Tapha michummaan Itoophiyaa kan moote Morookoon walmorkii Chan keessaa of baaste

Madda suuraa, Getty Images
Morookoon dorgommii taphattoonni liigii biyyaalessaa qofti keessa kan taphataniifi barana Aljeriyaatti qophaa'urraa yeroo xumuraarra of baaste.
Wal morkiin kuni Shaampiyoonshippii Biyyoota Afrikaa yookiin Chan jedhamuun beekama.
Sababi ijoon Morookoon dorgommii irraa kan of baaste balalii xiyyaaraa kallattiin biyya ofiirraa kaatee gara Aljeeriyaa akka hin imalle waan dhorkamteefi.
Morookoon tapha michummaa lama garee Itoophiyaa waliin taasisuun lamaanuu injifachuu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itoophiyaa kana dura ibseera.
Gareen Itoophiyaa barana waggoota jaha booda dorgommii Chan irratti hirmaata.
Gareen kun guyyoota saddeetiif Morookoo, Kazaabilaankaatti qophii taasisaa turan.
Eegasiis Roobii galgala magaalaa Aljeers qubachuu qondaalli Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa Obbo Baahiruu Xilaahuun beeksisaniiru.
Itoophiyaan ramaddii A keessa qopheessituu dorgommichaa Aljeeriyaa, Liibiyaafi Mozaambiik waliin ramadamte. Â
Tapha jalqabaa ishees gaafa Sambataa Mozaambik waliin taphatti.
Hariiroon dippilomaasii biyyoota kaaba Afrikaa lamaan bara 2021 keessa rakkoo godhate. Sababa sanaan balaliin xiyyaaraa kallattii haqameera.
Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Morookoo (FMRF) magaalaa guddoo isaanii Rabaat irraa kallattiin balali'an malee akka hin hirmaanne baatii Mudde keessa beeksisaniiru.
Federeeshinichi ifatti Daandii Qilleensaa Morokoo, Royaal Eyir, jedhamuun kallattiin bakka Aljeeriyaa keessa qubatu Konistantaayinitti akka balala'u gaafatus akka hin mirkanoofne ibsuun gadduu hime.
 Walmorkii Chan Leencoti Atilaas bara 2018 akkasumas 2020 injifatan gaafa Jimaataa Aljeeriyaatti jalqaba.
 Silaa taphattoonni Morookoo yeroo sadaffaaf injifachuuf wal morkii isaanii gaafa Dilbataa Sudaan waliin eegalu ture. Â
Seenaa Itoophiyaa Chan irratti
Seenaa Itoophiyaa Itoophiyaan seenaa ishee keessatti yeroo lama qofaaf dorgommii Chaan irratti hirmaatte. Kunis bara 2014 fi bara 2016 dha.
Bara 2014 Gaanaa, Liibiyaafi Kongoon mo’amani. Bara 2016 yeroo Ruwaandaa qophaa’e irratti garuu qabxii wayyoo qabu galmeessan.
Kaameroon waliin qixa bahanii qabxii yoo qooddatan, Angoolaa akkasumas boodarra shaampiyoonaa kan taate Rippablika Dimookiraatawaa Kongoon mo’amani.












