Raashiyaatti kuusaan boba'aa dhohuun yoo xiqqaate namoota 30 ajjeese

Maxxanfame

Kibba Raashiyaatti kuusaan boba'aa dhohuun yoo xiqqaate lubbuu namoota 30 galaafateera.

Dhohiinsi kun magaalaa naannoo kan taate Makachikaalaa keessatti mudate.

Balaa magaalaa handaara galaanaa taate kana keessatti mudateen kanneen du'aniin alattis hedduun madaa'aniiru.

Sababiin balaa kanaa hanga yoonaa hin beekamne.

Suuraarraa akka mul'atutti aarri labooba abiddaa samiitti olka'uun dukkaneesseera.

Lubbu baraartonni 260 ta'an bakka balaan kun mudatetti bobbaafamaniiru.

Namoota garmalee miidhaman xiyyaaraan gara magaalaa Moskootti geessaa jiraachuu Ministeerri Dhimma Balaa Tasa Raashiyaa ibseera.

Maddi oduu Raashiyaa- Interfax news agency jedhamu doktaroota wabeeffachuun akka gabaasetti namoota du'an keessaa sadi daa'immani.

Akka miidiyaan kun gabaasetti balaan abiddaa dhohiinsa kanaan uumame lafa kaaree 600 caalu waliin ga'eera.

Sababa kanaan kuusaawwan boba'aa biroo naannawa sana jiran keessattis balaan dhohiinsaa mudachuu mala sodan jedhu jira.

Namni taatee kana ijaan arguu gaazexaa Raashiyaa- Izvestia jedhamutti hime tokko, abiddi jalqaba konkolaataa fuullee buufata boba'aa kanaa dhaabbate irraa ka'e jedhe.

''Erga buufati boba'aa kun dhohee booda homaa nutti mul'achuu hin dandeenye. Wanti hunduu nurratti kukkufuu eegale,'' jedha.

Koreen qorattootaa Raashiyaa balaan abiddaa kun wayita konkolaataan suphamaa ture ka'uu fi isa booda dhohiinsi guddaan mudachuu ibse.

Sababa balaan kun akka mudate taasise qorachuu akka eegles ibseera.

Kibba Raashiyaatti kan argamtu Rippaabiliki Dagestan bulchiinsa Raashiyaa 83 keessaa tokko.

Magaalaan Makachikala ammoo Moskoo irraa kiilomeetira 1,600 fagaatti.