Yukireen namoota dullooman gowwoomsuun buufataalee leenjii waraanarratti haleellaa gaggeessiti jechuun Raashiyaan himatte

Maxxanfame

Yukireen namoota umuriin dulloomanitti bilbiltee gowwoomsuun buufataalee leenjii loltummaa Raashiyaarratti haleellaa akka raawwatan gochaa jirti jechuun Raashiyaan himatte.

Akka himannaa Raashiyaatti hojjattoonni tikaa Yukireen manguddoota Raashiyaatti bilbilanii gowwoomsuuni haleellaa akka raawwatan kan taasisan.

Biiron qorannoo yakkaa Raashiyaa akka jedhetti hojjattoonni tikaa Yukireen poolisii ykn namoota liqii kennan of fakkeessuun lammiilen Raashiyaa buufataalee waraana Raashiyaarratti haleellaa akka gaggeessaniifi abidda akka qabsiisan gochaa jiru.

Hojjattoonni tikaa Yukireen kun namoota dulloomanitti bilbiluun maallaqni isaanii akka jalaa qabameefi yoo maallaqni isaanii akka deebi'uuf barbaadan buufata leenjii loltummaatti abidaa akka qabsiisan fa'aa ajaju.

Biiron qorannoo yakkaa Raashiyaa akka jedhutti tajaajilli tikaa Yukireen namoota heddutti bilibiluun namoonni haleellaa kanarratti akka hirmaatan gochaa jiru.

Ministiirri dhimma biyya keessaa Raashiyaa akka jedhetti buufata leenjii waraanaa Raashiyaarratti haleellaa gaggeessun hanga hidhaa waggaa 20tin kan nama adabsiisudha.

Himannaa Raashiyaa kanarratti qondaaltonni Yukireen homaa hin dubbanne.

Raashiyaan Guraandhala 2022 Yukireen irratti waraana erga bantee as haleellan heddu Raashiyaa keessatti raawwateera. Haleellaa kana kan raawwatu ammoo lammiiledhuma Raashiyaa yoo ta'an hedduun isaanii namoota umuriin dulloomaniidha.

Dhiyeenya kana Raashiyaan bifa haaran loltoonni haaran akka galmaa'anii leenjii fudhatan duula gaggeessuun wal-qabatee haleellan buufataalee galmee leenjii loltummaarratti gaggeeffamu dabaleera.

Miidiyaan Raashiyaa Vedomosti jedhamu miseensa parlaamaa kan ta'e Sargee Mironoov waabeffachuun akka gabaasetti haleellan wal-fakkaatan 25 ta'an Hagayya 1fi 2 buufataalee loltummaa kanarratti raawwateera.

Raashiyaan leenjii loltummaa akka fudhataniif bifa haaraan lammiileeshee kakaasaa jirti.

Amajjii 2, 2023 kaasee hanga Hagayya 3, 2023tti Raashiyaan namoonni 231,000 leenjii loltummaa akka fudhataniif galmeessitee akka jirtu ragaa ministeera ittisaa waabeffachuun pirezidaantiin duraanii Raashiyaa Dimitirii Medvedeev dubbatanii turan.

Haleellaan gowwoomsaa tika Yukireenin buufataalee loltummaa Raashiyaarratti raawwateera jedhame BBCn hin mirkaneeffanne. Haleellawwan jedhaman kunneen baay'ensaanii abidda itti qabsiisudha.

  • Gaafa Adoolessa 29, 2023, kaaba Arkitikiitti, manguddoon ganna 76 buufata qacarrii loltootatti abidda qabsiisuu yaalee ture. Garuu, hin milkaa'in hafe.
  • Guyyaadhuma wal-fakkaatan Baha Mooskoo, Kaazan keessatti doktarri fayyaa tokko hojjattuu Tajaajila Nageenyaa Federaalaaf qarshii guddaa kaffaluun buufata qacarriin loltootaa itti gaggeeffamu akka gubdu, hin ta'u taanaan intalashee akka ajjeesu akeekkachiise.
  • Oddoola Raashiyaadhan Yukireen irraa fudhatamte Kiriimiyaa bakka Fe'deeshiyaa jedhamutti barsiistun ganna 51 dhuka'aa manatti hojjatamu buufata qacarrii loltummaatti waan darbatteef to'atamtee turte. Haleellaa kana akka raawwattuuf ergaan karaa Telegiraamii akka ishee qaqqabe dubbatte.
  • Gaafa Adoolessa 31, 2023 magaala Kibba Mooskotti argamtu Podolisk jedhamtu keessatti buufanni qacarrii loltummaa si'a lama haleellan abiddaa irratti raawwatee ture.

Haleellaa jalqabaa kan raawwate manguddoo ganna 76 yoo ta'u, kan lammataa ammoo nama ganna 50 ti. Haleellaa kana kan raawwataniif ammoo maallaqni isaanii jalaa hatamee akka jiruufi yoo buufata loltummaa kana abiddaan haleelan qarshiinsaanii akka deebi'uuf waadaan galameefiti.