Keeniyaan hojjattoota humnaa 1,500 Israa'el dhaqanii akka hojjataniif erguufi

Hojjataa maasaa qonnaa Israa'el keessa hojjatu

Madda suuraa, ANDREW CHUNGA

Maxxanfame

Keeniyaan hojjattoota humnaa 1,500 ta'an Israa'elitti erguuf akka jirtu Ministeerri Hojjataa beeksise.

Keeniyaan lammiilenshee gara Israa'el deemanii hojiirratti akka bobba'aniif kan ibsite Maalawwiin lammiileenshee Israa'el deemanii hojii humnaa akka hojjataniif ergitee torban lama boodadha.

Hojjattoonni Keeniyaan erguuf jirtu walii galtee waggaa sadiin haara'uufi mindaa ji'aa dolaara 1,500 kan argatan ta'a.

Waraana Israalifi Hamaas hordofee hojjattoonni lammiilee biyya biraa ta'an heddu achii bahuu hordofee bakka sana guutuuf fuulashee gara Afrikaatti deebifatte.

Waraanichi erga eegalee as hojjattoonni qonna Israa'el keessa hojjatan heddumminaan lammiilee Taayiland kan ta'an 10,000 Israa'el gadhiisanii deemaniiru.

Osoo waraanni Israa'elifi Hamaas hin eegaliin dura hojjattoota qonnaa Israa'el keessaa 20% kan ta'an lammiilee Filisxeemidha. Erga waraanichi eegalee as garuu Israa'el hojiirraa isaan uggurte.

Keeniyaatti ambasaaddara Israa'el kan ta'an Mikaa'el Lootam BBCtti akka himanitti biyyisaanii Keeniyaa qofa osoo hin taane Yugaandaa irraallee hojjattoota qonnaa qacaruuf jirti.

"Biyyoota Baha Afrikaatif baroota dheeraf muuxannoo qoodaa [internship] akka turre, ammammoo rakkoo humna namaa nu mudate guutuf fuula keeya gara biyyoota Baha Afrikaatti deebifannee jirra," jedhan.

Clemence Felix Mtenga

Madda suuraa, MASHAV ISRAEL

Ibsa waa'ee suuraa, Lammii Tanzaaniyaa barataa qonnaa ta'e Israa'elitti du'e

Hanqinni hojjataa humna namaa biyyattii mudachuuf sababni guddaan Israa'el loltoota humna eeggataa [reservisits] ta'an 360,000 waraanaf waamamuu isaanii ta'uu ibsan Ambasaaddar Mikaa'el.

Lammiileen Filisxeem akka hin hojjanne dorkamuufi lammiilen biyya biraa gara biyyasaanitti deebi'uu akka sababaatti hin dhiyeessine ambasaaddarri Israa'el.

Torbee Ministeerri Qonnaa Israa'el miidiyaa CNNtti akka himetti, biyyattiin hojjjattoota maasaa qonnaa keessa hojjatan 30,000 hanga 40,000 barbaaddi.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Keeniyaan hojjattoota maasaa qonnaa Israa'el keessa hojjatan 1,500 erguuf akka jirtu beeksisuu hordofee yeroo biyyattiin waraana keessa jirtutti lammiilee ofii garasitti erguun nageenyasaanii yaaddoo keessa galchuu akka ta'e kaasun kan falman danuudha.

Yeroo waraanni Israa'elifi Hamaas eegalu lammiilen Taayilaand hojii humnaatti bobba'uun hojjataa turan 32 yoo du'an heddu ammoo Hamaasin butamanii ture.

Barataan lammii Tanzaaniyaa qonna irratti muuxannoo fudhachuuf Israa'el ture ajjeefamee kan biraa ammoo achi buutensaa dhabame.

Gama biraan ammoo lammiilen biyya biraa Israa'elitti maasaa qonnaa keessa hojjatan nageenyisaanii kan hin eegamneedha jedhamuun duraanuu komiin ka'aa ture.

Bara 2018 BBCn qorannoo gaggeessen godaantonni lammiilee biyya biraa maasaa qonnaa Israa'el keessa hojjatan, haala nageenyi isaanii hin eegamne, qulqullina hin qabne keessatti hojjachuusaanifi hojii humnaa olii akkasumas gatii gadaannadhaan hojjachuusaanii bira gahee ture.

Keeniyaatti ambasaaddarri Israa'el Mikaa'el Lootem garuu erga komiin kun ka'ee tarkaanfiwwan sirreeffamaa fudhatamuu BBCtti himan.

Rakkoo hoji dhabdummaa Keeniyaa keessa jiru yaada keessa galchuun karoora mootummaan hojjattoota 1,500 erguuf jiru kanneen deeggaranis jiru.

Maalawwinis hojjattoota 5,000 dabalataan Israa'el dhaqanii akka hojjataniif erguuf akka jirtu beeksiftee jirti.