Darbii Landon Arsenaal fi Totenhaam walitti fidu dabalatee tilmaama Piriimer Liigii

Maxxanfame
Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Arsenaal Dekilaan Raayis fi Maartiin Odegaard malee gara Tootenhaam deemuun morkata. Haata’u malee, taphattoonni lamaan dhibuun Darbii Landon kaabaarrratti dhiibbaa inni qabaatu maal ta’a laata?

“Raayis hin jiru… Odegaard hin jiru,…..mo’achuun hin jiru jedha xiinxalaan ispoortii BBC Kiriis Saatan.

Akkuma yeroo kaanii tapha Piriimer Liigii hunda kan tilmaamu Kiriis Saatan, taphoota torban afraffaa akka itti aanu kanatti kaa’eera.

Sambata, Fulbaana 14, 2024

Saawozihampitan v Maan Yunaayitid

Taphni kun dirree Saawozihapitan St. Mariitti waaree booda 8:30 irratti taphatama. Saawozihampitan tapha sadan darban hunda mo'amaniiru. Kubbaa duubarraa ijaaranii taphachuu dadhabuutti qeeqamaa jira.

Tapha yeroo darbe Bireentifoord waliin taphatanirratti dogoggora hojjechuusaaniitiin gooliin irratti lakkaa'ameera.

Falmiin miillana Maanchester Yunaayitid waliin taasisan salphaa hin ta'uuf. Gareen Eriik Teen Haag rakkoo mataasaa qabaatus ciminsa tapha kanaaf ta'u garuu qaba.

Tilmaama: 0 - 2

Biraayten v Ipsiwiich

Taphni kun istaadiyeemii Ipsiwiich irratti waaree booda sa'aatii 11:00 irratti gaggeeffama.

Namoonni akka waan ani diina Ipswiich ta'eetti na yaadu. Kun dogoggoradha. Wanti leenjisaan Kiraayen Maakeen hojjechaa jiru gaariidha jedheen yaada.

Boqonnaa idil-addunyaa dura tapha taphateen Fuulhaam waliin wal qixa bahuu danda'eera.

Ammas taanaan tilmaamaa koo Piriimer Liigii keessaa ni bu'a jedhu hin dhiisu.

Ipsiwiich gara dirree Biraayiten deemee waa fidee dhufa jedhee hin eegu. Sababiin isaa ammoo Biraayiten kilaba cimee deemaa jirudha.

Tilmaama: 3 - 1

Kiristaal Paalaas v Leester

Taphni kunis dirree Kirstaal palaasirratti waaree booda sa'aatii 11:00 irratti taphatama.

Kiristaal Palaas dorgommii Piriimer Liigii bara kanaan qabbanaa'aadha. Kan nama aarsudha yoo jedheyyu harbeessuu hin ta'u. Haata'u malee, injifannaan isaanii jalqabaa fagoodha jedhee hin yaadu.

Tapha Leester waliin taasisaniin injifannoo isaanii jalqabaa dhandhamatu jedheen yaada. Leester gara fulla duraatti wan cimaatu isaan eeggata tilmaama jedhun qaba.

Tilmaama: 2 - 1

Fuulhaam v Weest haam

Topha kana Fuulhama dirree isaarratti simatee waare ebooda sa'aatii 11:00 irratti gaggeefama.

Tapha kana tilmaamuun salphaa hin ta'u. Taphoota akka kanaati yeroo baayyee tilmaama ani tornbaniin kennu dogoggora kan taasisan.

Fuulhaam sadarkaa gaariirra jira. Taphni isaas nama gammachiisa. Weesthaam akkua kana gahumsa gaariirra jira. Weesthaam tapha maan Siitii waliin taphateen mo'amullee garee Gaardiyoolaatti qormaata ta'eera.

Gareen lamaanuu carraa goolii ni uumu jedheen yaada. Haata'u malee, taphni kun wal mo'achuutiin xumurama jedhee hin yaadu.

Tilmaama: 1 - 1

Liiverpuul v Nootinghaam Forest

Liiverpuul Anfiild irratti waaree booda sa'aatii 11:00 irratti keessummeessa.

