Yukireen midhaan alatti akka eergituuf Raashiyaan waliigalte - Tarkiiye

Midhaan

Madda suuraa, EPA

Maxxanfame

Yukireen Galaana Guraacha (Black Sea)tti fayyadamuun midhaan biyya alatti akka eergituuf Raashiyaa waliin waliigaluu Tarkiiyen ibsite.

 Waliigalteen kun Jimaata Yukireen, Raashiyaa, Tarkeey fi Hogganaa UN Antoniyoo Guteeraas gidduutti Istaanbul keessatti taasifame.

 Erga Raashiyaan Guraandhala 24 irratti Yukireen weerartee booda, sababa hanqina midhaan Yukireeniin addunyaa irratti namoonni miiliyoonaan lakka’aman beelaaf saaxilamaniiru.

Weerarri kun gatiin nyaata akka haalaa dabalu taasiseera, kanaaf waligalteen buufataalee doonii Yukireen dhorkamanii turan banuuf taasisame bayyee barbaachisaadha.

Midhaan toonii miiliyoona 20 (kg biiliyoona 18) ta’u man-kuusaalee magaala Odesaa kessatti danqamee jira.

 Ministeerri haajaa alaa Yukireen mariin marsaa biraa midhaan dhorkame gadhiisuu irratti UN’niin hogganamuu Jimaata Tarkeey keessatti akka gaggeefamuu fi waligalteenis ‘mallatteefamuu akka danda’u’ mirkaneessaniiru.

 Ta’us garuu Miseensi Paarlaamaa Odeessaa Odesa Oleksiy Honcharenko waa'ee waligaltichaa irratti of eggannoon jiraachu akka qabu BBC Radio 4'tti himan.

 “Hanga ammaatti waligaltee hin qabnu,“ jedhan Oleksii Honcharenkoo BBC’tti yoo himaniitti.

“Nuti tasumaan Raashiyaa hin amannu. Kanaaf hanga bor murtee dhumaarra ga’amuttii fi Raashiyaa irraa mormiin wayii fi jijjiramni dhumarratti taasifamu akka hin jiraannee hanga baruutti mee haa turru.”

“Boru waliigaltee ni qabaanna, Raashiyaanis sana ni kabajdi abdii jedhuun nan tura.”

Wajjirri mootummaan US waligaltee UN’n durfame kan simateera, ta’us garuu xiyyeeffannoon isaa Raashiyaan waliigalticha hojiirra akka oolchistu taasisu irratti ta’an jedheera.

“Jalqabumayyu haala akkanaa keessa seenuu hin qabnu ture. Kun murtee beekaa Federeeshiniin Raashiyaa nyaata akka meeshaa waraanaatti fayyadamuuf taasisedha,” jechuun dubbii himaan waajjirichaa Need Piraayis.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dippiloomatooti akka jedhanitti karoorri kun kan armaan gadi of keessatti qabata:

  • Dooniin midhaanii Yukireen buufata doonii fayyadamun seenuu fi ba’uu danda’u
  • Yeroo dooniin socho’utti Raashiyaan dhukaasa dhaabuuf waligaluu
  • Tarkiiyeen -Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin deeggaramtee- meeshaa waraanaa ittiin galchuuf fayyadamama jechuun yaaddoo Raashiyaan qabdu dhaga’uun, shakkata’iinsa dooniwwani akka gaggeessitu

Waligalteen kun dabalataanis, Raashiyaan akka midhaanii fi xa’oo karaa Galaana Gurraachaan sochooftuuf kan gargaarudha.

Waliigaltee midhaani kan dhugoomsuuf UN fi Tarkiin ji’oota lamaaf hojjechaa turaniiru.

Raashiyaan buufataalee doonii Yukireen dhorkuu ni haalti- Yuukireen galaana keessa boombii keessi jechuun himachuun, qoqqobiin biyyootii lixaa ammo gabaa alaa ishee akka harkifachiise himatti.

Yuukireen garuu humna waraana galanarraa RAashiyaa akka midhaanii fi waan biro gara alaatti hin deemneef dhorkaniiru jechuun, humnootiin Raashiyaa qonnaan bultoota Yuukireen irraa midhaan hataniiru jechuun himateetti.

Yoo waliigalteen kun akka karoorfametti adeeme, kun erga weerarri eegalee as walii galtee Raashiyaa fi Yuukireen giddutti taasifamu isa jalqabaa ta’a. Kan dura hidhamtoota wal geeddaruun yoo jiraatus, waligaltee dhuukasa dhabuu irra ga’uun fagoo fakkaata.

“Walidhaliin gurgurtaa midhaani, kan nageenya nyaataa addunyaaf baayyee barbaachisaa ta’e, Istaanbul keessatti  bakka Pirezdaantiin TArkii Riseep Tayiip Erdogaan fi hoogganan UN Guteeras bakka jilli Yukireen fi Raahsiyaa jiranitti gaggeefama,” jechuun dubbii himaan Erdogaan, Ibraahim Kaliin ibsaniiru.