Sudaanitti dubartii 'ni ejjite' jedhamtee dhagaan reebamtee ajjeefamuuf guyyaa eeggattu

Madda suuraa, Getty Images
Sudaanitti dubartii ni ejjite jedhamte murte dhagaan reebamtee ajjeefamuu irraa qaamaa mootummaa ishee baraaru dhabde.
Sudaan amma humna waraanaan bulaa kan jirtu ta'uu hordofee qaamni mootummaa dhimma haqaa ilaalu dhibuu isaatiin dubartiin kun guyyaa dhagaan dhaanamtee ajjeefamtu eegaa jirti.
Qaamoleen mirgaaf falman dubartiin ganna 20 haqa hin argannee jechuun akka gadhiifamtu gaafatu.
Aangaa'aan mootummaa tokko adeemsi haqaa ishee qoosaadha jechuun kufaa godhanis ''Ministira gidduu galee gadhiifamuu ishee gaafatu hin qabnu'' jedhan.
Dubartiin ganna 20 kun bara 2020'tti abbaa warraa isheerraa adda baatee maatii ishee wajjin jiraachaa kan turte yoo ta'u, waggaa tokko booda abbaan warraa ishee ejjuudhaan ishee himate.
Manni Murtii bulchiinsa Waayit Naayil naannoo Kostii jiru ammoo Caamsaa darbe dubartii kanaan yakkamtuudha jedhee murtee dabarse.
Dubartiin kun murtee kana irratti oliyyannoo dhiyeeffattee murteen dhumaa mana murtii eegamaa jira.
Ministeera Misooma Hawaasa keessatti garee haleellaa saalaa dubartootarra gahu hordofu kan hoogganan Suli'aamaa Ishaaq, Kartuum keessatti hooggantootatti dubbachaa turanis Minsiteerri kan hin jirre ta'uun isaa isheef qaqqabuu rakkisaa godheera jedhan.
Gareeleen mirga dubartootaaf qabsaa'an dubartii maqaan ishee akka hin dhahamne maatiin BBC gaafatan kun abukaatoo argachuu akka hin dandeenyee fi yakka ittiin himatamtes sirnaan kan hin beekne ta'uu dubbatu.
''Dhuga-bahuumsi mallatteessite seeraan alaa dhiibbaa irratti godhameen ta'uu isaaf sababootni amansiisoon jiru'' jedhu daayireektarri gidduugala qorannoo dhimma haqaa fi nagaa Afrikaa Mosaad Mohaammed Alii.
Abukaattoon dubartootaa Intisaar Abdallaa yaada BBC'f kenniteen dubartiin kun ol iyyatteetti waan ta'eef Manni Murtii waan sirrii murteessee maamila ishee akka gadhiisu abdii qabaachuu himte.

Madda suuraa, Shiha
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Sudaan ammallee yakka yookaan badii Quraana irratti barreeffaman kanneen Hudud jedhaman nama dalagerratti adabbii du'aa dabarsiti.
Yakkoon kunniin hanna, ijjuu, alkoolii dhuguu fa'adha.
Adabbiin du'aa kuni dhagaan dhaanamuu fi fannisuun raawwatamuu malu.
Adabiiwwan kaan alangeen garafamuufi harkaafi miila muruunis keessatti argama.
Mootummaan Sudaan bara 2015'tti dhagaan dhaanamani ajjeefamuu akka murtee seeraatti ilaaluun akka hafu waadaa galus hanga ammaa hin raawwanne jedhu gareelee mirga namoomaaf dhaabatan.
Yeroo dhumaatiif dubartiin ejjuudhaan murteen du'aa dhagaan dhaanamtee akka ajjeefamtu itti murame Intisaar El Sheriif kan jedhamtu taatus duula dhaabbileen mirgaa godhaniin bara 2012 daa'ima ishee ji'a afurii waliin hidhaa gadhiifamteetti.
Intisaar amma nama takkittii qofatu mana hidhaatti dhaqee ishee argaa jira.
Ishiniis abukaatoo dubartii kanaa kan taate-Intisaaridha.
''Dubartiin kun fayyaan qaama ishee gaariidha, garuu akkuma hubatamu siqiqii keessa jirti.''
Dubartiin ganna 20 kun akkuma dubartoota kaanii hawaasa fi maatii aadaafi amantaa isaa kabaju kan qotatee jiraatu keessaa baate jetti abuykaatoon ishee.
Dhimma ishee irratti Manni Murtee Kostii yaada akka kennuuf BBC'n gaafatamus dhimmicha irratti deebii hin laanne.