Liiverpuul hanga ammaa erga leenjisa ahaaraa Arnee Silootiin fidee gooliin irratti hin lakkaa'amne. Yaaliin goolii hedduunis irratti taasifamaa hin jiru. Akkasuma ta'ees yeroo gara fuula duraatti deemu ni sodaachisa. Maanchester Ynaayitidiin dirree isaarratti seemee mo'achuu danda'eera.

Jifataan Nootingihaam Forest Kiriis Wuud goolii lakkoofsisaa jiraatus Anfiildirratti garuu ni milkaa'a tilmaama jedhu hin qabu.

Karoorri Nootingihaam Forest ittisuurratti xiyyeeffachuu ta'us hin milkaa'an. Mohaammed Saalaan ni lakkoofsisa. Arnee Silootis ni mo'ata.

Tilmaama: 2 - 0

Maan Siitii v Bireentifoord

Taphni Itihaad irratti gaggeeffamu kun waaree boda sa'aatii 11:00 irrattidha.

Bireentifoord kilaboota Maanchester Siitii burjaajessan keessaa tokkodha. Bara dorgommii 2022-23 keessa Bireentifoord dirree isaarrattis Dirree isaatiin alattis Siitii mo'achuun isaa hin dagatamu.

Haata'u malee, bara kana kun irra deebiyama tilmaama jedhu hin qabu. Namni isa dhaabu kan hin argamne Erliing Halaand fi Siitiin tapha kana ni mo'atu jedheen tilmaama.

Tilmaama: 3 - 1

Aston Viilaa v Everten

Taphni kun Viilaa Paark irratti galgala sa'aaatii 1:30 irratti gaggeeffama.

Leenjisaan Everten Daayish Shoon gareen isaa 2 fi 0 dursuurraa kaasee Barnimaaziin 3-2n mo'amuun isaa guddoo akka qeeqamu taasiseera.

Daayish mo'achuu barbaada. haata'u malee, gara Viilaa paark deemee kana ni milkeessa jedhee hin yaadu.

Everten bara darbe dirree Aston Viilaa irratti 4-0n mo'ame. Qabxii argachuuf ni carraaqu jedhee yaadullee waan isaaniif milkaau hin ta'u.

Tilmaama: 2 - 0

Bornimaz v Chelsii

Taphni kun galgala sa'aatii 4:00 irratti dirree Bormazirratti gaggeeffama.

Bornimaz bara dorgommii kana keessa hanga ammaatti hin mo'amne. Gara Everteen deemanii mo'atanii deebiyaan.

Waa'ee Chelsii maal jechuu akkan qabu hin beeku. Kool Paalmer tapha kanaaf qaqqabuufi dhiisuu isaa wanti beekamu hin jiru. Sababa kanaan taphni kun walqixaan xumurama tilmaama jedhun qaba.

Tilmaama: 1 - 1

Dilbata, Fulbaana 15. 2024

Tootenhaam v Arsenaal

Taphni kun waaree booda dirree Tootnhaam irratti sa'aatii 10:00 irratti gaggeeffama.

Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa turtii kontiraata isaa hanga bara 2027tti dheereffateera. Haata'u malee, gara Darbii Landon Kaabaatti kan imalu taphattota murteessoo ta'an lama maleedha.

Maartiin Odegaard miidhamaan, Dekilaan Raayisiin ammoo sababii adabbiidhaan hin taphata. Taphattoonni ciccimoo warri akka Jorjiiniyoo fi Toomaas paartee sarara gidduu to'achuu danda'anillee, Raayisi fi Odegaard dhibuun isaanii miidhaa guddaadha.

Ze Gaaners tapha kanarratti carraa goolii uumuufi lakkoofsisuu ni danda'u. Haata'u malee, tilmaamni kiyya Tootenhaam akka mo'atanidha.

Tilmaama: 3 - 2

Woolvis v Niiwukasil

Niwukasil bara kana hanga ammaatti mo'amuu baatus taphni isaanii garuu hedduu kan nama hawwatu miti. Wolvis ammoo hin mo'atiin jiru. Carraa baayyee uumanillee rakkoo manii keessa buusuu qabu. Tilmaamni kiyya taphni kun wal qixaan xumurama kan jedhudha.

Tilmaama: 1 - 1