'Waliigalteen waraana dhaabuu miidhamtootaf haqa fiduu qaba'-Aministii Intarnaashinal

Madda suuraa, Amnesty International
Jaarmiyaan mirga namoomaaf dhaabatu Aministii Intarnaashinaal waliigaltee waraana dhaabuu humnoota Tigraayifi mootummaa Itoophiyaa gidduutti raawwatame hordofee ibsa baaseen waliigaltichi ''tarkaanfii jalqabaa daandii qajeelaati'' jedheera.
Daayireektarri dhaabbatichaa kan Bahaafi Kibba Afrikaa Muleeyaa Miwaananiyaandaa waliigalteen kun tarkaanfii jalqabaa daandii qajeelaati, garuu ammoo hanqina itti gaafatamummaa waraanni kun erga eegale ture furuuf tarkaanfileen dabalataa ni barbaachisu'' jedhan.
Dhaabbanni kun waraanni gaaga'aan Itoophiyaa waggaa lamaan har'aa eegale keessatti qaamoleen hirmaatan hunduu sarbama mirgaa dubbachuuf ulfaatu, dubartootaafi daa'imman dirqiin gudeeduu fi adeemsa seeraa malee nama jumlaan fixuun raawwatameera jechuun irra deeddeebiin qorannoofi gaafatamni akka jiraatu gaaffachaa ture.
Daayirektarittiin ''yakkoonnni ciggaasisoon kun callisaan bira darbamuu hin qaban'' jedhan ibsa waajirichi baase gubbaatti.
''Ammatti waliigalteen mallattaa'e yakka waraanaa fi yakka namoomaa raawwatamaniif gaafatamummaan akkamiin akka mirkaneeffamu waan akeeke hin qabu, kunimmoo sarbamni akka irra deebi'u godhaa'' jedhan.
Gaafatamummaafi haqni akka jiraatu mootummaan Itoophiyaa dhaabbilee idila addunyaa kan UN dabalatee kaanis qorannoo akka godhan balabala isaa banuutu irra jiraa jedhan.
Hulaan deeggarsi namoomaa uummata Tigraay bira itti gahus banaa ta'uus qaba jechuun waamicha godheera.
Waliigaltee kanaan kan injifate uummata Itoophiyaati
Manni maree waloo dhaabbilee Amantaa Itoophiyaa kan wayita waraanni hammaatu nagaa buusuuf gahee irra aeegamu hin bahanne jedhamuun qeeqamaa bahe gama isaan ibsa har'a baaseen waliigaltee kanaan kan injifate uummata Itoophiyaati jedheera.
Barreessaan mana maree kanaa Luba Taagaayi Taaddelee waggaa lamaan darban waamicha nagaan haa bu'uu jedhu dhiyeessaa turuu yaadatanii nagaan waaraan akka bu'u hunduu kadhaa rabbii akka godhu gaafatan.
Waliigaltee kana keessatti kan mo'eefi kan mo'ame hin jiru. Kan mo'ate lammiilee Itoophiyati jedhan.
Hariiroon hawaasaa akka jabaatus uummanni gahee isaa akka bahu waamicha gochuu isaanii miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.












