaan Waancaa Addunyaa Qaataar barana qopheessite akka injifattu gargaare Mesiin, turtii kilaba Faraansaayi kana keessatti qabu Waxabajjii bara 2023 goobamuuf ture.

Jalqaba torban kanaatti Pirezedantii Baarcelonaa Yohaan Laportaa, Mesiin kilaba Ispeen; bakka waggaa 21 turetti ‘'akka deebi’u barbaanna,’’ jedhanii ture.

Haa ta’u malee, Balague akka jedhutti, Baarsaan akkatti Meesin deebi'urratti Mesiitti hin dubbanne.

Mesiin kilabicha wajjiin waliigaltee waggaa tokkoof turu kan mallatteessu yoo ta’u, filannoo isaatiin waggaa tokko dabalataan tura.

Waliigaltee kanarra kan gahame Daarektara kubbaa miilaa PSG Luyis Kaampos fi Abbaan Mesii ji’oota afuriif erga waliin mariyataa turanii booda.

Sana booda magaalaa Qaataar, Dohaatti Pirezidantiin kilabii PSG Naasir Al-Kaliifi wal arganii mariyatan.

‘’Qabatamaatti PSG waliin waliigalteerraa gahaniiru’’ jedhan ogeessi kubbaa miilaa Awurooppaa Balague.

‘’Baarselonaan Meesii ykn abbaasaatti dhiyaate kanaan kennaaf jedhee hin mariisifne,’’ jedhe.

''Mesiin Baarselonaatti debi'uu jibbee miti, isatu hin gaafatamne,'' jedhe.

‘’Mesiin waliigaltichatti gammadeera, ayyaana gannaa kanarraa deebi’e waliigaltichi ni saffisa,’’ jedha.

‘’Jireenyi Mesii Paarisiitti qixaa’efiira, gammachuu qaba, namni hundi itti gammada, ammas carraa Chaampiyeensi Liigii injifachuu qaba.

''Kanarratti dabalataan Balon d’Or dhaaf ammas irra deebi’ee akka kaadhimamu isa gargaaara,’’ jedhe.

Si’a torbaaf Balon d’or kan injifate taphataa collee Mesiin Waancaa Adddunyaa morkiin itti jabaaterratti biyyi isaa Arjantiinaan akka injifattuu qooda guddaa gumaache.

Mesiin hanga yoonaa PSG'f yeroo 53 hiriiree amma yoonaatti galchii 23 galcheera.

Taphataa Arjantiinaa kuni yeroo ammaa Waancaa Addunyaa tokko, Chaampiyeensi Liigii afur, Koppa Ameerikaa tokko qaba.

Baarselonaa waliin immoo waancaa Laligaa 10 kaase. Farnsaayittiis PSG waliin waancaa Liigii 1 ol kaaseera.

Mesiin taphataa yeroo kamiyyuu hin dagatamne keessaa tokko ta’eera. Barceloonaaf  taphoota 778 irratti hiriiree galchii 672 lakkoofsiseera.

Mesiin umriin isaa ganna 13tti ture Baarseloonaa kan seene.