Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Man Yunaayitid fi Amoriim harka Girimzibiitti erga salphatanii booda egereensaanii akkam ta'a?
Kilabi Ingilaand keessatti maqaa guddaa qabu Manchister Yunaayitid harka kilaba diviizhinii afraffaa keessa taphattuutti qaana'uu hin malle.
Yunaayitid kilaba Girimzibiin sadarkaa injifatamuu kilaba ga'edha jedhanii fudhachuun ni ulfaata. Garuu kunoo ta'ee argineerra.
Tapha Waancaa Karabaawoo marsaa lammataan Manchister Yunaayitid gara Girimzibii imalee milkii malee gale.
Yunaayitid barana ga'umsa gaariidhaan dorgommii eegale jedhamee osoo torbee tokkollee hin odeeffamin seenaasaa bara darbeetti deebi'e.
Taphattoonni tasgabbii dhaban, leenjisaan boqonnaa dhabe, daddaaqamni kilabichaa itti fufeera.
Ammammoo kilaba isaan gituuf gulantaan hedduun ishee hafuun mo'aman. Gaaffii ijoon kana booda maal godhu kan jedhuudha.
Kanaaf deebii ga'aa Amoriim irraa hin eegnu. Waa'ee egeree kilabichaa kan murteessan kilabicha keessaa qooda kan qaban Jiim Raatkilif, hoogganaa olaanaa Omaar Beraadaa fi daarektara teknikaa Jeeyisan Wilkaaksi.
Leenjisaa kan fidanis kan gaggeessanis isaani. Kan akka Amoriim turu murteessanis jaruma kunneeni.
Gara Poorchugaal imaluun amma dhuftu malee jedhee kan Amoriimiin dirqamsiise Beraadaadha.
Turtii Ispoortiing waliin qabullee hanga inni xumurutti eeguu hin dandeenye, ammuma jedhan.
Manchister Yunaayitid Amoriim jalatti taphoota 45 keessaa 17 mo'ate, kana keessaa torba dorgommii Awurooppaa Liigii irratti.
Bara darbe kilabichi seenaasaa keessatti qabxii gadi aanaa galmeessise. Kanaa gadi kan galmeessise bara taphaa 1974-75 wayita liigicha keesssaa bu'e ture.
Bara kana kilabichi seenaa kana jijjiiruuf waan kutatee as ba'e fakkaata, garuu ammas sanuma ta'e.
Hooggantoonni kilabichaa kufaatii bara darbeetti deebi'uu akka hin barbaanne beekamaadha.
Maallaqa paawondii miiliyoona 200 caalu baasanii taphattoota gameeyyii sarara fuulduraa irratti kan bitaniif seenaa sana jijjiiruufi.
Amoriim bara darbe homaa kilabicha fooyyessuu wayita dadhabu gadhiisee deemuuf fedhii agarsiisee ture, kanarrattis kilabicha waliin hedduu haasa'aniiru.
Tapha Roobii galgalaa booda yaadi Amoriim kenne kilabicha keessa waan gaariin akka hin jirre, sodaa, yaaddoo, burjaajiin jiraachuu mul'isa.
''Har'a taphattoonni kiyya waan fedhan sirriitti ibsaniiru,'' jedhe Amoriim.
Waan Bilandeel Paarkitti mudate dhuguma sirriitti hubachuu fi dhiisuu isaa gaafatamee ''lakki'' jedhe.
''Garuu an leenjisaa waanan ta'eef waan mudate sirriitti hubachuun hojii koo ture.''
Amoriim fuulduratti ba'ee ija jabinaan waa'ee kilabasaa dubbachuuyyuu qaana'eera. Ibsa miidiyaa kennuurrattillee ofitti amanamummaa hin qabu, yeroo garii hamilee dhabee rincica.
Tapha kaleessa galgalaa irratti deeggartoonni Girimzibii ''bor ganama ari'amta,'' jechuun itti qoosaa, itti moraa turan.
Ammas jechoonni Amoriim hoji manee itti aanuuf kutannoo qabaachuu kan mul'isan miti.
Wayita rukuttaa adabbii miirri fi suukanni isarraa mul'ataa ture, amala leenjisaa kilaba fuuldura deemee dursuu akka hin taane ni hubatama.
Rakkoon ijoon tokko isa kana.
Amoriim ejjennoo cimaa qabachuun faarfama. Keessattuu taphataa lammii Arjantiinaa ta'e Aliyaandiroo Garnaachoo irratti.
Taphatichi erga moggaatti baafamee amala mishaa agarsiisus isa braaruu hin dandeenye.
Amma Chelsii seenuuf dubbataa kan jiru Garnaachoon, dhihooma kana abdii Manchister Yunaayitid akka ta'etti hubatamaa ture.
Taphataan Ingilaand Koobii Maayinuus akkasuma. Qoollifatamuusaa kan hubate taphataan kun yoo carraa argate kilaba akkaan jaallatu gadhiisuuf sadarkaa murteessuurra ga'eera.
Koobii Maayinuu taphoota Piriimer Liigii bara kanaa lamaan irratti hin hirmaanne, tapha Girimzibii irratti daqiiqaa 900 guutuu taphate.
Ammoo ga'umsa irra deddeebiin isa filachiisuu danda'u hin mul'isne. Ga'umsi isaa garuu kan komatamus miti.
Hedduun adeemsi kilabichaa kan taphataan ganna 20 kun akka gadhiisu dirqamsiisu yoo ta'e jijjiiramuunsaa dirqama.
Amoriim akka jedhutti Koobii Maayinuu dursaa taphattoota kilabichaa Buruunoo Farnaadeez waliin dhibdee waan qabuuf tapha jalqabarraa hiriiruu irratti dhiibbaa itti uume.
Amoriim hiriira taphattootaa akka kan Ispoortiing gochuu barbaada. Kun ammoo Manchister Yunaayitidiin fuulduratti deemsisuu hin dandeenye.
Tapha Dilbata darbe Fulhaan waliin taphatanirratti kan isaan miidhe tokko isa kana. Fulhaam sarara gidduurratti olaantummaa akka argatu kan taasise kana.
Amoriim amma hanqinasaa, rakkoo irra deddeebiin himataa ture, akka cufuuf taphattoonni sarara fuulduraa sadi maallaqi paawondii miiliyoona 200 ta'u itti ba'uun bitamaniiruuf, garuu bu'aan argame hin jiru.
Kilaba akka Yunaayitid irraa salphinni akkanaa hin eegamu, amma iji hundi isaanirra jira.