Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Taphattoonni koo aarii garaa qabu, akka salphaatti Liivarpuul gadi hin dhiisan' - Ten Haag
Maanchistar Yunaayitid har'a dirreesaarratti morkataa Waancaa Pirimeer Liigii kan ta'e Liivarpuul keessummeessa.
Aarii dheengadda Cheelsin isa godhes Liivarpuul irratti nan bahadha jechaa jira.
Leenjisaan Maan Yunaayitid Erik Ten Haag taphattoonni koo Liivarpuul wajjin yeroo taphatan ''ni aaru" jedhan. Aarii xiiqii jechuusaaniti.
Liivarpuul mo'achuu yoo barbaaddan aarii keessan "hojiitti hiikaa" jechuun taphattootasaanii akka gorsanis himan.
Taphoonni kilaboota seenaa keessatti akkaan wal falman kanaa akkaan eegama.
Yunaayitid taphoota lama walitti aansun daqiiqaa dhumaarratti qabxii gate.
Bitootessa 30 Bireentford wajjiin taphatee daqiiqaa 99ffaarratti goolin itti gale 1-1 wal-qixa xumuran.
Dheengadda, Ebla 4, ammoo 3-2n osoo Cheelsii dursuu daqiiqaa dabalataa irratti Cheelsin lama itti galchee 4-3n mo'ame.
Yunaayitid aarii Cheelsii sana garaatti qabatee dirreesaarratti Liivarpuul eeggata jechuudha.
"Dammaqnee murtoo hadhaa'aa fudhachuu qofatu nu baasa," jedhan Erik Ten Haag tapha Dilbata har'aa Liivarpul wajjiin taasisan ilaalchisee yaada kennaniin.
Taphoota Pirimeer Liigii lamaan darban irratti Yunaayitid qabxii shan gatuunsaatiin abjuu dorgommii Chaampiyeens Liigii bara dhufuu waan jalaa dukkanaa'e fakkaata.
Ten Haag garuu ammayyuu abdii hin kutanne: "Ammayyuu sadarkaa olaanatti taphachuu dandeenya.
''Gareewwan ciccimoodha jedhaman wajjiin morkannee warra Pirimeer Liigii keessatti garee cimoodha jedhaman mo'achuu dandeenya. Sana gochuu inuma dandeenya," jechuun yaada kennan.
Liivarpuul amma qabxii 70 qabatee Arsenaalitti aanun sadarkaa lammaffaarra jira.
Arsenaal kaleessa dirree Biraayitan deemee qabxii 3-0dhaan mo'atee Pirimee Liigii dursuu Liivarpuul irraa fudhate.
Maanchistar Siitiinis Paalaasiin 4fi 2'n injifachuun ida'ama galchiin caalamee qabxii 70'n sadarkaa sadaffaarra jira.
Liivarpuul har'a Yunaayitid kan mo'atu yoo ta'e qabxii 73 sassaabbachuun Pirimeer Liigii dursuu Arsenaal irraa fudhata jechuudha.
Yunaayitid ammoo qabxii 48 qabatee sadarkaa 6ffaa irratti argama. Har'a akkuma dhaadate carroomee yoo injifate qabxii 51 godhata.
Sadarkaa shanaffaarra kan jiru Tootinhaamifi Yunaayitid gidduudhayyuu garaagarummaa qabxii bal'aatu jira - qabxii sagal.
Ten Haag bara 2022 erga Yunaayitid leenjisuu eegalanii Liivarpuul si’a lama Old Tiraafolditti morkatanii injifataniiru. Kan FA dabalatee jechuudha.
Yunaayitidiifi Liivarpuul ji'a darbe tapha FA Cup irratti Old Tiraaforditti wal-arganii Yunaayitid duubaa ka'ee 4-3n injifachuun Liivarpuul FA Cup keessaa baasee ture.
Har'as tarii akka gaafasii milkaa'innaa laata?
"Dafnee dandamannee [Cheelsin mo'amurraa] deebi'uu qabna. Kana jijjiiruu qabna. Amma miira gaarii keessa jirra.
"Garuummoo aarifi xiiqidhaan taphanna. Gaafa aartu anniisaa hin jirretu sii dhufa, amma gochuu kan qabnu kana," jedhan Ten Haag.
Dhaamsa deeggartootaaf
Gareen Kiloopp bara dorgommii 2021-22 qabxii tokkoof waancaa dhabe barana waancicha kaasuuf morkii cimseera.
Taphoonni liigichaa xumuramuuf tapha saddeet qofatu hafa.
Morkiin si’achi qaban gaarii akka ta’e namoonni haasa’u dhagahuu isaanii kan himan Kiloopp, ‘’nuti qophiidha, morkii sana keessa,’’ turuu feena jedhan.
Taphi Liivarpuul Yunaayitid waliin taasisu muddama makatuun isaa hin hafu.
Tapha FA irratti deeggartoonni Yunaayitid lama waa’ee Hiilisboorow iyyaa turan hidhamaniiru.
Balaan Isteediyeemii Hiliisboroow bara 1989’tti dhaqqabe deeggartoota Liivarpuul 97 galaafateera.
Deeggartoonni kunneen tapha FA Liivarpuul fi Nootingihaam Foorast daawwataa turan.
Sababa kanaaf leenjistoonni lamaan deeggartoonni yeroo kilaba isaanii deeggaran dubbiin nama tuttuquurra akka of qusatan waamicha taasisaniiru.
‘’Ijoollee keenya kabaja, wal hubachuuf barsiisuu qabna,’’ jedhan Kiloopp.