Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanchister Siitii v Arsenaal, morkii waancaa baranaa fi haloo bara darbee akkamiin xumurama?
Arsenaal bara dorgommii kanatti taphattoota haaraas dabaluun bakka qaawwaa qabu cufatee waancaaf dorgomaa cimaa taha tilmaamni jedhu kennameeraaf.
Gama biraan Maanchister Siitiin walitti aansuun waancaa Piriimer Liigii mao'ataa ture bara dorgommii knattis ciminaan jalqabe.
Tapha Shaampiyoonsi Liigii irratti miidhama salphaan dirreetii kan bahe Keevin De Biruun miidhamuma isaa waliin tapha boruu kanaaf akka qophaa'u godhamuu hin hafu jedhamaa jira.
Naataan Alee fi Oskaar Boob ammayyuu miidhamanii jiru.
Arsenaaliif oduu gaariin ammoo Deklaan Raayis adabbii isaa xumuree debei'uu isaati.
Arsenaal Deklaan Raayisii fi Odeegaardi malee Tootenhaamiin mo'achuun haamilee guddaa akka isaanif kenne Arteettaan dubbataniiru.
Tapha Maan Siitii waliin qabanis sodaa malee akka taphatan himan.
Mikeel Meeriinoo, Odegaardi, Tomiyaasuu fi Ziincheenkoon miidhamaniiru.
Maanchister Siitiin ergabara 2015 2-0 Arsenaaliin mo'amee as tapha tokkoyyuu Arsenaaliin hin mo'amne.
Taphoota sagal taphatan keessaa torba mo'achuun lama qoxa bahaniiru.
Qabxii afur Arsenaal Maanchister Siitii waliin qixa bahuun waggaa darbe argate kan taphoota 15 irratti kana dura argataniin qixadha.
Arsenaal bara dorgommii darbetti taphoota lama irratti galchiin osoo irratti hin lakkaa'amiin xumure. Kun ammoo Arsenaal haalaan fooyya'uu isaa agarsiisa.
Arsenaal Itihaad irratti taphoota jaha darban irratti galchii tokkottiin lakkoofsisan Ebla bara 2023 yeroo 4-1'n mo'aman kan Rob Hooldiing lakkoofsisedha.
Arsenaal Maan Siitii wlaiin yeroo 211 wal dorgomanii yeroo 99 mo'ataniiru. Maan Siitii caalaa kan mo'atan Everteen yoo tahu innis yeroo 100 tahuufi.
Maanchister Siitiin hamma Arsenaaliin mo'ame morkataa isaa biraatiin mo'amee hin beeku.
Taphoota 211 keessaa maan Siitiin kan mo'achuu danda'e 65 qofa. Taphoota 47 qixa bahaniiru. Garuu dhiyeenya seenaan kun jijjiirameera.
Maanchister Siitiin yeroo jalqabaaf kileba Ingilizii walitti aansuun waggoota shaniif waancaa Piriimer Liigii mo'ate tahuuf carraaqa.
Dirree isaa irratti ammoo taphoota 47 walitti aansee mo'achuun rikardii gaarii qaba.
Tapha tokkottii kilebichi dirree isaa irratti mo'ame bara 2022 yoo tahu tapha Bireentifoordi waliin taassianidha.
Barana Erliingi Haalaandi taphoota afur irratti galchii sagal lakkoofsiseera.
Erga bara 1951-52 yeroo taphataan Maan Yuunaayitid yeroo sanaa Jaak Roowlii lakkoofsiseen as taphataan tokkoyyuu galchii hagasii hin lakkoofsifne.
Taphoota 10 gadi taphachuun galchii 10 ol kan lakkoofsisee beeku taphataa Miik Kuwaansi jedhamu yoo tahu innis bara 1992-93dha.
Rikardii kana cabsuun galchii hedduu kan lakkoofsise ammoo Erlingi Haalaandi matuma isaati. Kunis bara 2022-23dha.
Tapha Arsenaal waliin taaisan irratti garuu rikardii gaarii hin qabu.
waggaa sadii Maan Siitii keessa ture keessatti Haalaandi galchii lama qofa Arsenaal irratti lakkoofsise. Wiiliyaam Saalibaa akka inni hin sochoonetti hordofuun taphataa ture.
Arsenaal taphoota dirree isaan alaa 12 osoo hin mo'amiin taphachuun seenaa Piriimer Liigii haaraa galmeessaa jiru.
Taphoota kudhan keessaa sagal irratti galchiin irratti hin lakkaa'amne.
Haa tahu malee, kileba Shaampiyoonaa tahuun xumure waliin taphoota 29 taasisan keessaa dirree isaaniin ala kan mo'achuu danda'an taphoota sadii qofaadha.
Gareen Arteettaa kubba dhaabbate ykn kornaa dabalatee galchii 24 lakkoofsisuun kilebni isaan dorgomu hin jiru.
Kun rukuttaa peenaaliitii hin dabalatu. Tootenhaamiinis haaluma kanaan galchii Gabri'el Magaleshiin mo'atan.
Erga leenjisaa duraanii Maan Yuunaayitid Ole Gunar Soolshaayerii as Arteettaan leenjisaa lamaffaa osoo galchiin irratti hin lakkaa'amiin taphoota sadii xumure tahuuf boru morkata.
Har'a ammoo Maanchister Yuunaayitid Kiristaal Paalaas, Cheelsiin West Haam waliin taphni taasisan haalaan eegama.
Aston Viilaan Wolvis keessummeessa. Niw Kastil ammoo Fulhaam waliin morkatu.