'Seeqaan aangoo dabarsa, hoogganaan koo garuu Baabaa dha'-Uhuuruu

Wiiliyaam Ruutoo

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame

Pireezidantiin Keeniyaa waggoota sagal darbanii Uhuuruu Keeniyaattaa pireezidantii haaraa baallii fudhachaa jiran Wiiliyaam Ruutoo'n pireeziantii ta'uuf filannoo gaarii mitii jedhan.

Uhuuruun gammadaa baallii akka dabarsan himanii, Ruutoo caala Raayilaa Odingaa pireezidantii gaarii ta'a turee jedha.

''Aangoo kiyya seeqaan dabarsee kenna sababni isaas dirqama koo heerri narra kaahedha, garuu ammoo hoogganaan koo Baabaa(Raayilaa)dh'' jedhan.

Filannoo pireezidantummaa Keeniyaa bu'aan isaa falmisiisaa ta'ee Manni Murtii mirkaneesse ilaalchisee Uhuuruun yaada kennaniin lammiileen Keeniyaa hiree gaarii of jala dabarsan jedhan.

''Biyyattii tokkoomsuuf hiree of jala dabarsitan. Kan hiree dhowwattan Raayilaa miti.''

Uhuuruun erga filannoo marroo lammataaf pireezidantii ta'anii filatamanii booda itti aanaa isaanii amma pireezidantii ta'an Wiiliyaam Ruutoo wajjin waldhabaniiru. Filannoo alanaa kana irrattis morkataa isaanii bara kaanii Raayilaa Odingaa deeggaran.

Ruutoon erga injifachuun isaanii mirkanaa'ees ifatti baga gammadde hin jenneen.

Paartileen Odiiingaas ta'e Raayilaa paarlaamaa keessatti teessoo harka caalu hin injifanne.

Kana jechuun ammoo pireezidantin haaraan seeraa, imaammataa fi muudama baasuu yoo fedhan paarlaamaa keessatti sagalee caalmaa argatanii mirkaneessisiifachuuf hojii guddaatu eeggata jechuudha.

Wiiliyaam Ruutoon gama isaaniin Uhuuruun pirazidantummaaf gaha ata'ee waan itti hin mul'anneef baga gammadde akka ittiin hin jenne dubbatan.

''Filannicha injifadheera, inni guddaan isa... akka carraa dhabuu ta'ee pireezidant Keeniyaattaan baga gammadde naan jechuuf gahaa ta'ee itti hin mul'anne. Homaa miti... tarii kaadhimamaa isaa injifachuu kootti hin gammanne. Kuni amala siyaasaati'' jechuun CNN'tti himan.

Ruutoon injifachuun erga Mana Murtiin mirkanaa'ee booda pireezidantii baallii harkaa qabanitti akka bilbila dubbatanii kan ture yoo ta'u, akkuma jedhan bilbilanii waayee wal-harkaa fuudhinsa baalliifi filannichaa dubbachuu himan.

Wiiliyaam Ruutoo Fulbaana 13, Kibxata torbee dhufuu pireezidantii Keeniyaa ta'uun kakuu raawwatu.