Giddugala Moskootti haleellaa dirooniin gamoon rukutame

Maxxanfame

Haaleellaa dirooniii Yukireen gaggeessiteen gamoon Moskoo keessa jiru rukutamee, dhukaasaa damee daldalaa magaalatti keessatti dhaga’ame uumuu isaa qondaaltonni Raashiyaa himan.

Diroonichi ittisa qilleensaan rukutamee Wiirtuu Eksipoo magaalattii keessatti akka kukkufeeru bulchaan maagalichaa Sergeeyi Sobyaniin ibsaniiru.

Haleellaan akkanaa dhiyeenya magaalaa guddittii Raashiyaa keessatti dabalaa dhufeera.

Viidiyoon hin mirkanoofneefi miidiyaa hawaasummaa irratti maxxanfame, galgalaan Moskoo keessatti aarri guddaan yemmuu gara samiitti ol ka’u mul’isa.

Ammatti gama Yukireeniin haleellaa kana ilaalchisee wanti jedhame hin jiru.

Ministeerri ittisaa Raashiyaa, Telegram irratti akka ibsanitti, haleellaan kun kan raawwate halkan keessaa sa’aatii 10:00tti ture.

Sirni ittisa qilleensaa erga eegalee booda, diroonichi ‘kallattii balalii isaa geeddaruun’ naannaa gamooleen mootummaa hedduu jiran Krasnopresnenskaya Embankment kessatti gamoo tokko irratti kufuu isaa Ministirichi ibseera.

Dabaluunis caccabaan diroonichaa ibidda akka hin uumnee fi namni miidhame akka hin jirre eerera. Aab Sobyaniin ammoo dirooniin kun Wiirtuu Ekspoo irratti “miidhaa guddaa hin taane" geessiseera jedhaniiru.

Namootni naannicha turaniifi wanta uumame argan akka miidiyaa Reuters’tti himanitti, haleellaan kun “dhohiinsa guddaa” uumeera.

Miidiyaan mootummaa Raashiyaa, Tass jedhamu hojjettoota yeroo hatattamaa eeruun, gamoon kun gam tokkoon diigamuu isaa gabaaseera. Bakki haleellaa kanaan miidhamee iskuweer meetira 30 akka ta’us himeera.

Haleellaa kana hordofee buufati xiyyaaraa Vinukovoo Moskoo jiru cufamee, yeroo gabaabaa booda deebi’ee banamuu isaa Tass gabaaseera.

Hanga jalqaba waggaa kanaatti, waraanaa Yukireeniin waliin tureen Moskoon utuu hin tuqamiin turteetti. Ji’oota dhiyoo keessa garuu haleellaan diroonii itti xiyyeeffatamee jira.

Caamsaa 30 irratti, haleellaa irra deddeebiin uumameen gamoon hedduu diigamuu isaanii gabaafamee ture.

Adoolessa 30 fi 31 irratti, haleellaa diroonii adda addaa lamaan gamoon guddaa meetira muraasaa Wiirtuu Eksipoo irraa fagaatee jiru rukutameera.

Yeroo sanatti Pirezidaantii Raashiyaa Volodmiir Zelensikii, waraanichi “gara daangaa Raashiyaatti” deebi’aa jira jechuun, kun “adeemsaa uumamaa, haqaa fi hin oolleedha” jedhaniiru.