Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Barattuu Yuunivarsiitii Wallaggaa: Harka tokkoon daa'ima, harka biraan qalama daree barnootaa keessatti
Daraartuu Tasfaayee jedhamti. Ogummaan ishee barsiistudha. Labata qartee boruuf qopheessiti. Amma immoo baruumsa Gannaatin digrii ishee waggaa lammaffaa Yuunivarsiitii Wallaggaatti barataa jirti.
Yeroo dhiyoo as Daraartuun osoo mucaa ishee ji'a sadiifi torban lamaa kaasuutti baattee daree barnootaa keessa teessee qormaata fudhattuu suurri ishee miidiyaa hawaasaa gubbaatti mul'ate.
Kanuma mirkaneeffachuuf BBCn Daraartuufi abbaa manaa ishee wajjin turtii taasiseera.
Daraartuun magaalaa Finfinnee bulchiinsa Aqaaqii Qaalittiitti mana baruumsa mootummaatti barsiistuu barnoota Ispoortiiti. Abbaan manaa ishee Sanyii Raggaasaas akkuma ishee barsiisadha.
Sanyiinis magaalumaa Finfinnee mana-baruumsa Koyyee Facceetti baruumsa Ogummaa Fakkii barsiisa.
Daraartuun Walaggala Bahaa aanaa Guutoo Guddaa irraa, Sanyiinis achuma Wallaga Bahaa aanaa Nuunnuu Qumbaa irraa biddeenni walitti fidee gaa'ela dhabbatanii erga manaa bahanii reefuu waggaa tokko ta'a.
Gaa'ela dhaabbatanii waggaa isaatti mucaa ilmaa godhatan. Ilma isaanii ammoo Naatol jedhanii itti moggaasan. Naatol Sanyii!
Akka carraa ta'ee isaan lachuu baruumsa Gannaa barachuuf Yuunivarsiitii wallaggaa jiru.
Daraartuun erga deessee reefuu ji'a sadii fi torban lama. Ofiifuu ulmaa ciiftee osoo dugda hin jabeeffatiin akkamitti mucaa baattee daree keessa teessee barachuuf dirqamte?
"Ji'a tokkoof jedhee baruumsa koo addaan hin kutu"
Sanyiin akka jedhutti, isaan lachuu akka carraa ta'ee si'a tokkotti baruumsa Gannaa barataa jiru waan ta'eef haati warraa isaa Daraartuun mucaa ji'a sadiifi torban lamaa baattee daree barnootaa keessa taa'uuf dirqamte.
Isaan lachuu mooraa Yuunivarsiitiin ala mana kireeffatanii jiraataa jiru.
"Yeroo Finfinnee irraa gara Naqamtee deemnu, hanga baruumsa xumurrutti obboleettiin koo akka mucaa nuuf qabduuf ture.
Sababa rakkoo nageenyaatiif isheen ammoo Nuunnuu Qumbaa irraa gara Naqamtee dhufuu hin dandeenye," jedha Sanyiin.
Akka Daraartuun jettutti baruumsi Gannaa kun ji'a tokkoof kan turuudha. "Ji'a tokkoof jedhee baruumsa koo waggaa tokko boodatti hin hafu jedheen dhufe," jetti.
Mooraa Yuunivarsiitii keessatti Daraartuufi Sanyiin yeroo tokkotti daree garaa garaatti waan barataniif inni mucaa harkaa fuudhee gargaaruu hin danda'u.
"Yeroo manatti gallu waluma harkaa fuunee baanna jedha," Sanyiin.
Yuunivarsiitin Wallaggaa wiirtuu kunuunsa daa'immanii (Day Care) hundeessee tajaajila erga eegalee bubbuleera.
Wiirtuu kana keessatti hojjattootaafi barsiisota Yuunivarsiitichaa dubartoota ta'aniifi ijoollee ji'a jahaa hanga waggaa sadii ta'an qabaniif iddoo itti kunuunsi laatamu akka ta'e dubbatu Yuunivarsiitii Wallaggaatti barsiistuu Lingustikiifi Gaazexeessummaa kan ta'an Aliimaa Jibriil (PhD).
Dr. Aliimaan BBCtti akka himanitti, Daraartuun mucaa qabattee daree keessa teessee qormaata akka fudhataa jirtu akkuma dhagahaniin waamanii yeroo daree seentu hundumaa mucaa ishee wiirtuu kunuunsa daa'immanii keessatti akka kunuunsi godhamuuf gaafatan.
Daraartuunis afeerraa Dr. Aliimaan godhaniif kanatti gammaddus, "mucaan koo reefuu ji'a sadii waan ta'eef 'xuuxxoo' hin barre" jetti.
Wiirtuun kunuunsa daa'immanii Yuunivarsiitii Wallaggaa hojjattootaafi barsiisota qofaaf kan hundaa'e ta'us, Daraartuudhaaf bifa adda ta'een akka ilaalamu yaadameeti jedhu Dr. Aliiman.
Daraartuun akka jettitti, keessumaa yeroo qormaata qoramtu mucaan ishee akka ishee rakkisu himti.
"Yeroon qormaata qoramu barsiisotuma qormaata nu qoruu dhufan fa'atu na gargaara," jetti.
Daraartuufi abbaa manaa ishee barnoota Gannaa xumuruuf ji'a tokkotu isaan hafa. Ji'a tokko hafte cichitee xumuruun gaafa gara Finfinneetti deebitu nama ishee gargaaru hojjattuu barbaaddattee fudhattee akka deebitu dubbatti.
Daa'ima dahanii guddisaa barachuun waan Daraartuu qofa mudate miti. Kun hiree dubartoota hedduu mudatuudha.
Jaalalli daa'imaafi barumsaa yookaan garaatti, yookaan harkatti baatanii akka baratan kan dirqisiise danuuti jiru.
Itoophiyaa keessatti waqtii qormaata biyyaalessaa dubartoonni har'a dahanii haruma olmaa ciisaa osoo jiranii qoraman yeroo gara garaatti BBC gabaasaa tureera.