Dhalataan Ertiraa Niw Kaasil gatii rikardiin mallatteessisuuf jedhu eenyu?

Aleeksaandar kilaba Riyaal Sosedaadii gara Niiw Kaasil imaluuf jedha

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Aleeksaandar kilaba Riyaal Sosedaadii irraa gara kilabii pirimiyeer liigichaa kan ta'e gara Niiw Kaasil imaluuf jedha
Maxxanfame

Niw Kaasil jifataa Riyaal Sosedaad Aleeksandar Ayisaaq gatii kilabichaaf rikardii ta’een mallatteesisuufi.

Maallaqni ittiin mallatteessuf jedhu paawundii miiliyoona 60 dha. Kunimmoo kilabichaaf rikardiidha.

Taphataan garee biyyaalessaa Siwiidin reefu ganna 22 yoo ta’u lammummaa Ertiraas qaba. Maatiin isaas Ertiraatii gara Siwiidin imalan.

Yeroo ammaa jifataan Niiw Kaasil Kaalum Wiilsan miidhamee qorannoo fayyaa hamma miidhama isaa baruuf gargaaru eegaa jira.

Aleeksaandar kilabicha seenuun carraa jifannaa isaanii ni cimsa jedhamee eegama.

Taphataan kuni kana dura kilabii Jarman Boorusiyaa Dortimundiif taphata ture.

Kilabii Ispeen Royaal Sosedaadiif si’a 132 hiriiree taphatee galchiiwwan 44 galcheera.

Biyya isaa Siwiidiniif si’a 37 hiriiree taphatee galchii sagal galche.

Kana dura gatiin olaanaa Niw Kaasil taphataa itti mallatteesse paawundii miiliyoona 40 ture. Kunis bara 2019 jifataa Biraazil kan ta’e Joelinton’f kan bahedha.

Aleeksaandar Ayizaakin mallatteessuun Niiw Kaasil baasii ganna kana baasan dachaan dabala.

Kilabichi barana Maat Taarget, Siveen Botmaan fi Niik Poop mallatteesiseera.

Erga dureeyyiin haaraa Niiw Kaasil dhuunfatanii as akkaataan taphattoota mallatteessan jijjiirameera.

Aleeksaandar eenyu?

Aleeksaandar erga maatiin isaa bara 1980 keessa waraana baqatanii biyyaa bahanii booda Siwiidinitti dhalate.

Hojjaan isaa 1.9m yoo ta’u ALA Fulbaana 21, 1999 dhalate. Taphataan kuni Ertiraa waliin ‘itti dhiheenya’ qaba jedhama.  

Galchiin inni bara 2017 keessa biyya isaa Siwiidiniif umrii isaa 17fi guyyoota 113 keessatti galche galchii umrii xiqqaan galuun riikardii garee biyyaalessaa Siwiidin ta'e galmaa'e.

Bara 2018 taphattoota 100 ganna 21 gadi ta’aniifi badhaasa Goldern Youth Award’f kaadhimaman keessaa tokko ture.

Badhaasni kuni barruu beekamaa Xaaliyaanii Tuttosport’dhaan qophaa’a.

Ciminni kubbaa miilaa Aleeksaandar agarsiisu lammiileen Ertiraa akka itti boonan taasiseera.