Keeniyaan narsoota dabalatee hojjettoota 2,500 Sa'udiitti erguuf

Narsoota Keeniyaa kanaan dura hojiif gara UK deeman

Madda suuraa, OUH

Maxxanfame

Keeniyaan hojjettoota gara Saa'udii Arabiyaa erguuf waliigaltee raawwachuu pireezidantiin biyyattii Wiiliyaam Ruutoo himan.

Waliigaltee gaafa Kamisaa taasifameen narsootaa fi hojjettoota dandeettii qaban biroo gara Baha Giddduugalaa ergamu. Bobbaasa marsaa jalqabaanis namoonni 2,500 deemuuf qophaa'aniiru.

''Kanaan dura hojjettoota manaa qofa ergina ture, amma garuu hojjettoota ogummaa qaban gara Sa'udii biyyoota biraa erguu dandeenya.'' jedhan Pireezidant Ruutoon haasaa Jimaata kaleessaa taasisaniin, hojjettoonni kunneen doolaarri 1,300 akka kaffalamuufis himaniiru.

Oduun kuni erga ministeerri hojjetaa biyyattii torbee darbe hojjettoota ogummaa qaban 1,500 gara Israa'el akka erguufi ji'aan doolaarri 1,500 akka kaffalamuuf himuun booda dhagahame.

Baatii darbe Pireezidant Ruutoon lammiilee Keeniyaaf carraan hojii 200,000 akka banamu mari'achuuf Jarman deemanii turan.

Pireezidant Ruutoon carraa hojii lammiilee Keeniyaaf addunyaarra deemanii akka gaafatan himuun, lammiileen isaanii oomishtummmaan akka beekamanis eeraniiru,

Ruutoon lammiileen Keeniyaa biyyoota alaatti hojii argachuun hojiidhabdummaan biyya keessaa akka hir'isu barbaadu. Kana malees sharafa biyya alaa erguun maallaqa biyyattii lafeeru akka deeggaran barbaadu.