Iraan haleellaa dirooniif Israa’el himattee, haaloo bahuufis dhaadatte

Gamoo Iraan, Isfaahanitti argamu

Madda suuraa, Reuters

Maxxanfame

Iraan haleellaa diroonii buufata waraanaa magaalaa Isfahaanitti Sanbata darbe raawwateef Israa’eliin himatte.

UN’tti ambaasaaddari Iraan Israa’el, ''yaalii weeraraa gochuu isheef,'' ragaaleen agarsiisaniiru jedhan.

Iraan ''doorsisa ykn gochaa sirrii hin taane kamifiyyuu deebii kennuuf mirga qabdi'' jedhan.

Israa’el garuu haleellaa kana raawwachuu ishee hin haalles, hin mirkaneessines.

Iraan gamasheen haleellichi miidhaa hanga tahe qaqqabsiiseera jettus, dhimmi kuni qaama walabaan hin mirkanoofne.

Biyyoonni kunneen walii diina yoo tahan, yeroo dhihootti lola ''waraana gaaddidduu'' jedhamu keessa galanii turan. Wal-haleeluunis wal-himatu.

Israa’el meeshaalee waraanaa Iraan hidhattoota Libaanan jiraniif dabarsite irratti yeroo baayyee haleellaa raawwachuun beekamti, akkasumas buufataalee niwukilaraa barbadeessuu fi saayintistoota niwukilaaraa Iraan ajjeesuun maqaanshee ka’a.

Iraan gama biraan mirga jiraachuu Israa’el kan hin fudhanne yoo tahu, Israa’el immoo Iraan uummata Jeewish irratti xiyyeefachuun haleeluuf karoorsuun himattiin

Doonii walii, walii isaaniis akka haleelanis ni amanama.

Ambaasaaddarri Iraan xalayaa barreessaa olaanaa UN’f kataban irratti, Israa’el ''gamoo ministeera waraanaa tajaajila gargaraa kennurratti yaalii haleellaa shororkeessummaa taasiftee,'' jedhan.

Tahus dhimma kanaaf Iraan ragaa akkamii dhiyeessiti kan jedhu hin ibsine.

''Iddoo kamittis tahe, yeroo barbaachisaa tahe kamittiyyuu Iraan mirga ofirraa qolachuu qabdi,'' jedhan.

Buuftni jedhame kuni sababiin itti haleelamuu danda’e ammatti beekamuu baatus, gabaasoti oomisha misaayelaan wal-qabachuu malaa jedhan jiru.

Midiyaan US qondaalota Ameerikaa waraanaa keessa hin tajaajille eeruun, Israa’el haleellaa Iraan diroonii sadiin raawwatte jette gabaaseera. Kunis Sanbata darbe halkan sa’atii 5:30tti ture.

Akka Iraan jettutti dirooniin tokko humna qilleensaan yoo barbadaa’u, lama immoo kiyyoo humna ittisaan qabamaniiru, tahus gamoowwan irratti miidhaa salphaan yoo qaqqabu namni lubbuun darbe hin jiru.

Himannaan kuni kan mirkanaa’u yoo tahe, mootummaa Israa’el ammaa kanaan haleellaa Iraan irratti raawwate kan jalqabaa taha.