KMNI Gaambellaatti hojjettoota isaarra doorsisni gahe jedhe

Koomishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (KMNI) hojjettootasaa waajira damee Gaambellaa jiru keessaa hojjetan irra doorsisaa fi sodaachisni gahaa jira jedhe.
Koomishinichi ibsa Fulbaana 26, 2015 baaseen gaafa Fulbaana 25, namoonni gareedhaan gara waajira koomishinichaa dhufan waayiloota achi jiran irratti doorsisa, sodaachisaa fi gochaawwan badii biroo raawwataniiru jedhe.
Daarektarri koomishinichaa Dr Daani’el Baqqala hojjettoonni isaanii labsii dhaan mirga isaaniif eegumsa addaa akka godhamuufifi gochaan raawwate fudhatama akka hin qabne ibsan.
''Koomishinichi yeroo hojiisaa hojjetutti danqaan garaagaraa isa mudatullee, haleellaan hojjettoota irratti qiyyaafate naannichatti qabinsa mirga namoomaa irratti dhibbaa gaarii hin taane kan uumudha, kanaaf mootummaan federaalaa fi naannichaa wal-tumsuun ariitiin akka dhaabsisan yaadachiisna,’’ jedhan.
Koomishinichi gochaa kana eenyu akka raawwate ifatti waan hime hin qabu. Motummaan Naannoo Gaambellaa garuu ibsa koomishinichi baase akka hin fudhannee fi ibsa madaalawaa hin taane jechuun balaallefate.
Koomishinichi Waxabajjii 07, 2014 Gaambellaatti hidhataan Waraana Bilisummaa Oromoo ofii jedhuufi Addi Bilisuummaa Gaambellaa haleellaa erga raawwataniin akkasumas tarkaanfiiwwan humnooti mootummaa fudhataniin sarbama mirga namoomaa qaqqabe irratti qaorannoo geggeessee, gaafa Fulbaana 18, 2015 gabaasa baasee ture.
Gabasni koomishinichaa gareen hidhattootaa haleellaa erga qaqqabsiisaniin booda guyyoota lamaan itti fufanitti humnoonti mootummaa magaalattii keessatti namoota nagaa irratti haleellaa qaqqabsiisuu himeera.
Koomishinichi gabaasni kuni bahuun booda miidiyaa hawaasaa irratti odeeffannoon doorsisaa tamsa’aa ture.
Hojjettoota komishinichaa irrattis ergaan jibbaafi doorsisaa qaqqabaa ture jedhe.
Waxabajjii bara darbe haleellaa hidhttoonnifi humnoonni nageenyaa raawwataniin lubbuun namoota 50 baduun gabaafameera.
Koomishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaas haleellicha hordofuun booda waan magaalaa Gaambellaa keessatti mudate ji’ootaan booda torbee darbe gabaasa baaseen humnoonni mootummaa seeraan ala tarkaanfii fudhataniiru jedhe.












