Chaayinaan masjiidota cufuu fi diiguun Islaamummaa biyyashee keessaa balleessaa jirti- HRW

Chaayinaan masjiidota hedduu keessaa minaaraa fi utubaawwan seena qabeeyyii diiguun kan aadaa biyyattii calaqqisiisuun bakka buusaa jirti

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Chaayinaan masjiidota hedduu keessaa minaaraa fi utubaawwan seena qabeeyyii diiguun kan aadaa biyyattii calaqqisiisuun bakka buusaa jirti
Maxxanfame

Shaabbanni Hiyuuman Raayitis Waach (HRW), Chaayinaan masjiidota cufuu, diiguu fi ijaarsa biraatiin bakka buusaa jirti jechuun himatee gabaasa baase.

Tarkaanfiin hacuuccaa Chaayinaan fudhachaa jirtu kun, qaama karoora Tarsimoo biyyattiin amantiin Islaamaa akka hin babal'anne dura dhaabbachuuf baafatteeti jedha jaarmiyaan kun.

Chaayinaa keessa muslimoota miiliyoona 20 ta'antu jiru. Biyyattiin amantii leellisuu baattus garuu mirga amantii ni eegdi.

Haata'u malee, kanneen haala biyyattii keessa jiru ijaan argan, yeroo dhihoo as hacuuccaa hamaan amantiifi amantootarratti raawwatamaa jiraachuu ibsan.

Beejiingi amantiiwwan hunda to'achuu barbaaddi.

Gabaasi HRW maxxanfamuu dura BBCn ministeera dhimma alaa fi komishinii dhimma sabootaa fi amantiiwwanii irraa yaada argachuuf gaafatee ture.

''Duulli mootummaan Chaayinaa masjiidota cufuu, diiguu fi waan biraan bakka buusuuf gaggeessaa jiru malaan amantii Islaamaa balleessuuf karoora baafameedha,'' jedha qondaalli HRW Maayaa Waang.

Gabaasi kun muslimoota Uyghur Kaaba-dhiha Chaayinaa keessa jiraatan irratti hacuuccaan hammaachuun irra deddeebiin erga dhagahamee ba'e.

Beejiingi himannaa dhiittaa mirga namoomaa muslimoota Uyghur kana ni haalti.

Chaayinaa keessa muslimoonni Kaaba-dhiha biyyattii kutaalee Xinjiang, Qinghai, Gansu fi Ningxia keessa baayyinaan jiraatu.

Kutaa muslimoonni heddumminaan keessa jiraatan naannawa Ningxia, ollaa Liaoqiao keessatti masjiidota argaman ja'a keessaa sadi irra miidhaan ga'eera.

Minaaraa fi utubaan masjidota kunneen balleeffammeera jedha HRW.

Kaan ammoo iddoo itti salaatan balleessan akka gabaasa kanaatti.

Masjiidota hedduu keessaa minaaraa fi utubaawwan diigamuun kan Chaayinaan bakka buufamaa jiraachuu HRW ragaa argachuu ibse.

Kutaa biyyaa Xinjiang keessatti masjiida cufame

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Kutaa biyyaa Xinjiang keessatti masjiida cufame

Beektota amantii Islaamaa Chaayinaa keessa jiranii keessaa tokko kan ta'an Hannah Theaker erga bara 2020 as masjiidonni 1,300 cufamuu BBCtti himan.

Bulchiinsa Shii Jiinpiing jalatti paartiin koministii amantiin kamuu siyaasaa fi aadaa biyyattii fi aakka deeggaru gaafata.

Paartiin kun bara 2018 seera masjiidota to'atuu fi lakkoofsa masjiidotaa hir'isu baasee ture.

Seerri kun mootummaan masjiidota kaan diigee, muraasa akka hambisu ajaja.

Haala kanaan jaarmiyaaleen amantii akka dhabamaa deeman gochuun kaayyoosaaniiti.

Ijaarsi, caasaa fi maddi maallaqaa masjiidotaa akkaan hordofamuu fi to'atamuu akka qabus ajaja seerri paartii koministii kun.

Chaayinaa keessatti saboonni amantiin isaanii Islaama ta'e gosa lamatu jiru.

Huis kan jedhaman jaarraa 8ffaa keessa bara bulchiinsa Tang Chaayinaa seenan.

Uyghurs kan jedhaman ammoo heddumminaan kutaa biyyaa Xinjiang keessa jiraatu.

Erga bara 2017 as masjiidota kutaa biyyaa Xinjiang keessa jiran keessaa harki lama sadaffaan diigameera.

Mootummaan Chaayinaa garuu masjiida jabeessaan jira jedha.

Muslimoonni Hui inni mootummaan Chaayinaa jedhu kun akka paartiisaa deeggaruuuf mala itti fayyadamuudha jedhu.