Kooriyaan Kaabaa niwukilara dhiheenya dhukaaste akkaataa ittiin Kibba haleeltu shaakaluuf kan taasifamedha jette

Madda suuraa, KCNA/REUTERS
Kooriyaan Kaabaa misaayeloonni tibbana dhukaasaa turte ‘’shaakala boombii niwukilaaraaatiin Kooriyaa Kibbaa haleeluun kana fakkaata’ jette.
Shaakkalli misaayilaa kun wayita Kooriyaan Kaabaa waggaa shan keessatti yeroo jalqabaatiif boombii niwukularaa shaakaluuf jirtutti ta’uusaa odeeffannoowwan basaasaa ni akeeku.
Torban muraasa dura shaakala waraanaa Ameerikaa fi Kooriyaan Kibbaa walta'iinsaan gaggeessan hordofuun, Piyoonyaang misaayeloota torba dhukaasuun deebii kennitetti.
Wixata darbe miidiyaa biyyaleessaa Kooriyaa Kaabaa akka himetti, misaayelichi boombii niwukilaaraa tarsimoowaa akka baatuuf hojjatamuu isaa odeeffannoo bal’aa kennee ture.
Misaayeloonni fageenya gabaabaatti dhukaafaman kunneen dirree waraanaa irratti gargaaramuuf kan yaadame ta'uutu amanama.
Shaakala misaayelaa kanaan kutaaleen waraanaa, buufataalee dooniifi buufataaleen xiyyaaraa Kooriyaa Kibbaa sirnaan haleeluu akka dandeessuutti shaakaluu Kooriyaan Kaabaa himtetti.
Itti dabaluun, shaakalli kun Ameerikaa fi Kooriyaa Kibbaa akeekkachisuuf ta’uu ibsiteetti.
Miidiyaan Kooriyaa Kaaba KNCA hogganaan biyyattii Kiim Yoong -un wayita shaakala misaayelaa kana qajeelchaniifi qindeessan suuraalee agarsiisan maxxanseera.
Qondaaltonni basaasaa Kooriyaan Kibbaa fi Ameerikaa akka himanitti, erga bara 2017 asitti Kooriyaan Kaabaa yeroo yartuu keessatti boombii niwukilaaraa shaakaluuf jirti.
Xiinxalatonni akka jedhanitti, biyyattiin yeroo jalqabaatiif boombiiwwan tarsimoowaa xixiqqaa shaakaluu hin oolle.
Ji’a darbe Kiim Joong-un Kooriyaan Kaabaa biyya humni niwukilaaraa ishee 'kan duubatti deebi’uu hin danda’amne'' ta’uu fi kanaaf seera biyya ishee keessa deebite akka haaromsitu labsaniiru.
Seerri Kiim haaromsu yaade, boombiiwwan niwukilaaraa otoo haleellaan irra hin qaqqabiin ittiin haleeluu eeyyama.
Seerri biyyaattiin duraan qabdu biyyattiin yoo haleelamtu qofa deebistee ittiin haleeluu kan eeyyamu ture.

Madda suuraa, KCNA/REUTERS
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Kooriyaan Kaabaa barana otoo waliirra hin kutiin, ittifufinsaan misaayila dhukaasu ittifufteetti.
Amma yoonaatti misaayiloota 40 ol dhukaaste. Miyaaloonni biyyattiin dhukaaste kunneen harki caalan isaanii misaayiloota fageenya gabaaba qabanii fi galaana Kooriya Kaabaa fi Jaappan gidduutti argaman keessatti kufan.
Kana qofayyuu miti, Kibxa darbe Kooriyaan Kaabaa misaayiloota fageenya dheeraa furgugifaman Jaappan irra qaxxaamursiteetti- Xiinxaltoonni akka jedhanitti misaayilii bilaastikaa sun fageenya giddu galeessaa kan furguggifamudha.
Barana Kooriyaan Kaabaa misaayiloota baaburaa fi konkolaattota wal hordofanii adeemaniirra otoo hin hafiin dhukaasa misaayilaa shaakalteetti.
Konkolaattoota imalaniirra meeshaalee kana dhukaasuun ammoo haleelanii baleessuuf rakkisaa taasisa jedhu ogeeyyiin.
Fulbaana 25, 2022 hanga Onkoloolessa 9tti misaayiloonni Kooriyaan Kaabaa dhukaaste kan Ameerikaan doonii xiyyaara hedduu baatu USS Roonaald Reegen jedhamu naannoo qaama bishaanii Kooriyaatti ergu isaaniif ta’uu ibsiteetti.












