Ajjeechaa miseensa mana maree Naannoo Somaalee mormuun Jigjigaatti hiriirri taasifame

Madda suuraa, JUWERIA SUBCIS
Owwaalchi miseensa mana maree Naannoo Somaalee guyyaa Kibxataa buufata xiyyaaraa magaalaa Jigjigaatti dhukaasa poolisiin dhukaafamen ajjeefaman guyyaa Roobii raawwateera.
Aadde Juwaariyaa Mohaammad Ibraahim dhukaasa miseensa poolisii federaalaa banameen yoo du’an namoonni shan immoo madaa’aniiru.
Gaazexeessaan BBC magaalaa Jigjigaa jiru akka himetti guyyaa har’aa hiriirri ajjeechaa Aadde Juwaariyaarratti raawwate mormu mana jireenyaa isaanii biratti taasifameera.
Kanneen hiriira bahan miseensi mana maree haqa akka argatan gaafataniiru.
BBC’n akka odeeffateetti miseeni poolisii federaalaa ajjeechaa raawwachuun shakkame guyyaa har’aa mana murtii dhihaateera.
Sababi ajjeechaa qoratamaa kan jiru yoo ta’u ajjeechaa dura miseensi kuni miseensa poolisii biroo waliin waldhabanii akka turan ibsameera.
Owwaalcha sa’aa sagal irratti yeroo raawwate aangawoota dabalatee ummati lakkoofsaan hedduudha jedhame argameera.
Owwaalcha dura namoonni dhibbaan lakkaa’amaniifi mormiif naannoo mana jireenyaa Aadde Juweriyaa bahan nama ajjeechaa raawwaterratti ‘tarkaanfiin akka fudhatamu’ gaafataniiru.
Yeroo kanatti poolisii waliin walitti bu’ani.
Gaazexeessaan BBC akka jedhetti namoonni dhagaa darbataa turan, poolisiinis imimmaanessituu dhukaaseera.
Yeroo ammaa haalichi kan tasgabbaa’e yoo ta’u kanneen mormiif bahan keessaa ‘rogeessonni muraasni hidhamuu’ ibsameera. Kan hiikamanis jiru.
Guyyaa Kibxataa yeroo haleellaan raawwate Aadde Juweriyaan obboleettii isaanii Ameerikaadhaa dhufan simachuuf buufata xiyyaaraa argamanii turan.

Akka BBC’n odeeffateetti, dhukaasa banameen obboleettiin Aadde Juweeriyaas miidhamaniiru.
Pirezidantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Umar gadda isaanii ibsaniiru.
Dhaabi biyya bulchu, Paartiin Badhaadhinaa, ibsa gaddaa baaseen Aadde Juwaariyaa Mohaammad miseensa koree hojii raawwachiiftuu dhaabichaa akka turan ibse.
Dhaabichi Aadde Juwaariyaan dhukaasa humna nageenyaa tokkoon dhukaafameen ajjeefamuufi dhimmicha seerri hordofaa akka jiru himeera.
Haleellaan kuni Kibxata ALI Onkololeessa 15/2015 waaree booda naannoo sa’aatii 9:00 raawwate.
Sababi miseensi poolisii badii kana raawwate hin ibsamne.
Poolisiin badii kanaan shakkame haleellaan erga raawwate booda miseensota poolisii federaalaa biroo, humna addaa Naannoo Somaaleefi Raayyaa Ittisa Biyyaan to’annoo jala ooleera.
Miseensi mana maree lubbuun isaanii darbe kuni Godina Dolloodhaa kan filaman ta’u ibsameera.












